Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Doktora hawaasa horsiisee bulaa keessaa 'qabxii mul'atee hin beekne' galmeessite
Dr Hanii Godaanaa seenaan duubee ishee Boorana Liibanii, hawaasa horsiisee bulaa keessaa jalqaba. Abbaan isheetiis gosuma isaanii keessaayyuu nama carraa barnootaa argatan kan jalqabaati.
Hawaasa horsiisee bulaa keessaa carraa barachuu argatanii hojjetaa mootummaa erga ta'aniis bakka adda addaatti socho'anii hojjechaa turan.
Haniin ammoo intala isaanii hangafaati. Hojiif yeroo Diillaa turanitti achitti dhalatte. Eegasii gara Nagellee Booranaatti wayita jijjiiraman ammoo barnootashee hanga kutaa shanii achitti baratte.
Shamareen seen-duubeen ishee hawaasa horsiisee bulaa keessaa egalu tun, tibbana Koolleejjii Fayyaa Hospitaala Phaawuloos irraa damee barnoota 'Medicine'n eebbifamte.
Dr Haniin seenaa koolleejjii isheen itti barattee kanaa keessattis qabxii olaanaa ta'e galmeessisuudhaan meedaaliyaa warqee fi badhaasota garagaraa injifatteetti.
Dr. Haniin iccitii milkaa'inashee fi karoorashee gara fuula duraa ilaalchisuun addatti BBC waliin gaaffii fi deebii taasifteen akkasiin seenaashee ibste.
"Kanin dhaladhe Diillaatti. Booda gara Negellee Booranaatti abbaankoo hojiif jijjiirame. Achitti barnoota eegale. Isa booda gara Yaabeellooti jijjiiramnaan barnoota achitti itti fufe. Hanga kutaa 12 achittan baradhe," jetti Dr Haniin.
"Haatikoos abbaankoos warruma maatiin isaanii horsiisee bultoota ta'aniidha. Baadiyyaadha jechuudha. Isaan lamaanuu amma hojjettootuma mootummaati" jechuun waa'ee maatiishe ibsiti.
Abbaankoo barnootaaf jaalala addaa qaba kan jettu Dr. Haniin, kutaa gadi aanaarraa hanga 12'tti tokkoffaa bahaa akka turte himti.
Barataan barumsatti cimaa ta'e ilaalcha 'Doktara' ta'a jedhu waan jiruufi maatiin ishees ogummaa fayyaa keessa warra hojjetan ta'uun fedhii barnoota fayyaa barachuu isheetiif ka'umsa ta'uus dubbatti.
"Abbaankoos dura ogeessa fayyaa ture. harmeenkoo Narsiidha. Gaaf tokko tokko bakka hojiishee deemeen ilaala. Fedhiin doktara ta'ee namoota gargaaruu nakeessatti akka uumamu kan godhe tokko kana," jetti.
Kutaa 12tti qabxii gaarii fiduu fi koolleejjiin fayyaa Hospitaala Phaawuloos ammoo barattoota horsiisee bulaatiif carraa barnoota fayyaa kennuuf gara Booranaa dhuftee dorgommiidhaan akka dabartes himti.
"Hospitaalli Phaawuloos akka deggarsaatti barattoota horsiisee bulaatiif carraa kennee fudhata. Yeroo Booranarraa dorgomsiisanii fudhachuuf dhufanis barattoota sadii dorgommicha darban keessaa tokkon ta'e," jetti.
Finfinneetti Koolleejjiin Fayyaa Hospitaala Phaawuloos bakka ijoolleen qaqqaxaleen itti baratan waan ta'eef 'dorgomee moo'achuu nan danda'aa laata?' kan jedhu jalqaba yaada natti ta'ee ture jechuunis miirashee yeroo sanaa yaadatti.
"Hawaasa horsiisee bulaa keessaa dhuftee Finfinneetti ijoollee haala mijataa keessatti barataa turan waliin dorgomuun yaaddoo ture. Barnoonni fayyaa ammoo bal'aadha ulfaataadha. Hirriiba dhabuu nama gaafata," jetti.
Seenaa koollejjichaa keessatti qabxii olaanaadhaanin xumure
Dr. Haniin barnoota 'medicine' waggoota torba fudhatu kanaan qabxii waliigalaa 3.92 fiduun barattoota barana eebbifaman keessaa tokkoffaadhaan xumurte.
Qabxiin gosa barnootaa kanaa barnoota kaanirraa waan adda godhu akka qabu kan himtu ogeettiin fayyaa kun, qabxii olaanaa fidde waggoota torbaaf qabdee itti fufsiisuun cimina addaa nama gaafata jetti.
"Barnoonni kun waggaa torba. Semisteera jalqabaa qabxii gaarii fidde waggoota torbaaf akkasumatti eegdee itti fufsiisutu ulfaataadha. Kana gochuuf wanti nagargaare ammoo fedhii waanin qabuuf," jetti.
Barnootni kuni sa'aatii dheeraa dubbisuu kan nama gaafatu waan ta'eef ''yeroon dubbisu akka nama hojii hojjetuutti osoo hin taane akka nama waan haaraa wayii baruuf dubbisuutti waanin yaaduuf hin rakkanne'' jetti.
"Waggaa jalqabaa qabxii gaariin fida jedhee hin yannen ture. sababni ammoo bakkan dhufee fi ijoolleen waliin dorgomu yaadaan ture. Garuu waggaa tokkoffaatti qabxii gaariin fide. Eegasii akkan danda'u ofitti himeen cimse," jetti.
"Ani qabxii waliigala 3.92 eebbifame. Akka Phaawuloositti qabxiin hammanaa dhufee hin beeku. Gold medallist ta'een jira," jetti Dr Haniin.
Hospitaala Phaawuloos kanatti barana Dr Haniitti aanun qabxii olaanaa 2ffaa fi 3ffaa fiduun kan eebbifamanis dubartootuma.
"Ana duras waggoota lamaan darbe phaawuloositti Gold medallist dubartuma turte. Ijoollee durbaa baayyee qarqaaru. Yeroo seenanis, eega seenaniis nigargaaru. Qabxiin nuti finne kun ammoo dubartoonni akka danda'an agarsiisuuf ni gargaara jedheen yaada," jetti.
Dr. Haniin qabxii olaanaa barnoota fayyaatiin galmeesiste kanaaf badhaasa biyyaalessaa 'Women's in Medicine" jedhamuu fi waldaa ogeessota fayyaa dubartootaa Itoophiyaa irraa 'mo'attuu qabxii olaanaa barana eebbifamte' jedhamuun badhaafamteetti.
'Dubartoonni haala amma keessa jiraniin of daangessuu hin qaban'
Gara fuula duraatti barnoota itti fufuun yaala fayyaa daa'immaniitiin ispeeshaalaayiz gochuu akka barbaaddu kan himtu Dr Haniin, dubartoonni haala amma keessa jiraniin daanga'anii hafuu hin qabani jechuun dhaamti.
"Kaayyoo guddaa qabaachuun barbaachisaadha. Sababa akka 'maatiinkoo hin baranne, ani mucaa horsiisee bulaati, baadiyyaattiin dhaladhe…' jedhaniin osoo of hin daangessine nan danda'a jedhanii yaaduu barbaachisa," jetti Dr Haniin.
"Abjuu guddaa qabaattee, sammuukee amansiistee jennaan bakka yaadde gahuun hin hafu. Inuma milkoofta," jechuun ergaa dabarsite Dr Haniin.