Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dr. Ilfinash: Dubartii jalqabaa Afaan Oromootiin digirii sadaffaa (PhD)n eebbifamte
Dr. Ilfinash Qinaaxxii Tasfaa jedhamu. Dhalatanii kan guddatan godina Wallagga Bahaa Aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Guutee jedhamtutti.
Barnoota isaanii sadarkaa duraatii hanga seensa yunvarsiitii bakkuma itti dhalatanii fi magaalaa Naqamteetti xumuran.
Itoophiyaa keessatti dubartoonni barnootatti milkaa'anii gulantaa Doktaraa fi isaa ol gahuun waan baratamaa fi daandii dubartoonni kumaatamni qaqqabanii agarsiisan.
Dr Ilfinashiif garuu gulantaan tibbana maqaa isaanii duratti dabalatan kun seenaa qaba. Ammaa isaaniif qofa osoo hin taane seenaa Afaan Oromoo keessattis milkaa'ina tarree duraa irratti caqafamuu danda'u milkeessan.
Barnoonni Afaan Oromoo Yunvarsiitii keessatti sadarkaa digirii sadaffaatti erga kennamuu eegalee waggoota muraasa ta'us hanga bara kanaatti namoota 15tu sadarkaa PhD Afaan Oromootiin eebbifame.
Namoota 15 barnoota Afaan Oromootiin sadarkaa PhD qaqqaban kana keessaa ammoo dubartiin Dr. Ilfinash qofa.
Dipiloomaadhaa hanga PhD Afaan Oromootiin
Dr. Ilfinash yeroo ammaa Yunvarsiitii Wallaggaa keessatti barsiistuu Afaan Oromooti. Barattoota afur barana Afaan Oromootiin digirii sadaffaadhaan eebbifaman keessaas tokkodha.
Milkaa'ina barnoota isaanii Ilaalchisuun BBC waliin turtii kan taasisan Dr. Ilfinash, barnoota Afaan Oromoo waliin michoomanii daandii milkaa'inaa kan jalqaban ALI bara 1992tti ture.
Yeroo sana Koolleejjii Leenjii Barsiisota Jimmaa irraa gosa barnootaa Afaan Oromootiin dipiloomaan eebbifaman.
Eegasii mana barumsa sadarkaa lammaffaa barsiisummaan tajaajilaa osoo jiranii Barnoonni Afaan Oromoo sadarkaa digirii jalqabaatiin yunvarsiitii keessatti kennamuu dhagahame.
"Gaafa sadarkaa dipiloomaatiin barannu sana Afaan Oromoo sadarkaa digiriitti barsiifamuu hin jalqabne ture. Gaafa yunvarsiitii keessatti digirii jalqabaatiin barsiifamuun jalqabu baayyeen gammade. Hojii barsiisummaa adda kuteen digirii ittiin barachuuf Yunvarsiitii Jimmaa seene" jedhan.
Haadha ijoollee afurii kan ta'an Dr. Ilfinash, barnoota sadarkaa Maastersii Yunvarsiitii Finfinnee irraa, PhD ammoo Yunvarsiitii Wallaggaa Irraa hanga tibbana eebbifamaniitti, imalli barnootaa isaanii Afaan oromoo irraa adda bahee hin beeku.
"Afaanumti Oromoo guddatee yunvarsiitii keessatti sadarkaa PhD barsiifamuumti jalqaba hedduu nama gammachiisa. Ani ammoo afaan kanaan dubartii jalqabaa sadarkaa kana geesse ta'uunkoo baayyee tokkon gammachuu qaba. Hiriyoonnikoo, namoonni na beekan hedduun akka naaf gammadan naaf ibsaa jiru" jedhan.
Dr. Ilfinash Afaan Oromoo amma barnootaan gabbifatan Kanaan guddina Ogbarruu Oromoo keessatti waan qabatamaan mul'atu tokko hojjechuuf kaayyefatanii jiraachuus himu.
"Ogbarruu Oromoo keessatti waanin hojjechuun qaba jedhu abjuun qaba. Waan keessakoo jiru kana ogbarruu Oromoo keessatti gumaachuun barbaada. Qorannoo taasisuus, barreessuunis hojjechuu karooran qaba" jedhan.
Dubartummaan lafa dhiirri gahu nama hin hanqisu
Akka Dr. Ilfinash jedhanitti, dubartummaan akeeka abjuu ofii milkeessuuf qabatan irraa nama hambisuu hin danda'u. Wanti guddaan kutannoo fi cimina jechuun himu.
"Dubatummaan kuni lafa dhiirri gahuu danda'u kamirraayyuu nama hin hambisu. Onnatanii danqaalee isaan mudatu cimanii darbannii dhiirotaan qixa, yookiis dhiirotas caalanii milkaa'uu danda'u. Dubartoonni haalotaan sosodaatanii dhaabbachuu hin qaban" jechuun dhaaman.
Jalqabbii barnoota Afaan Oromoo sadarkaa PhD
Barnootni Afaan Oromoo sadarkaa PhDtti barsiifamuu erga jalqabee amma waggootni sagal lakkaa'amaniiru.
Jalqabbii gulantaa seena qabeessa Guddina Afaan Oromoo kanaaf bu'uura kan kaa'eefi hanga ammaattis barattoota kan eebbisiise ammoo Yunvarsiitii Wallaggaati.
Yunvarsiitichi ALI bara 2008 PhD Afaan Oromootiin erga barsiisuu jalqabee hanga bara kanaatti barattoota 15 eebbisiisuu himu Yunvarsiitii Wallaggaatti Itti gaafatamaan muummee Afaanii fi Ogbarruu Oromoo Obbo Dheeressaa Faqqadaa.
"Quuqama hayyoonni Yunvarsiitii wallaggaa dhimma Afaanii fi Ogbarruu Oromoo Kanaaf qabaniif jecha barnoonni kuni akka banamu taasifame. Yeroo jalqabaatiif kan afaan Oromoo sadarkaa PhD barsiisuu jalqabe nuyi" jechuun ibsan.
"Eegasii asitti Yunvarsiitii Finfinnee dabalatee yunvarsiitiin Bulee Horaa fa'a Afaanii fi Ogbarruu Oromootiin ta'uu baatus 'Foklore Oromo'tiin barsiisuu jalqabaniiru. Seenaa keessatti hanga ammaa kan barsiisee eebbisiise Yunvarsiitii Wallaggaa qofadha" jedhan.
Yunvarsiitichi bara kana barattoota afur Afaanii fi Ogbarruu Oromootiin akka eebiisee fi waliigala hanga ammaa barattoota 15 gahuu himan.
Hayyoonni Afaan Oromoo sadarkaa PhDtti baratanii eebbifaman kunis gama baruu fi barsiisuu Afaan Oromoo, Xiinqooqa, afoolaa fi Fookiloorii Oromoo qorachuun guddina Afaan Oromootiif gumaachi taasisan laayyoo akka hin taanes himan.
Erga barnoonni Afaan Oromoo sadarkaa PhDtti kennamuu eegale kanaas fedhiin hayyoonni afaanicha barachuuf qaban olaanaa ta'uu fi fedhiin jiruu fi dandeettiin simachuu amma jiru kan wal hin madaalle akka ta'es dubbatan Obbo Dheeressaan.