Barattuu qaxalee mana barumsaatti 1ffaan, yunivarsiitiitti Excellent'n beekamtu

Maqaan warrishee baasaniif Guddattuudha, Guddattuu Waaqgaarii. Amma garuu maqaa kabajaa dabalatteetti.

Guddattuu Waaqgaarii amma haadha ijoollee sadiifi haadha digirii sadiiti, karaa lamaanuu maqaa kabajaa argatteetti.

Kabaja lachuu [Aaddee, Doktor] waluma faana itti dadhabdee milkoofte. Barachuun ijoollee godhachuu ishee hin dhrokine; ijoollee godhachuunis barachuurraa ishee hin dhorkine.

Ijoolleen ishee ammoo warra deesse qofa miti. Yunivarsiitii itti baratte keessatti qabxii gaarii fiddee achitti hafuun barsiisuun ijoollee qalamaas hedduu horachaa jirti.

Akkuma shamarran baadiyyaa hedduu, Guddattu 'dubartiin barattee eessayyu hin geessu' jedhamteetti.

Garuu akka jedhamte hin taane. Baatee mul'atteetti; eessayyu gahuun akka danda'amus ragaa jiraataa taateetti.

Dr. Guddattuun imala jireenyaa, keessumaa roga barnootaan milkaa'uurratti waan irraa batamu qabdi.

Shamarran baadiyyaa, akkasumas warri magaalaa carraa kennataa hin taaneefi haala mijataa hin taane keessatti kaayyoo qabaannaan bakka yaadan gahuun akka danda'amu irraa baratu.

Dhalootasheerraa kaastee, milkaa'ina gama barnootaan argatteefi karoora qabdu ilaalchisuun BBC waliin turtii taasifteetti.

'...haa guddattu jedhanii 'Guddattuu' naan jedhan'

Maatiin Oromoo yeroo baayyee maqaa ijoolleef akkasumaan hin moggaasan. Warri Dr Guddattuus akkasuma.

Duraan dhalli guddachuufii waan dideef ''Guddattuu naan jedhan haatikoofi abbaan koo'' jechuun maqaan kun akkamiin akka itti moggaafameef ibsuun jalqabdi barsiiftuufi qorattuun Yunivarsiitii Wallaggaa kun.

"Guddattuu naan jedhan. Kan isaan guddattuu naan jedhaniifis,... gara jalqabaatti daa'imni milkaa'aafii hin turre natti fakkaata."

Obboleessa angafaa tokko akka qabdu kan dubbattu Guddattuun, "isas nama bulu jedhanii 'Bulaa' anaan ammoo haa guddattu jedhanii 'Guddattuu' naan jedhanii akka naaf moggaasan natti himan" jetti.

Godina Bunnoo Baddalleetti (dur godina Iluubbaabor kan ture) dhalattee kan guddatte Dr. Guddattuun, haatiifi abbaan ishee godina Wallagga Bahaa naannawaa Dhidheessaatii akka gara sanatti godaanan yaadatti.

Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa marsaa duraa aanaa Daboo Haannaa ganda baadiyyaa Dhidheessaatti baratte.

Barnoota kutaa 5-8tti mana-barumsaa Daboo Haannaatti, sadarkaa lamaffaa ammoo Baddalleetti baratte.

Akka Lakkoofsa Itoophiyaatti bara 2000 Yunivarsiitii Wallaggaa kan seente Guddattuun, mana-barumsaatti sadarkaa keessaa baatee akka hin beekne himti.

"Ani jalqabumaa kaasee barumsa akkuman seeneen [kutaa] 1ffaa kaasee hanga 12ffaatti sadarkaa dhabee hin beeku; tokkoffaama bahaan achi gahe. Yeroo hundumaa badhaafamaafi maqaan koo waamamaan kutaa 12ffaa xumuree yunivarsiitii seene."

Yeroo yunivarsiitii seentu gosa barnootaa barbaadde filachuudhaaf qabxii dandeessisu akka qabu kan dubbattu Guddattuun, 'Cooperative Business Management' filachuun baratte.

Yunivarsiitii Wallaggaatti yeroo barachaa turtettis qabxii baayyee olaanaa akka qabdu kan himtu barsiistuun kun, waggoota jalqabaa qabxii 4 fidaa turte.

Qabxii waliigalaa 3.92 fiduun digiri jalqabaan badhaasa gara garaa hanga sadarkaa federaalaatti argachuu ibsiti.

''Yunivarsiitii Wallaggaa bakka bu'uun barattoota akka Itoophiyaatti ciccimoo ta'an pirezidantii biyyattiirraa badhaasa argatan keessaa tokkoon ture'' kan jettu Guddattuun, qabxii olaanaa waan qabduufis yunivarsiitiima itti baratte [Yunivarsiitii Wallaggaattti] ministeera barnootaan ramadamuun barsiisuu akka jalqabde himti.

Turtiishee waggaa 13ffaa Yunivarsiitii Wallaggaatiinis barsiisaafi barataa daandii milkaa'inaa barnootaa jalqabde cimsattee itti fufte.

"Ani [barnoota] xiyyeeffannaa addaa itti kenneen baradha. Digirii jalqabaatii kaasee hangan doktorummaa [PhD] baradhutti, raawwiin koo 'Excellent' qofadha."

Guddattu Maastarsii lama: 'Gender and Development Studies' akkasumas 'Master of Business Administration/MBA)' baratteetti.

Manaajimentiin ammoo digirii sadaffaa ykn doktorummaan dhiyeenya kana kan eebbifamte Guddattuun, koorsii hunda A+ akka fiddeef waraqaan qorannooshees 'Excellent' ta'uurra darbee dinqisiifannaa guddaa argateera.

Obboleessi angafaa Dr Guddattuu, Bulaa Waqgaarii nama barnootaan baayyee cimaa ta'eefi fakkeenya isheef ta'e ta'uu dubbatti.

"Obboleessikoo barumsaan cimaadha. Yeroo hundumaa isan ilaala."

'Ilaalcha darbee adeemuu jedhun qaba'

Waggoota 15 ykn 20 dura yeroo sadarkaa tokkoffaa barattutti carraa dubartoonni baadiyyaa barnoota argachuu dhiphaa turuu kan yaadattu Guddattuun, abbaafi haatishee dhiibbaa hawaasaa 'dubartiin barattee eessa geessi' jedhu danda'anii akka itti fuftee barattuuf jajjabeessaa turuu himti.

"Hawaasni dhiirotuma keessaa barsiisaa malee dubartiin barattee eessayyu hin geessu jedhu. Animmoo dubartiin barattee eessayyu akka geessu cimee baradheen agarsiisuun barbaada ture. Kanas, abbaakootti himaan ture.

"Darbee darbee dhiibbaa hawaasaarraa kan ka'een maatiimtikooyyu yeroo itti barnoota na dhiisisuuf yaalan tureera. Garuu ani nan boo'a waanan tureef deebiyee akkan barumsarraa hin hafneefi jabaadhee itti fufu na deeggaraa ture."

Guddattuun amma umuriin ishee waggaa 36 ta'uu dubbatti. Yeroo baayyee umuriin kun barnoota hanga PHDtti oofuudhaaf kan ariifatedha.

Da'umsaan boodan baradha osoo hin jedhiin Dr. Guddattuun da'umsaafi barnoota walumaan deemsifataa turte.

"Osoon hin dadhabiiniifi fedhiin barnootaaf qabullee na jalaa hin hir'atiin dafee PHD kiyya hojjechuun qaba jedheen da'ee ka'ee ji'a lamaffaattan PHD koo barachuu jalqabe."

Icciitiin milkaa'inakootii of kennuudha kan jettu barsiisftuufi qorattuun Wallaggaa Yunivarsiituu Dr. Guddattuun. "Namni tokko jalqaba hawaasa keessatti dahalateef kabaja qabaachuu qaba; uumaa isaa ammoo galateeffachuu qaba.

Ani icciittin milkaa'inaa Waaqayodha jedheen amana. Haata'u malee, namni kamiyyu dirree kamirrattiyuu milkaa'uudhaaf ammoo dursa of kennuufi fedhii qabaachuu qaba. Fedhii qabu sanaaf ammoo karoorfachuu qaba.

Karoorfa baafate kana ammoo of kennee cichoominaa osoo walirraa hin kutiin hojiirra oolfataa deemuudha," jechuun tooftaa ittiin milkoofte warra kaaniifis gorsa ta'a jettuibsiti.

Ijeellee durbaa ofitti amanamummaan guddisuu...

Muuxannoo jireenyaa hawaasa keessatti guddateefi sadarkaa yunivarsiitiitti barsiisturraa argiteen shamarran ofitti amanummaa qabaatanii guddachuu murteessaa ta'uu kaasti.

Keessumaa akka Guddattuun jettutti, hawaasni baadiyyaa ijoollee durbaa akka ofitti amanamummaa horachaa guddataniif hojjechuun baayyisee murteessaa ta'uu kaasti.

"Dubartoonni baadiyyaa dhiibbaa hawaasaa irra jiruun sodaatoodha. 'Barattee eessa geessi', 'dubartiin yoo dhiiraan qixxee taate', kkf dhaga'aa waan guddataniif yeroo isaan rakkoo isaanirra ga'ellee natti himachuuf sodaatan ykn ija namaa baachuu dadhaban nan arga."

Kanaaf, hawaasni dubartoota jechaafi yaadaan gadi qabuu dhiisee hamileefi ofitti amanummaan qaraa guddisuun barbaachisaa ta'uu kan dubbattu, qorattuun kun, dubartoonni ofii isaaniinis 'nan danda'a, ani dhiiraan gadi miti' kan jedhu of amansiisuu qabu jetti.

"Isa hawaasni isaan jedhu, isa naannoon isaanii itti himu dhaga'uu dhiisanii 'darbee adeemuu nan danda'a' jedhanii yoo jabaatan ni milkaa'u, bakka barbaachisaafi namni kamiyyu ga'u ni qaqqabu."

Rakkoo keessa akkamiin darbama?

Rakkoo ilaalcha hawaasaa cabsitee keessa darbuu kan yaadattu Dr. Guddattuun, yeroo barattu keessatti rakkoo ishee mudatan keessaa tokko daa'ima da'anii guddisaa barachuu ture.

Yeroo PHD barachuu jalqabdu daa'ima lamaffaa deessee ji'a muraasa keessatti waan tureef danqaa itti ta'ee turuu yaadatti.

Daa'ima ji'a lamaa qabattee barumsaaf Finfinnee deemtee oosisaa, gidduutti ammoo daree deemtee barachaa, galgala ammoo daa'ima baattee qo'achaafi qorachaa buluun haalaan itti ulfaatee akka ture himti.

Barattoota PHD keessaa dubartiin ishee qofa akka turellee kan dubbattu Guddattuun, oolmaa haatishee waliin gara Finfinnee deemtee daa'ima qabuufiin gafrgaarteefi hamilee obboleessishee angafaa akka itti fuftee barattuuf kennaafiif ture adda ture jetti.

"Deemee guyyaa muraasa keessatti micaan na harkatti miidhamaa jira waan ta'eef PHD kun natti haa hafu dhiiseen deema jedheen obboleessa koo gaafadhe. Innis hanga hojiirraa oolee gara jalqabaa akkan bayyaannadhu na gargaareera."

Booda garuu isheenis itti bartee 'harka tokkotti moojulii qabattee dubbisaa, harka kaanitti ammoo daa'ima' qabattee oosisaa' milkii dachaan xumuruu dandeesse.

Yoom kana qofa, Guddattu osooma PHD barachaa jirtuu micaa sadaffaa deesse. Ijoollee sadii -durba tokkoofi dhiirota lama kan qabdu Guddattuun, ijoollee dhiiraa lamaan barnoota PHD osoo qorachaa jirtuu deessee guddiste.

Kana hunda keessatti abbaan warraashees madda hamilee akka ta'eef kaasti.

Namni ofiinuu cimnsaan warri naannoo jiran: Maatiifi fira dabalatee nama gargaaruun akka hin oolle agarsiisa muuxannoo barsiisftuufi qorattuu Guddattuu Waaqgaarii. 'Danqaan dhibee miti, ni darbame malee. Kunoo Guddattu danqaa kana mo'ichaan keessa darbitee qabxii hunda A+ fi qorannoo pirojektiitiinsi 'Excellent' jedhamtee xumuratte.