Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
MM Abiy Galaanni Diimaa 'keenya, ulaatti bahuun keenya hin oolu' jedhan
- Barreessaa, Ameyu Etana
- Gahee, BBC News Afaan Oromoo
Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuun ''waan hin oolleef'' qaamni mari'achuuf fedhii qabu yoo jiraate akka of qopheessu Ministirri Muummee Abiy Ahimad gaafatan.
Itoophiyaan waggoota shanan darban ulaa galaanatti ishee baasu argachuuf ''kadhachaa'' turuufi ammallee karaa nagaa gaafachuu akka itti fuftu dubbatani.
Bulchaan Itoophiyaa eebba kitaaba isaanii ''Mootummaa Ida'amuu'' jedhu gaafa Kibxataa yeroo eebbisiisan sa'aatii tokkootti dhihaatuuf haasaa taasisani.
''Biyyi hanga kana geessu Itoophiyaan daangeeffamtee ijoollee keenyaaf dabarfamuu qabdi jedhani yaaduun ilaalcha sirrii miti.
''Kana milkeessuuf waraanni, walitti bu'iinsi ni barbaachisa jennee hin amannu. Kanumaafi waggoota shaniif kan kadhachaa baane,'' jechuun dubbatan.
Ministirri Muummee Abiy waa'ee ulaa Galaana Diimaa isaan waggaa lama dura kaasanii ijoo dubbii Gaanfa Afrikaa ta'errattis yoo dubbatan yeroo duraaf ''keenya'' jedhan.
Haa ta'u malee, Ertiraan ibsa yeroo yerootti baastuun aanga'oonni Itoophiyaa ''doorsisa waraanaa'' itti fufaniiru jechuun ibsaa turte.
Ministirri Muummee Abiy dubbii isaaniin karoora mootummaa dubbatani.
''Ammas karaa nagaa seera addunyaarratti hundaa'uun karra Itoophiyaatti cufateefi hiyyeettii ishee jechisiiserraa furamuu qabdi jennee waan amannuuf waltajjii kamuurratti Itoophiyaa wajjiin karaa nagaa dubbachuuf qaamni fedhu yoo jiraate, harka keenya yeroo kamuu caalaa bal'ifnee simanna.
''Haata'u malee, haata'u malee Itoophiyaan bara baraan teessuma lafaan ugguramtee itti fufti jedhee lammiin Itoophiyaa yaadu inni du'aadha,'' jechuun dubbatani.
'Of qopheessuu qabu'
Ministirri Muummee Abiy haasaa isaaniin qaama yookiin biyya maqaa hin dhoofneen mariif akka of qopheessu yookiin akka of qopheessitu gaafatan.
''[Itoophiyaan] Nageenya ni dursiifti. Hiyyummaa waldhaansoo ni qabdi. Karaa ittiin baatee galtus ni tolfatti.
''Kuni waan hin oolle ta'uusaa hubatanii obbolootni keenya ariifatanii mariidhaaf akka of qopheessan,'' jechuun gaafatan.
Dubbiin isaanii kuni maqaa biyyaa eeruu baatus, Ertiraa akka ta'uu malu kanneen akeekan jiru.
Itoophiyaan waggoota 20 booda Ertiraaa waliin hariiroo yeroo tolfattu wantoota eegaman keessaa tokko Itoophiyaan buufata doonii Asab ni fayyadamtiidha.
Daandiin garas geessuus ijaarsi eegalamuu, Itoophiyaanis humna galaanaa ishee waggoota dheeraa booda leenjisuu eegaluun ibsamee ture.
Haa ta'u malee, adeemsa keessa hariiroon Itoophiyaafi Ertiraa laaffataa erga MM Abiy aangootti dhufanii hariiroo gad-aanaa jedhamurra jira.
Itoophiyaan hanga yoonaa galaana qabaachuu baattus dhihoo waajjirri muummee Humna Galaanaa Itoophiyaa eebbifameera.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad waggaa lama dura dhimmi ulaa galaanaa ''dhimma jiraachuufi dhabuuti'' jechuun erga labsan booda Gaanfa Afrikaatti muddamni mudateera.
Keessumaa Ertiraan irra deddeebiin dubbii aangawoota Itoophiyaarraa dhagahamu qeeqaafi komataa jirti.
Ministirri Muummee Abiy akkaataa bo'oon Siwuuz Kanaal ijaarame akka fakkeenyaatti kaasanii kanneen yeroos dhuman seenan ni yaadata, nutis akkas ta'u qabna jedhan.
''Waggaa 155 har'aa namoonni gootota ijoollee isaaniin milkeessan har'a boqotanii waggaatti yoo xiqqaate dolaara biiliyoona 10 argatu.
''Anaaf isin keessaa kan hin duune jireenya bara baraa kan argatu tokkoyyuu hin jiru. Anis, isiinis ni duuna.
''Seenaa hin duune namni hojjetee du'e bara baraaf maqaan isaa dhalootaa dhalootatti kan darbu waan ta'ef,'' jechuun Itoophiyaan ''ugguramtee'' dhalootatti darbuu hin qabdu jedhan.
'Dhaloota sodaatu'
Ministirri Muummee Abiy haasaa isaaniin hawaasa keessatti ilaalchi ''hin dandeenyu'' jedhu cabuu qaba jechuun dubbatani.
Danqaan ijoo guddina Itoophiyaa ''ajandaa diinota keenyaati. Kunis, sabaan, amantiin, korniyaan… adda qooduudha… Qorichi kanaammoo Ida'amuu qofaadha''
''Nuti Ida'amuu yeroo jennu, diinonni keenya rifatu. Sababni isaa yeroo ida'amnu seenaa akkamii akka hojjennu seenaan durii Itoophiyaa waan beekamuuf,'' jedhan.
''Har'aan tana dhalootni Galaana Diimaa isa kan keenya ta'e deebifachuuf gaaffii dhiyeessuuf sodaatu, shakkii qabu uumamuunsaa qaama caba xiinsammuuti.
''Hin dandeenyu jedhee yaada. Ani isiniif mirkaneessuun barbaada, Itoophyaan ni dandeessi,'' jechuun himan.
Bulchaan Itoophiyaa dhihoo Hidha Haaromsa Itoophiyaa Guddicha dhiibbaa Masrii irra aanuun xumuranii yeroo eebbisiisan rakkoon jabaa furamuu himanii turan.
Hidhichi xumuramuun ''.. haalli seenaa ji'opilitikaa xiqqeenya Itoophiyaa dhumeefiira, ejjannnaan ji'oopolitikaa Itoophiyaa fooyya'eera jechuudha'' jedhan.
Kuni ''dhugaa jala sararameedha'' jechuun rakkoowwan Itoophiyaa keessa jiran kaan Abbayyaa gadi akka ta'an eeran.
Dabaluunis, "Galaanni Diimaa waggaa 30 har'aa nu harka ture. Galaanni Diimaa waggaa 30 har'aa seenaa kaleessaati.
''Dogoggorri uumame kaleessadha. Bor sirreeffama, baayyee rakkisaa miti," jechuunis himanii ture.
MM Abiy dhuguma Galaana Diimaatti bahuu yaadanii?
Ulaa galaanatti bahuu Ministirri Muummee Abiy irra deddeebiin dubbatan kaan kaayyoo isaanii akka ta'e hubatu.
Ummata ilaalcha siyaasaan walqoode tokkoomsuufi of duuba aansuuf kana godhu kan jedhanii yaadaniis jiru.
Yunivarsitii Finfinneetti saayinsii siyaasaan kaadhimamaa PHD kan ta'an Darajjee Yimar, Ministirri Muummee Abiy hangam yaada kanatti cichaniiru jennee gaafanne.
''Biyya keessa wayita muddamni jiraatu mootummootni miira biyyaalessaa uummata isaanii kakaasuuf jecha wantoota akka kanaa ni kaasu.
''Mootummaan Itoophiyaas muddama keessoo ture irraa ka'uun ajandaa kana gara waltajjiitti fide malee dhugumatti Itoophiyaadhaaf dhimmi Galaana Diimaa, dhimmi Asab baayyee fagoodha jedhanii kaasu ture xiinxaltootni,'' jedhu.
Haa ta'u malee, ''Ministirri Muummee eebba kitaaba isaaniirratti jabeessanii kaasaniiru,'' jechuun bulchaan Itoophiyaan qabatamaan itti deemaa jiru jedhu.
''Ani kan natti fakkaatu ajandaan kun foon uffatee yeroo tarkaanfatu argaa jirra jedhee gara guduunfuutti dhufeera.
''Maaliif akkas jette yoo naan jette, dhimmichi harka namoota siyaasaatii bahee, ajajoonni waraanaa osoo hin hafiin addabaabayiitti Galaana Diimaa ykn du'a jechaa jiru.
''Waltajjii ho'isuuf ykn dantaa siyaasaa keessaa argachuuf qofa dubbatamaa waan jiru natti hin fakkaatu,'' jedhu hubannoo isaaniirraa yoo dubbatan.
Mootummaan Ertiraa ibsa yeroo yerootti baasuun aangawoonni Itoophiyaa dubbii hammeessu dubbataa jiru jechuun dubbataa jira.
Qorataan kuni dhimmichi gama Itoophiyaa qofa osoo hin taane gama Ertiraatiinis cimsanii waan qaban fakkaata jedhu.
''Sabboonummaa Itoophiyummaa isa qabbanaa'e deebisee dadammaqsuuf ajandaawwan biyyaalessaa akkasii gara waltajjiitti fiduufi raawwachiisuu dandeenyaan caba guddaa suphuu ta'a.
''Gama Eertiraatiin dhimmicha jabeessanii qabuu isaanii kan hubattu ibsa yeroo yerootti gama Minsiteera Odeeffannoon bahu yeroo ilaaltudha.
''Guyyaa lama dura ibsa baasaniiniyyuu Itoophiyaan bu'uura seeraa fi siyaasaa kamiinuu Galaana Diimaa ykn Asabiin filannoon itti argattu hin jiru jedha,'' jechuun himan.
Itoophiyaan ulaa galaanaa dhabuun dinagdee ishee akka miidhe, egeree ishees baalarra akka buuse amanti.
Itoophiyaan akkamiin ulaa galaanaa dhabde?
Gaaffiin guddaa yeroo ammaa Itoophiyaa keessa jiru gaaffii ulaa galaanaati.
Waggaa dura Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad gaaffii kana erga dhiheessan booda Gaanfa Afrikaatti muddamni dhalateera.
Sababa kanaan hariiroon Itoophiyaan biyyoota ollaa waliin qabdu muddama seenees ture, jiras.
Ta'us, Itoophiyaan karaa nagaan gaafachuu hin dhiisu jechuun irra deddeebiin beeksisteetti.
Itoophiyaan biyya ummata hedduu osoo qabduu karra galaanatti ishee baasu hin qabnedha.
Buufatni doonii Itoophiyaaf haaraa hin turre. Waggootaaf buufata doonii Asabiin fayyadamaa turte.
Hanga bara 1993tti Itoophiyaan Galaana Diimaatti balbalashee banattee gadi bahuun ittiin ol galti ture.
Daldalaafis tahe buufata humna waraana galaanarraaf yaaddoo hin qabdu ture.
Haa ta'u malee, bara 1993 dhaabate.
Kunis, Ertiraan lola waggoota 30 booda Itoophiyaarraa walabummaa waan gonfatteefi.
Walabummaan Ertiraa Itoophiyaa Galaana Diimaarraa fageesse.
Xinxalaan garuu Ertiraan Itoophiyaarraa yeroo walabummaashee argattu dhimmi ulaa galaanaa deebii akka hin arganne ibsu.
Galaanni Diimaa maaliif barbaachise?
Galaanni Diimaa Garba Guddaa Hindiifi Galaana Mediteraaniyaan wal qunnamsiisa.
Bara durii eegalee toorri Galaana Diimaa godaansa, daldalaafi duula waraanaaf ulaawwan ijoo ta'uun itti fufeera.
Keessumaa boba'aafi wantoota bu'uuraa barbaachisan biroo baay'isanii doonii meeshaa guddaa baatuun geejibsiisuuf toora galaanaa barbaachisaadha.
Keessumaa boba'aa addunyaarratti barbaadamu Giddugala Bahaafi biyyoota Galoo Galaanaarraa geejibsisuuf karaa gabaabsa waan ta'ef daldalaafi siyaasa addunyaarratti bakkee ijoo qaba.
Sababa kanarraa kan ka'e biyyoota ollaa Galaana Diimaa jiran kanneen akka Masrii, Sa'udi Arabiyaa, Ertiraa, Yaman, Jibuutiifi Somaaliyaan alatti biyyoonni fagooo jiran fedhii isaanii mirkaneessuuf naannawa galaana kanaa sosso'u.
Sochii daldalaa addunyaa keessaa 12% - 15% kan ta'u akkasumas fe'umsa konteenaraa keessaa 30% kan ta'u gama Galaana Diimaarra ce'a.
Imalli kuni baasiifi yeroo imala doonii Eeshiyaafi Awurooppaa gidduu taasifamu sadarkaa olaanaan xiqqeessa.
Sababa Kanaan daldalaafi dhiheessiii annisaa addunyaan keellaa ijoo jedhamee ibsama.