Hakima gameettii ganna 40 oliif dubartoota kumoota hedduuf aara-galfii taate- Dr Muluu Mul'ataa

Dr. Muluu Mul'ataa hakimoota waldhaansa fayyaa haadholii maqaa guddaa qaban keessaa tokkodha. Waldhaansaafi qorannoo fayyaa ulfaafi gadameessaatiin waggaa 40 ol hojjetaniiru.

Addumatti ammoo dubartoota dhukkuba feestullaa qaban waldhaanuu erga eegaltee ganna 35 caaleera. Dhukkubsattoota feestullaa waldhaanuun ogummaan qofa otoo hin taane miiraasaanis walitti hidhateera.

Hanga yoonaatti waldhaansa baqaqsanii yaaluu dhukkubsatoota feestullaa 10,000 ol hojjechuu himu. Har'a erga soorama baatees waldhaanuu hin dhiisne. Giddugala dhuunfaasaanii banachuun fayyaa haadholii fi daa'immanii waldhaanutti jirtu. Dhukkubsattoota feestullaa ammoo tolaan tajaajilaa jiru.

Dr. Muluun akkamiin gara imala dheeraa kanaatti akka dhufanii fi gumaacha waldhaansa dhukkuba feestullaarratti taasisan ilaalchiseei BBC waliin turtii taasisaniiru.

'Ani dhiiratu doktara ta'a natti fakkaata'

Dr. Muluu Mul'ataa dhalatanii kan guddatan giddugala Oromiyaa naannoo Giinciitti. Maatiinsaanii qotee bultoota turan. Dubara barsisuun hawaasa baadiyyaa biratti hammana kana kan baratame miti.

"Warrikoo qotee buleedha garuu warra barumsi barbaachisaa akka ta'e warra galeefidha. Keessumaa abbaankoo akka barannu baay'ee nu jajjabeessu turan" jechuun dubbatan.

Dr. Muluun obbolaa dhiiraa shanii fi obboleettii tokko kan qabdan yoo ta'u, hundumtuu barataniiru. Mana barumsaa daandii lukaa qabu imaluun baratan. Bakkuma dhalatanitti hanga kutaa saddetiitti baratan. Kutaa 9-12 ammoo M/B sadarkaa lammaffaa fi qophaa'inaa Ambootti baratan.

Duraan odeeffannoo gahaa akka hin qabne kan dubbatan Dr. Muluun, qabxii kutaa 10ffaatiin barnoota narsiingii galuuf yaadaa akka turan kaasu. Boodarra garuu yaada jijjiirsisanii baroota itti fufuun kutaa 12ffaa xumuran. Gosa barnoota Herregaa fi Fiiziksii daran jaalatu. Yunivarsiitii yeroo filatan hiriyaasaanii waliin barnoota injinariingii barchuuf karoorfatanii turan.

Barsiisaan isaanii tokko garuu "isin doktara taatu nuun jedhe, isa nuti guunne nu harkaa fuudhee, filannoo jalqabaa MD [Medical Doctor], filannoo lammaffaa Injinariingii jedhee nuu guute" jechuun yaadatu.

Bara 1984tti digirii jalqabaa Yunivarsiitii Gondar irraa hakima fayyaa namaa [medicine]n eebbifaman. Ganna lama ammoo hakima waliigalaa [GP] ta'uun Hararii fi Naqamte erga tajaajilanii booda ispeeshaalitiidhaaf Yunivarsiitii Finfinnee [Tuqur Ambassaa] ogummaa ulfaafi gadameessaa baratan.

Dubartiin barnootaaf waldhaansatti amantu Dr. Muluun, Noorweey Yunivarsiitii Bergenirraa PhD'n eebbifaman. Qorannoon PhD isaanis waa'ee dhukkuba fuustullaa irratti kan xiyyeeffatedha. Sab-ispeeshaalitiishee ammoo Yunivarsiitii Jimmaatti hojjetan. Dr Muluun maastarsii biraa, to'annoo dhukkubaatiin, Beeljiyeem Inistuutii Tirooppikaal Meedisin irraa argataniiru.

Yeroo maatiin isaanii mana yaalaa deeman hakimoonnii fi narsoonni dhukkubsataa ennaa waldhaanan arguurraa kan hafe, "waa'ee doktara ta'uu odeeffannoo hin qabu. Ani dhiiratu doktara ta'a natti fakkaata. Ergan itti seenee ammoo jaalachaadhuman dhufe" jedhan.

Otoo hin yaadiin gara waldhaansa namaatti kan seenan Dr. Muluun, waldhaansa fayyaa dubartoota keessumaa ammoo dhukkubsattoota feestullaa yaaluun umuriisaanii guutuu darbasan.

Yeroo barnoota ispeeshaalitii hordofaa turaniitti carraa Hospitaala Feestullaa Haamliin deemuu argatan. Haala ulfaataa dubartoonni Feestullaan qabaman arguun gaddan.

Miirri achitti itti dhaga'ame deemsasaanii dheeraa murteessuun dubartoota kuma kudhaniin lakka'amaniif qoricha taasise. Yeroo achi turaniitti Dr. Kaatriin Haamliin waliin akka walbaran kan kaasan Dr. Muluun, yeroo eebbifamaniitti akka gara sanatti deebitee isaan waliin hojjettu waliin haasa'anii turan.

Akkuma ispeeshaalistii ulfaafi gadameessaa ta'uun eebbifamteen bara 1990 Hospitaala Feestullaa Haamliinitti ramadaman. Ganna 18 dhukkubsattoota Feestullaa waliin kan dabarsan hakimni gameettiin erga soorama baatees giddugala fayyaa haadholiifi daa'immanii Ithiel MCH jedhamu hundeessuun tajaajilaa kan jiran yoo ta'u, dhokkubsattoota feestullaa ammoo tolaan waldhaanu.

Hojii dubartoota dhukkuba feestullaa qaban waldhaanuu irratti gumaacha taasianiin sadarkaa Afrikaarra dabaruun sadarkaa idil-addunyaatti dubartii maqaa guddaa horataniidha.

Dr. Muluun haadha ilmaan lamaa yoo ta'an, ilmisaanii inni qixisuu ogummaasaanii hordofuun hakima akka ta'e, inni hangafaa ammoo ogummaa injinariingii akka barate dubbatu.

Dubartoonni dhukkuba feestullaatiif saaxilaman fincaan qabachuu hin danda'an. Gariin ammoo booliis qabachuu hin danda'an. Dhukkubichaan olitti rakkoo xiinsammuu fi hawaasummaa hamaadhaaf saaxilamu. Hawaasni ammoo abaarsa Waaqaati jedhee amana. Garuu dubartiin tokkollee feestullaan qabamuun irra hin turre jechuun miira gaabbiin dubbatu Dr Muluun.

Ofii dhukkubni feestullaa maaliidha, waldhaansi isaa hoo?

"Feestullaan qaawwa yookan uraa uumamaan hin jirre jechuudha" jechuun ibsu Dr. Muluun. Dhukkubni feestullaa "dahumsarratti dubartoonni ciniinsuun itti cimee ennaa miixatan, yoo lafeen mataa mucaa afuuffee fincaanii fi mar'imaan irratti dhiibbaa uumu, dhiigni gara qaama sanaa dhaqu ni dhabbata. Qaamni dhiiga hin arganne ammoo ni du'a; ni tortora; ni urata" jechuun qaawwaan uumamaan hin jirre sababa kanaan akka uumamu ibsu Dr. Muluun.

Qaawwaa afuuffee fincaanii yookaan mar'imaan irratti uumamu sanatu feestullaa jedhama. Uraan qaamaa haala kanaan uumamu fincaanis ta'ee boolii akka hin qabanne taasisa.

Kun ammoo fincaan akkuma kaleerraa dhufeen akkasumas booliinis akkuma mar'imaan irraa dhufeen to'annoo ala akka yaa'u godha jechuun waan dhukkubsattoota feestullaa irra gahu ibsu ogeettiin waldhaansa baqaqsanii yaaluu feestullaa kun.

"Mataan mucaa guddaa tahuun, akkaataa mucaan itti dhufu sirrii tahuu dhabuun yookaan ammoo qaamni dubartii sanaa sirnaan guddachuu dhabuurraa kan ka'e ciniinsuun danqamaan [obstructed labour] raawwata" jechuun sababoota dhukkuba feestullaa ibsu.

Dubartiin ciniinsuu danqamaarra sa'aatii dheeraaf turte "irra jireessaan afuuffeen fincaanii qaawwaa horata. Karaa qaawwa sanaa fincaan yaa'a. Otoo walirraa hin citiin halkanis guyyaas, bakka ciistuttis bakka teessuttis fincaanshee qabachuu hin dandeessu.

''Yeroo barbaadan taa'anii fincaa'uu sanatu dhabama. Akuma kaleerraa dhufeen yaa'a malee, kuufamee yeroo fincaan itti dhaga'ame fincoofti miti; ofirra yaasti. Yoo mar'imaan isheerrattis qaawwi uumameera ta'e booliishee qabachuu hin dandeessu. Fincaniif booliin walmakee irra yaa'a," jechuun ibsan.

Dubartoonni dhukkuba kanaaf saaxilam rakkoo hawaasummaaf xiinsammuu walxaxaa ta'e akka keessummeessan kaasuu ogeettiin kun. Dubartoonni fincaaniifi boolii qabachuu waan hin dandeenyeef qamnisaanii ni ajaa'a. Miseensonni maatiillee waan qoollifataniif "wajjin mana tokko keessa hin jiraatan, wajjin hin nyaatan, isaan dhiibu" loogii dhukkubsattoota feestullaa irra gahu eeruu.

Itti dabaluunis, ''dhukkuba qaamaa isaaniirra gahe caalayyuu xiinsammuu fi hariiroon hawaasumma isaaniis baay'ee hubama" jechuun ibsan.

Sababni ijoon dhukkuba feestullaaf dubartoota saaxilu ciniinsun danqame otoo yaala hin argatiin yeroo dheeraa fudhachuudha kan jedhan Dr. Muluun, dubartiin yeroodhaan mana yaalaa geessee waldhansa sirrii argannaan garuu rakkoon kun akka hin uumamne ibsu.

'Dubartiin miixuurra jirtu tokko aduu lammaffaa arguun irra hin jiru'

Dubartiin tokko miixuu cimaadhaan turuun dhukkuba kanaaf akka saaxilu kan kaasan ogeettiin kun, mana yaalaallee deemtee waldhansa baqaqsuutiin yoo mucaan garaadhaa bahe, dhiibbaan afuuffee fi mar'immaan isheerra gahe boodarra rakkoo feestullaatiif ishee saaxiluu akka danda'u ibsu.

Kanaaf akkuma hawaasa keessatti jedhamu, "dubartiin miixuurra jirtu tokko aduu lammaffaa arguun irra hin jiraatu" jechuun yeroodhaan yaalii argachuu akka qaban gorsu.

Sababoonni akka dubartiin yeroodhaan yaala hin arganne taasisuun feestullaaf saaxilan wal-xaxoo ta'uu kan kaasan Dr. Muluun, "rakkoo kana keessa kan galan dubartoota baadiyyaa manatti dahanidha. Dubartiin [gara mana yaalaa deemuuf] tajaajila geejibaa dhabuu dandeessi; maallaqa dhabuu dandeessi; nama mana yaalaa geessu dhabuu dandeessi. Hospitaalas geessee ogeessi waldhaansa baqaqsanii yaaluu godhan hin jiru ta'a" jedhu.

Lafeen dubartii tokkoo hamma ganna 21tti guddaachaa akka adeemu kan ibsan Dr Muluun, dubartiin ijoollummaan ulfoofte tokko "qaamnishee hin guddanne ta'a. Umurii malee heerumtee garaatti baatte ta'a" kanaaf karaa uumamaan hiikamuun itti ulfaata jechuun ibsan.

Biyyoota "Ameerikaafi Awurooppaattis ijoollummaan ulfaa'uun inuma jira" kan jedhan ogeettiin kun, yeroodhaan waldhaansa argachuu waan danda'aniif rakkoo feestullaatiif akka hin saaxilamne ibsu. Bakka hubannaa sirrii fi waldhansi gahaan hin jirretti garuu carraan dhukkuba feestullaaf saaxilamuu dubartootaa bal'aadha.

Durumaayyuu feestullaan dubartootarra gahuun irra hin jiru. Feestullaa dhaabuun ni danda'ama. Garuu, waldhaansi feestullaa guddina biyyaa waliin deema. Biyyi guddate geejibni fooyya'ee bakka waldhaansa argatan yeroon yoo gahan dhukkubni kun dhaabachuu danda'a jechuun dubbatu Dr. Muluun.

'Ennaasaan uffata isaanii mil'atanii... Fayyakoo argadheeraa jedhanii amanuu dadhaban arguun baay'een gammadda'

"Rakkoo sana hambisuun dhibbantaa dhibba ta'uu danda'a, garuu erga rakkoon dubartiirra gahee boodammoo fayyisuun dhibbaaf dhibba miti" kan jedhan oggeettiin tun, fayyinnisaa cimina dhukkubichaa irratti akka hundaa'u kaasu.

"Daa'immaan waggaa kudha afuriin garaatti baatanii dahanfaatu dhufa. Hospitaala feestullaatti kan argaa bane, afuuffeensaanii akkum jirutti waan tokkollee otoo hin hafiin tortoree, bahee waan suphitu tokko dhabda. Isaan fayyisuu hin dandeessu. Waanta biraa yaadda.

''Mar'imaan irraa afuuffee suphitee, akka fincaan pilaastikaan baatanii deeman gootee, yoo mar'imaan isaanii fayyaa ta'e ammoo fincaan sun booliin walmakee akka achiin taa'anii fincaa'an yaalta" jechuun waldhaansi kennamu ibsu

"Isaan ennaa dhufan, ni fayyinaaf dhufu. Fayyisuu dadhabuunkee sun baay'ee sammuukee [jeeqa]. Dhibba keessaa harka 95 ol ni fayyista. Kaan ammoo qaawwaa sana fayyisteefii fincaa'uu ammoo dadhabuu danda'u.

''Qaamni sun supahmeera garuu anaatoomiin sun waan waldarbe tokkotu jira, qabachuu dadhabdi ta'a. [Fincaan] karaa qaawa sanaas yaa'ee, karaa uumamaas yaa'ee tokkuma'' jechuun ibsu rakkoo feesitullaa dursanii ittisuun barbaachisaa ta'u kaasu..

"Rakkoon isaanirra gahe cimaa ennaa ta'u, wanti ati hojjettu sunis cimaadha. Xaartee, dadhabdee yoo fayyisuu dadhabde waanti sitti cimu isadha. Sammuunkees fayyaa hin argatu. Raakkoon sun waldhaanamee fayyanii ennaa taa'anii fincaa'an, akka namaatti deebi'ee qaamnikoo guutuu ta'e jedhanii, ennaasaan uffatasaanii mil'atanii uffannikoo amma goggogeeraa, hin jedhuu edaa! Fayyakoo argadheeraa jedhanii gammadanii amanuu dadhaban ennaa argitu baay'ee gammadda" jechuun miira dubartoota feestullaa irraa fayyanii dubbatu Dr. Muluun.

'Asumatti kadhadhee jiraachuu naa wayya jedhu'

Dubartoonni otoo qaamnisaanii hin guutiin ijoolluummaan ulfaa'uun dhukkuba feestullaaf saaxilaman "daa'imadha, ganaa umurii dheeraa jiraachuu dandeessi. Waldhaantee fayyisuutu si gammachiisa. Xaartee dadhabdee ennaa isaan fayyisuu dadhabdu baay'ee sitti dhaga'ama" jedhu.

Dubartoonni feestullaarraa fayyanii galan "kan biraatti heerumanii, ijoollee biraa godhatanii kan dhufanii nutti agarsiisus ni jiru. Harki baay'een ennaa rakkoon sun irra gahe jiruuf jireenyisaanii ni [diigama]. Abban manaasaaniis ni hiika. Irra jireessa yoo rakkoon sun dafee furtii argachuu baate.

''Dubartiin sun waggoota tokko lamaaf fincaan qabachuu dadhabde mana tokko keessa waliin taa'uun wajjinis jiraachuun itti ulfaata. Kanaaf, gara mana haadhasheetti ergu" jechuun ibsu.

Dubartoonni yeroo feestullaa dhukkubsatan abbaa manaasaaniitiin "si dhukkubee haadhakee bira dhaqi" jedhamu jechuun abbaa manaasaanii dhiisanii gara warra isaaniitti akka deeman kaasu.

Yoo dafanii fayyan hawaasummaa isaanii deebisanii ijaaruu akka danda'an kan kaasan Dr. Muluun, "rakkoo sana wajjin baay'ee turan garuu hawaasichi yoo quba itti qabee jiraate, gara qe'eesaaniitti galuu hin barbaadan.

Asumatti kadhadhee jiraachuu naa wayya jedhu. Fayyaniillee baay'ee itti ulfaata. Kanaaf, dafanii namni otoo hin beekiin deebi'anii heerumuudhaafis ta'ee jireenya hawaasummaa irradeebi'anii jalqabuuf itti cimata.

'Namni isaan bukkee hin taa'u…'

"Yeroo hospitaala feestullaa hojjedhu sana, ennaa [mana yaalaa] dhufan atobisii keessattis namni isaan bukkee hin taa'u. Warri geejibaan fe'anis isaan fudhachuu hin barbaadani. Kanaafuu baay'ee rakkatu. Akkatti rarakkatanii nubira gahan baay'ee si gaddisiisu" jechuun sababa dhukkuba feestullaatiin akka qoollifataman ibsuu Dr. Muluun.

Rakkoo hawaasummaafi xiinsammuu walxaxaa dhukkuba feestullaatiin walqabatee dhufu hambisuufis, tajaajila waldhaansa feestullaa Finfinnee qofa ture babal'isuun hospitaalota biyyattii gara garaa keessatti giddugala waldhaansa feestullaa sagal hundeessuun danqaalee kanneen furuuf waan gumaachan ibsu ogeettiin kun.

Dahumsarratti du'uu dubartootaa sababoota fiduu danda'an keessaa feestullaan tokko ta'uu kan himan Dr. Muluun, "baay'inasaa otoo hin ta'iin cimina rakkoo sanatu hammaataadha. Akkuma du'aa sanadha" jechuun ibsu.

Dhukkuba ulfaataa ta'e kana guutummaan hambisuun akka danda'amu kan himan ogeettiin kun, "dubartiin tokkoyyuu feestullaadhaan du'uu hin qabdu" jedhan.

'Anaaf dhibamaa feestullaa waldhaanuunkoo dhuguma gammachuu naaf kenna'

Akkuma ogummaa ulfaaf gadameessaatiin eebbifamteen bara 1990 irraa eegaltee Hopspitaala Feestuulaa Dr. Kaatriin Haamliin hojjechuu akka jalqaban kan kaasan Dr. Muluun, "isaa asitti [waa'een] feestullaa jiruu koorraa adda bahee hin beeku" jechuun dubbatu.

Hospitaalichaattis ganna 18 waldhaansa dubartoota feestullaa dhukkubsatanii fooyyessuu qofa otoo hin taane, sana booda ammoo giddugala feestulaa kutaalee biyyattii gara garaatti babal'isuun, hakimoota leenjisuun, hubannoo uumuun, qorannaa taasisuun dubartoonni feestullaan dhiphatan akka aara galfatan taasisan Dr. Muluun.

"Hospitaalota baadiyyaa keessas naannofnee barsiisaa turre. Ganna kudhaniif ammoo hospitaala yunivarsiitii Jimmaa, Asallaa fi Gondar keessatti giddugala feestullaa banuun reezidantoota wajjin hojjechaa turre. Barumsi feestullaa reezidantoota yunivarsiitii ulfaaf gadameessaa barataniif akka kennamu gochuun dhukkubsattoonni feestullaa sirriitti akka waldhanaman" gumaacheera jechuun ibsu.

Gumaacha dhukkubsattoota feestullaa boqochiisuu irratti hojii akka Afrikaatti fakkeenya ta'e, akka idil-addunyaatti beekamtii kennisiiseef hojjetteetti sabi-speeshaalistiin kaleessa mandara baadiyyaa xiqqoo tokko keessatti dhalatan Dr. Muluun.

Kanaanis sadarkaa idi-addunyaatti leenjistuu waldhaansa baqasanii yaaluu ta'uun sagantaa duula idil-addunyaa biyyoota akka Baangilaadesh, Somaaliilaand, Paakistaan, Taanzaaniyaa; Yugaandaa fi Keeniyaa irratti hirmaataniiru.

Bara 2010-2018 Itoophiyaatti Bakka Buutuu Walooma Dubartootaaf Fayyaa Idil-addunyaa (WAHA) turan. Gahee gara garaatiin dhaabbilee akka Gamtaa Afrikaa, Biyyoota Gamtoomaniitti gumaacha ogummaashee bahaniiru. Kanaanis badhaasa hedduu sadarkaa biyyaalessaatii hanga idil-addunyaatti gonfataniiru.

Erga soorama baatee ganna jahaffaa kan qabatan Dr. Muluun, ergasiis giddugala ispaashilitii fayyaa haadholiifi daa'immanii Ithiel-MCH jedhamu hundeessuun tajaajilaa kan jirtu yoo ta'u, dhukkubsattoota feestullaa garuu tolaan yaalaa jiru.

Oggeettiin kun xiyyeeffannoo addaa yaala feestullaaf kenniteen yoo xiqqaate waldhansa baqaqsanii yaaluu kuma kudhanii ol taasisaniiru.

"Dubartiin dhukkubni feestullaa irra gahu irra jireessaan warra baadiyyaati. Warra rakkatee yeroon waldhaansa argachuu dadhabanidha. Kanaafuu [maallaqa] baasaniitu waldhaanamu jettee hin yaaddu.

''Asitti dhufanii yaaluu danda'uunkoo baay'ee na gammachiisa. Keessakoo waan jiruuf, yeroo baay'ees isa hojjechaan dabarse waan ta'eef jireenyakoo wajjin walqabata. Anaaf dhibamaa feestullaa waldhaanuun gammachuu naaf kenna" jechuun dubbatu Dr. Muluun.

Yeroo haalli rakkisaa ta'e isaan mudate ogeeyyiin duraan hospitaala feestullaa keessatti na beekan, "kun rakkisaadha mee isheen haa hojjettu jedhanii dhukkubsataa natti ergu. Isaanfaa deebisuun baay'ee si rakkisa" jechuun dubbatti.

"Ennaa waan rakkisaa ta'e milkaa'inaan hojjette ammoo gammachuu biraa siif kenna. Anaaf dhugumaan gammachuu naaf kenna" jechuun dubartoota feestullaa dhukkubsatan boqochiisuun ganna 35'f jireenyashee waliin akka walitti hidhate ibsiti.

Amma giddugala Ispeeshaalitii fayyaa haadholiif daa'immanii Ethiel keessatti dubartoota ulfaa hordofuu, fayyaa daa'immanii hordofuun hojiishee akka ta'e kan kaastu Dr. Muluun kunis "feestullaa dhabamsiisuu" keessatti qooda olaanaa qabaachuu himti.

Dabalataan, "rakkoo fayyaa gadameessaas kan gadameessi bakkasaa gadhiisuun gadi bu'uu yookan gahi bahuu kan prolactin fistula jedhamus kafaltii malee [tolaan] hojjenna" jechuun himti sabispeeshaalistiin umuriishee guutuu fayyaa haadholii wayyeessuuf dhama'aa jirtu kun.

Ilaalcha hawaasaa: akka waan Waaqni abaareetti fudhatama

"Duraan ennaa hojii jalqabnu, [dhukkubsataan] feestullaa baadiyyaatti akka nama abaarameetti fudhatama. Waaqatu abaare jedhu. Nama waan hin taane hojjetee waaqni akkasitti adaba jedhu. Erguma waanti kun irra gaheellee baay'een yaaliif hin fidani" jechuun ilaalcha dogongoraa hawaasni dhukkubsataa feestullaaf qabu yaadachiisti Dr. Muluun. Amma garuu hubannaansaa wayyaa'aa dhufuus ibsti.

Dubartiin ciniinsuun irra turee aduu lama arguu hin qabdu jechuun aadeffatee dubartii otoo miixuun irra hin turiin dafee mana yaalaa fiduu akka qabus gorsiti ogeettiin waldhaansa ulfaaf gadameessaa kun.

Dubartiin garaatti baattu tokko mana yaalaa deemuun fayyaashee fi kan mucaashee hordoofuun achumaatti dahuun rakkoo dhukkuba feestullaarraa akka baraaramanis dhaamti.

Dhukkuba feestullaa qofa otoo hin taane, rakkoon baay'een fayyaa haadhaafi daa'imaarra akka gahuu malu kan kaasan Dr. Muluun, "manatti osoo hin taane mana yaalaattan dahuu qaba. [Abbaan manaas] haati manaakoo mana yaalaatti dahuu qabdi kan jedhu barachuu qaba" jechuun dubbatan.

Kanaafuu mana yaalaatti dahuun "dirqama ta'uu qaba. Dubartoonni manatti dahuun irra hin jiraatu. Dubartoonni yeroo baay'ee nagaadhaan manatti waan dahaniif yeroo hunda rakkoon isaan hin mudatu jechuu akka hin taane kan dubbatan ogeettiin kun, yoomiif haala kam keessatti akka dahumsarratti rakkoonsaan mudatu beekuun hin danda'amu jedhu.

Dhukkubsattuun feestullaa dhiyeenya baqaqsitee waldhaante "sa'aatii afur natti fudhate" jechuun ibsu. Yoo dhimma salphaa ta'emmoo guyyaatti afur shan hojjechuu" akka dandeessu dubbatan hakimni gameettiin kun.

Sabispeeshaalistiin kun barnootaaf bakka guddaa kenniti. Nama baratetu bakka yaade gaha jedhu.

"Ani waanti baratte, waanti ati beektu tokko namni sijalaa hin fudhatu. Jireenyakee guutuu si wajjin jiraata. Turuu mala malee namni sammuunsaa baratee waan barbaadu tokkorra gahe waantinni dhabu waan jiru natti hin fakkaatu. Barumsa umriinis hin daangessu.

''Sabispeeshaalitiikoo waggaa jaatama jala gaheetan hojjedhe. Waan dursuuf dursi kennamuu qaba. Barnoota ijoollumman barachuun barbaachiisadha" jedhan hawaasa jijjiiruuf barnoonni murteessaa ta'uu himu.