Aanga'oonni Itoophiyaa maqaa handaara galaanaan gara hin taanetti deemaa jiru- Ertiraa

Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Yamaanee Gabramasqal aanga'oonni siyaasaa fi waraanaa Paartii Badhaadhinaa maqaa ''handaara galaanaatti ba'uu'' jedhuun gara hin taanetti deemaa jiru jechuun himatan.

Obbo Yamaaneen himannaa kana Itoophiyaarratti kan dhiheessan erga Ministirri Muummee Abiy Ahmad ''Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuun waan hin oolleef qaamni mari'achuuf fedhii qabu yoo jiraate of haa qopheessu,'' jedhanii torban boodadha.

MM Abiy Itoophiyaan waggoota shanan darban ulaa galaanatti ishee baasu argachuuf ''kadhachaa'' turuufi ammallee karaa nagaa gaafachuu akka itti fuftu dubbatani.

''Biyyi hanga kana geessu Itoophiyaan daangeeffamtee ijoollee keenyaaf dabarfamuu qabdi jedhani yaaduun ilaalcha sirrii miti. Kana milkeessuuf waraanni, walitti bu'iinsi ni barbaachisa jennee hin amannu. Kanumaafi waggoota shaniif kan kadhachaa baane,'' jechuun dubbatan.

Qondaalli Ertiraa Yamaanee Gabramasqal ammoo ''Karaa hin taanetti saffisaan deemaa jiru [Paartii Badhaadhinaa]. Ilaalcha isaanii itti gaafatamummaa hin qabneen buufata galaanaa argachuuf jecha xiyyeeffannaa argachuuf hojjechaa jiru,'' jechuun qeeqan.

Barreeffama X irratti maxxansaniin ''Seenaa biyyoota lameenii keessatti boqonnaa dukkanaa isa turetti deebi'uu, bara biyya keenya fottoqfatanii turan sirrummaasaa mirkaneessuuf deemaa jiru,'' jechuun himatan.

Kun seeraan alaa fi adeemsa jibbisiisaadhas kan jedhan Obbo Yamaaneen ''maqa balleessii fi adeemsa siyaasaa isa sadarkaa hammaataarra ga'edha. Itoophiyaan daangaa darbamuu hin qabnerra darbuuf yaalaa jirti,'' jechuun akeekkachiisaniiru.

Paartiin Badhaadhinaa osoo diinagdeen biyyattii deeggarsa Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa (IMF), Baankii addunyaa fi jaarmiyaalee faayinaansii addunyaarratti hundaa'ee jiruu ajandaa waraanaa fi walitti bu'iinsaa summaawaa ta'erratti rarra'ee jira jedhan.

Itoophiyaa keessatti waraanni hin barbaachisne lubbuu namoota hedduu galaafachuu fi qabeenya barbadeessuu akka kufaatii fi maal na dhibdee Paartii Badhaadhinaatti kan eeran qondaalli Eritiraa kun, wabii jireenya lammiilee Itoophiyaaf jecha gocha kanaaf gaafatamni jiraachuu male jedhan.

Qondaalonni Paartii Badhaadhinaa rakkoo biyyattii keessatti dagaage kana furuu dhiisanii akkasumas hariiroo naannawa kanatti laafee jiru tolfachuu mannaa waltajjiiwwan adda addaa qopheessuun sobaan maqaa ijaarrachuurratti xiyyeeffate jedhan.

Akka fakkeenyaatti Kora Jijjiirama Qilleensaa Afrikaa dhihoo kana magaalaa Finfinneetti qophaa'e eeran.

Akkasumas biyyoota Kaaribiyaan waliin hariiroo uumuun biyyattii keessattis akka addunyaatti maqaasaanii tolfachuurratti xiyyeeffatan jedhan.

Adoolessa darbes Pirezidantiin Ertiraa Isaayas Afaworqii gaaffiifi deebii Tv biyyattiif kennan irratti barbaacha ulaa galaanaa Itoophiyaan itti jirtu busheessuun, gocha maal na dhibdeedha jechuun dubbatanii turan.

''Yeroo ammaa Itoophiyaa keessa 'hookkarri' agarru kan mul'atee hin beeknedha,'' kan jedhan Pirezidant Isaayyaas kanaaf immoo paartii biyya bulchu qeeqani.

Pirezidant Isaayas Itoophiyaan ''dubbii barbaadurra rakkoo keessooshee haa furtu,'' jechuunis akeekkachiisan.

Ministeerri Odeeffannoo Ertiraa ibsa Paartiin Badhaadhinaa Hagayya keessa baase irratti deebii yoo kennu, Paartiin Badhaadhinaa yeroodhaa gara yerootti ''odeeffannoo sobaa fi dhiibbaa qabu tamsaasa'' jedhe.

Manni Maree Paartii Badhaadhinaa ibsa Hagayya darbe baaseen, ''diinoonni waraanni akka dheeratu hojjetanii jalaa fashalaa'e'' tooftaalee garaagaraa fayyadamuun Itoophiyaa keessatti walitti bu'insi akka babal'atuuf yaalaa jiru jedhe.

Obbo Yamaanen Fulbaana 3, 2025 toora X isaaniirra barreeffama qoodaniin, aanga'oonni Paartii Badhaadhinaa kanneen ''nama arrabsan'' Ertiraarratti ''doorsisa waraanaa'' akka barbaadanitti gaggeessuu itti fufaniiru jedhan.

Ministirichi kana kan jedhan erga Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad marii ETV irratti taasisaniin dhimma Galaana Diimaa kaasuun dogoggorri raawwatame dhiheenyatti ni sirrata jedhaniin boodadha.