Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Shaakalli waraanaa biyyota BRICS,Itoophiyaan irratti hirmaatti jedhame, har'a eegala
Dooniin waraanaa Chaayinaa fi Iraan shaakalaa waraanaa waloof Afrikaa Kibbaa taasisaaniif Piritooriyaa galaniiru.
Shaakalli waloo kun biyyoota hedduu kanneen Ameerikaa waliin dippilomaasii gaarii hin qabne kan hirmaachise yoo ta'u, Afrikaa Kibbaa qopheessituu shaakalichaati.
Shaakalli kunis 'Shaakala Fedhii Nagaa' (Will for Peace 2026) kan jedhamu yoo ta'u,Chaayinaan dursaa jirti.
Shaakalli Galaanaa irratti taasifamu kun Amajjii 9 hanga Amajjii 16tti kan taasifamuuf karoorfame.
Biyootni kunneen Waashingitan irratti dhiibbaa dippiloomaasii taasisuuf shaakalicha akka qopheessantu himama jira.
Keessumaa Afrikaa Kibbaa biyyoota gurguddoo addunyaa Ameerikaa waliin muddamaa fi waldhabdee keessa jiran akkasumas, michoota BRICS waliin walitti dhufeenya guddifachuun michummaa biyyoota faallaa Ameerikaa ta'anii cimsataa jirti.
Qeeqxootni mootummaa Afrikaa Kibbaa shaakalli waraanaa kun Afrikaa Kibbaaf bu'aa caalaa sabaaba biraa itti fidaa yaaddoo jedhu qabu.
Bulchiinsi Traamp Afriikaa Kibbaa shaakala Raashiyaa, Iraanii fi Chaayinaa waliin gaggeessuu isheetiif adabuu akka hin oolle ibsaa jiru.
Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp Afrikaan Kibbaa ummata adii cunqursiti jchuun Siriyaal Ramafoosaa waliin yeroo heddu wal himataa turan.
Yaa'ii biyyota G20 dhiyeenya Ameerikaan qopheessite irrattillee Ameerikaan hirmaachuu didde.
Shaakalli kun yaa'ii sana dura Adoolessa 2025tti taasifamuuf karoorfamee akka ture ministeerri Ittisaa Afrikaa Kibbaa kan ibse.
Haa ta'u malee yaa'ii G20 Johaannesbargitti gaggeeffamaa ture waliin akka yaaddoo fi muddama hin uumneef yeroo biraatti akka darbu taasifame.
Akka ibsa humna waraanaa Afrikaa Kibbatti shaakalli kun Raayyaan Ittisa Biyyaa Afrikaa Kibbaaf tumsa guddisuu fi daandii daldala galaanaa barbaachisoo ta'an eeguuf kan yaadamedha.
Shaakala kana irratti biyyoota eeraman alas kanneen Miseensa BRICS ta'an akka afferaman gabaasaleen kan ibsan.
Haa ta'uu malee hanga ammaatti tarree biyyoota hirmaatan guutuun hin baane.
Garuu dooniiwwan Chaayinaa, Raashiyaa fi Iraan waliin walqabatan shakala kana irratti hirmaachuun isaanii mirkanaa'era.
Gabaasni miidiyaa Afrikaa Kibbaa 'Daily maverick' jedhamu akka mul'isutti Itoophiyaa fi Indooneezhiyaan akka taajjabdootatti hirmaatuu jedha.
Gama mootumma Itoophiyaan garuu dhimma kanarraatti waanti jedhame fi mirkanaa'e hin jiru.
Itoophiyaan biyyaa lafaan daangofte waan taateefis dooniwwaan waraanaa galaanarraa shaakkala kana irratti hirmaachiftus hin qabdu.
Biyootni miseensa BRICS jedhaman Biraazil, Chaayinaa, Raashiyaa, Hindii, Afrikaa Kibbaa, Iraan, Masrii, Itiyoophiyaa, Indooneezhiyaa fi Yunaayitid Arab Emireets of keessaa qaba.
Saawud Arabiyaanis akka itti makamtu affeeramtee jirti, garuu miseensummaa ishee hanga yoonaa hin mirkanoofne.
Biyyoota kanneen keessaa kamfaatu hirmaataa kan jedhu eegamaa jira.
Doonii waraanaa Chaayinaa jalqaba torban kanaa buufata galaanaa 'Siimoon Taawun' jedhamu keessa buufattee turte.
Suuraaleen miidiyaa hawaasaa dooniin waraanaa Raashiyaa fi dooniin dhiyeessii adda addaa qarqara galaanaa gama dhiha Afrikaatiin gara Keep Taawunitti deemaa jiru agarsiisu.
Kamisa Amajjii 8 dooniin guddaan Iraan kan akka waltajjii loojistikii fi ajaja sochootuutti tajaajiltu IRIS Makran naannoo magaalaa Siimoonsitti argameera.
Yeroo Ameerikaa fi Iraan muddama keessa jiranitti Afrikaan Kibbaa, humnoota galaanaa Iraan keessummeessuuf murteessuun ishee Ameerikaa fi biyyota dhihaa irraa komii cimaa irratti kaasuu hin hafu.
Gabaasaaleen kanaan dura akka agarsiisanitti, Afrikaa Kibbaa shaakala waaaanaa akkasii qopheessuun kan jalqabaa miti.
Shaakalli waraanaa Afrikaan Kibbaa, Raashiyaa fi Chaayinaa kan of keessaa qabu kun isa sadaffaa ta'a. Bara 2019, akkasumas bara 2023 gaggeeffameera. Kanaanis qeeqni dippilomaasiin jabaan ishee muudateera.
Bara 2023tti Piriitooriyaan shaakala galaanaa BRICS kan waggaa jalqabaa Raashiyaan Yukireen weerartee wajjin wal-simu erga qopheessitee booda Ameerikaa fi Gamtaa Awurooppaa irraa gaaffii cimaan isheerratti ka'eera
Paartileen mormitoota biyya keessaas yaaddoo qaban ibsaniiru.
Paartii guddicha Afrikaa Kibbaatti kan lammaffaa ta'e Gamtaan Dimookiraatawaa Raashiyaa fi Iraan hirmaachisuun gara Gamtaa hin taanetti hiriirudhaa jedhan.
Dubbi himaan ittisaa Kiriis Haatiing imaammanni alaa fi ittisaa Afrikaa Kibbaa shaakala waraanaa qopheessuu ishee faallessu fi ilaalchi addunyaan ishee irratti qabu balaadhaaf saaxilamuu hin qabu jedhan
Ministeerri haajaa alaa Afrikaa Kibbaa shaakala kana irratti yaada kennuu dhiisuu filachuun, deebisaaf gara humna ittisaatti qajeelchera.
Bal'ina fi hirmaattoota shaakala kanaa irratti dhuma torban kanaa irratti ibsi waraanaa bal'inaan ni kenna jedhamee eegama.
Xiinxaltootni dhimma Afrikaa fi addunyaa, shaakalli waraanaa kun wal diddaa gareewwaan biyyoota addunyaa, hariiroo dinagdee fi dippilomaasii waaraa warra dhihaa waliin qaban walxaxaa ta'aa dhufuu isaa hubachiisa jedhu.