Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Galaanni Diimaa maaliif bakka ijoo daldalaafi siyaasaa addunyaa ta'e?
Bara durii eegalee toorri Galaana Diimaa godaansa, daldalaafi duula waraanaaf ulaawwan ijoo ta'uun itti fufaniiru.
Keessumaa boba'aafi wantoota bu'uuraa barbaachisan biroo baay'isanii doonii meeshaa guddaa baatuun geejibsiisuuf toora galaanaa barbaachisaadha.
Akka ragaa Baankii Addunyaafi Dhaabbataa Biyyoota Gamtoomaniitti (UN) shaqaxooti addunyaa 80% ol galaanarra geejibsiifamu.
Sababa kanaan geejibi galaanarraa daldala idil-addunyaaf, gabaatti erguuf, biyyatti galchuufi kaaniif ulaa barbaachisaadha.
Addunyaarratti toorawwan sochii kanaaf mijatoo ta'an keessaa tokko Galaana Diimaadha.
Galaanni Diimaa Afrikaa, Eeshiyaa fi Awurooppaa kan wal qunnamsiisu yoo ta'u daldala addunyaa keessatti toora ijoo akka ta'etti amanama.
Galaanni Diimaa maal qaba?
Galaanni Diimaa Garba Guddaa Hindiifi Galaana Mediteraaniyaan wal qunnamsiisa.
Keessumaa boba'aa addunyaarratti barbaadamu Giddugala Bahaafi biyyoota Galoo Galaanaarraa geejibsisuuf karaa gabaabsa waan ta'ef daldalaafi siyaasa addunyaarratti bakkee ijoo qaba.
Sababa kanarraa kan ka'e biyyoota ollaa Galaana Diimaa jiran kanneen akka Masrii, Sa'udi Arabiyaa, Ertiraa, Yaman, Jibuutiifi Somaaliyaan alatti biyyoonni fagooo jiran fedhii isaanii mirkaneessuuf naannawa galaana kanaa sosso'u.
Galaanni Diimaa biyyoonni imala dheeraa Garba Guddaa Hindiirraa gara Garba Guddaa Atilaantikii gabaabsuun dhiheessii boba'aa akka argatan isaan gargaara.
Akkasumas, dooniiwwan gurguddoo shaqaxaafi oomishaalee teknolojii fe'an Awustiraaliyaa, Jaappaan, Chaayinaa, Hindiifi biyyoota kaanirraa karaatti qaxxaamuranidha.
Dabalataan, wadaroon yookiin keebiliin odeeffannoo sekoondii gabaabaa keessatti dabarsuuf gargaaran Galaana Diimaa jalatti diriirfamaniiru.
Biyyoonni walitti bu'iinsa Gaanfa Afrikaa, Giddugala Bahaafi Galoo Galaanaa keessa adeemuu itti dhiheenyaan hordofuuf fedhiii qaban bakkee sochii waraanaa itti gaggeessanidhas.
Karaa qaxxaamuraa
Sochii daldalaa addunyaa keessaa 12% - 15% kan ta'u akkasumas fe'umsa konteenaraa keessaa 30% kan ta'u gama Galaana Diimaarra ce'a.
Imalli kuni baasiifi yeroo imala doonii Eeshiyaafi Awurooppaa gidduu taasifamu sadarkaa olaanaan xiqqeessa.
Sababa Kanaan daldalaafi dhiheessiii annisaa addunyaan keellaa ijoo jedhamee ibsama.
Oomishoonni garagaraa Eeshiyaa, Afrikaafi Awuroppaa gidduu Galaana Diimaarratti sosso'an waggaatti dolaara tiriliyoona tokko akka baasan amanama.
Dooniin fe'isaa Eeshiyaarraa ka'e tokko gama kaanaalii Suyuus yeroo gabaabaatti Awurooppaa gahuuf Galaana Diimaa qaxxaamuree Galaana Mediteraaniyaa gahuu qaba.
Yoo ta'u baate garuu karaa fiixee Afrikaa Kibbaa imaluu qaba.
Imalli karaa Afrikaa Kibbaa taasifamummoo karaa qaxxaamuraa Galaana Diimaarra jirurra imala fageenya 7,000km qaba.
Guyyaan yeroo tilmaamamu ammo imala guyyoota dabalataa saddeet hanga 12 waan gaafatuuf yeroos baasiifis saaxila.
Faayidaa ji'opolotikaa Galaana Diimaa
Galaana Diimaafii biyyoonni naannichatti argaman keessatti sababii faayidaa diinagdee fi siyaasa olaanaa qabuutiin, biyyoonni dorgomtoonni dhiibbaasaanii cimsuuf jecha dorgommii taasisaniin muddamni Gaanfa Afriikaa fi Baha Jidduugalaa akkasumas naannoo walitti bu'iinsi irra hin fagaanne ta'eera.
Biyyoota Galaanaa Diimaaf ollaa ta'an keessatti walitti bu'iinsii fi tasgabbii dhabiinsi yeroo umamuutti waan sochiin daldalaa rakkoon mudatuuf, diinagdee addunyaa rakkoon ni mudata. Sababiinsaas dhiyeessitiiwwan kana akka boba'aa fi kaan waan rakkoon mudatuuf hir'inniifi daballii gatii ni umama.
Biyyoonni nageenya dooniiwwan fe'umsaa akka eegan, diinagdeensaanii akka tasgabaa'uu fi dhiyeessitiin barbaachisuu yeroo fi hanga barbaachisuun akka isaan qaqabuuf nageenya naannichaa eegsiisuuf tarkaanfii waraanaa hanga fudhachuu nig ahu.
Galaanni Diimaan hidda diingadee addunyaa murteessaa yoo ta'u, waggoota ittaananiitti dhiibbaa olaanaa akka qabaatu amanama.
Yaaddoon nageenyaa karaa kanarratti mudatu kamuu dooniiwwan fe'umsaa karaasaanii akka jijjirataniif dirqiisiisa.
Dhiheenya kana hidhattoonni Huutii Galaanaa Diimaa irratti dooniiwwan biyyoota Lixaa haleeluudhaan miidhaa irraan gahuun sochii irratti rakkoo umami ture.
Kana dhaabsiisuudhaaf dursa Ameerikaatiin irra deddebiidhaan haleellaan qilleensa xiyyaarota naannichaa ka'aniin raawwatameera.
Dhiibbaa olaanaa Galaanaa Diimaa
Yeroo ammaatti biyyoonni Galaanaa Diimaarratti dhibbaa qaban kan akka Masrii, Israa'eliifi Saawudi Arabiyaati. Kaan sababii diinagdee gadaanaa, hiyyummaa fi waraanaatiin dhiibbaansaanii hangas cimaa miti.
Faayyidaan tarsimoo Galaanaa Diimaa naannichaan alatti hanga Galaanaa Meeditiriyaanii, Suyuuz Kaanaal, Galaan Hindii fi hanga Galoo Galaana Edanii qaqaba.
Sababii kanaatiin biyyoonni qaxaniichaafi naannicharraa fagaatanii argaman, hirmaannaan isaan Galaana Diimaa keessatti qaban yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufeera. Haaraanis naannichatti dhiibbaa akka qabaataniif yaalii mataasaanii taasisu.
Hidhattoonni Huutii Yaman kan wal waraansa keessatti argamtuu, haleellaan dooniiwwan irratti raawwatan yaaddoo kan uume yoo ta'eu, biyyoonni Gaanfa Afriikaa boba'aafii gaazii qaba, qabeenyaa galaanaa keessaa, barbaachisummaan tajaajilli dooniifi buufataa dabalaa jira.
Galaanni Diimaan xiyyeeffannaa diinagdee murteessaa fi waraanaa ta'e irratti biyyoonni hedduun gahee akka qabaataniif yaalii taasisaa jiru.
Biyyoonni biyyoota ollaa Galaana Diimaa waliin waliigaltee diingadee fi waraanaa taasisuudhaan gaheesaanii ballifataa jiru.
Naannoo kanarraa fagaatanii kanneen argamanis faayidaasaanii kabachiifachuu naannichatta buufata waraanaa hundeessuun humna galaanaasaanii bobbaasu.