Galaana Diimaa kan tibbana waldhibdee addunyaa ta'aa jiru irratti qabxiiwwan ijoo

Ardii Afrikaa fi biyyoota Arabaa jidduu ciisee kan jiru, biyyoota lixaa addunyaa bahaa waliin kan wal-quunnamsiisu, Galaanni Diimaan dhiheenya kana qabxii waldhibdee ta'aa jira.

Biyyoota lixaa fi biyyoota Arabaa wal-dhabsiisaa yookiin walitti firoomsaa kan jiru inni ijoon galaana kana.

Erga waraanni Israa'el eegalee, ji'oota sadan darban keessa ammoo atakaaroon galaana kanaan walqabatu hammaateera.

Gareen mootummaa Yamaniin wal-lolu, Huutiin, Ameerikaa fi michuuwwan ishee Israa'el tumsuuf ulaa kanarra imalu jechuun doonii karaa kana imalu haleeluu eegalan.

Ameerikaa fi Biriteen ammoo walta'uun huutii haleeluu eegalan, kunimmoo waraana Israa'el fi Gaazaa baha giddu galeessaa goolaa jiru irratti yaaddoo waraanaa biraa dabale.

Wa'een Galaana Diimaa biyyoota baha giddugaleessaa qofa miti kan inni dhiphina keessa galche, biyyoonni Gaanfa Afrikaa galaana kana qooddatanis sababa Itoophiyaa fi Somaalilaand misooma ulaa galaanaarratti waliigalaniif walqoollifachuu eegalaniiru.

Ofii galaanni kun maaliif murteessaa ta'e? Dhibdeen asitti uumamu akkamiin addunyaa miidha? Qabxiiwwan ijoo haa ilaallu

Ulaan murteessaa addunyaa lixaa fi bahaa wal-quunnamsiisu- Galaana Diimaa

Addunyaan gara lixaa jiru addunyaa baha jiru waliin kan walargu karaa Galaana Diimaati.

Galaana Meediteraaniyaanii irraa ka'anii Garba Indiyaatti ce'uuf daandii gabaabaan yookiin daandiin qaxxaamuraa karaa galaana kana.

Dooniin bo'oo Suwiiz (Suez Canal) irraa ka'ee gara Garba Indiyaa yabalu yookiin ammoo Garba Indiyaarraa gara bo'oo Suwiiz imalu karra Bab al- Mandab fi Galaana Diimaa kana keessa darbuu qaba.

Bo'oon Suwiiz karaa gabaabaa Awurooppaa irraa gara Eeshiyaatti ittiin ce'an yoo ta'u, keessattuu boba'aa fi gaazii qabeesaa xiqqeessuuf jedhamee bifa dhangala'aatti geeddaramee fe'amu, liquefied natural gas (LNG) jedhamuuf ulaa akkaan murteessaadha.

Jaarmiyaan daldala dooniin taasifamu xiinxalu- Vortexa jedhamu bara 2023 gara jalqabaa qofa boba'aan baarmeelli miiliyoona sagal karaa Bo'oo Suwiiz darbeera.

Waggaa waggaan dooniiwwan 17,000 ta’an karaa Bo’oo Suwiiz ni darbu,kana jechuun daldala addunyaa keessaa dhibbeentaa 12 karaa Galaana Diimaa taasifama jechuudha.

Meeshaaleen daldalaa karaa kana darban doolaara tiriiliyoona tokkotti tilmaamamu.

Akka xiinxala jaarmiyaa S&P Global Market Intelligence jedhamuutti meeshaalee Eeshiyaa fi Galoo Galaanaarraa gara Awurooppaa, Kaaba Afrikaa fi Baha Giddugaleessaa galan keessaa dhibbeentaa 15 kan ta'an karaa galaana Diimaa geejjibsiifamu.

Geejjibi kun boba'aa qulqullaa'e dhibbeentaa 21.5 fi boba'aa jikitaa dhibbeentaa 13 dabalata.

Garuu waa'ee boba'aa qofa miti, dooniiwwan fe'umsaa meeshaalee garaagaraa suuqii keessatti arginu kanneen akka TV, huccuu, meeshaa ispoortii fi meeshaalee elektirooniksii kaan fe'an karaa galaana kanaa darbu.

Kanneen Galaana Diimaa of harkaa qaban fi falmatan eenyufaadha?

Biyyoota Afrikaa fi Arabaa gidduutti kan argamu galaanni Diimaan, Bo'oo Suwiiz irraa eegalee hanga Bab al-Mandab fi Galoo Galaana Adenitti biyyoota akka Sa'udii Arabiyaa, Sudaan, Masirii, Ertiraa, Yaman fi Jibuutiin marfamee jira.

Gaanfa Afrikaarraa Jibuutii aantee Galoo Galaana Aden kan qooddattu kutaa Somaaliyaarraa adda baatee of bulchitu- Somaalilaand.

Akkaataa galaana kana bal'inaan qooddachuutiin Sa'udii Arabiyaatti kan dhihaatu hin jiru. Itaansee walduraa duubaan Sudaan, Masrii, Ertiraa, Yaman, Jibuutiidha.

Haata'u malee karri murteessaan ittiin gara galaana kanaa seenan- Garba Hindiirraa karaa Bab al- Mandaby, Galaana Meeditiraaniyaanii irraa ammoo karaa Bo'oo Suwiiz.

Kanaafuu Masrii (Bo'oo Suwiiz) fi Yaman (Karra Bab al-Mandab) isaan ijoodha.

Gate of Tears jedhamuunis kan beekamu Karri Bab al-Mandab, kiilomeetira 32 kan bal'atu yoo ta'u yabaluuf baayyee rakkisaadha.

Karri akkaan murteessaa ta'e dachee Arabootaa galaanaan marfamee fi gama Afrikaan ammoo handaara galaanaa Jibuutii fi Ertiraa gidduutti argama.

Karri kun mataansaa ulaa dooniiwwaniiti- Dooniiwwan kallattii kibbaarraa ka'anii Bo'oo Suwiiz ga'uuf balbala kanaan Galaana Diimaa seenu.

Daandii kanarraa miliqnaan Afrikaa guutuutti naanna'uu feesisa. Qarqara Kibba Afrikaarraan gara Bo'oo Suwiiz imaluun dirqama ta'a.

Kanaaf dooniiwwan karaa kana filatu, waggaatti yoo xiqqaatee dooniiwwan 17,000 keessummeessa, daldalli addunyaa dhibbeentaa 10 olis karaa kanaan raawwatama.

Atakaaroo Galaana Diimaa fi yaaddoo waraana Baha Giddugaleessaa

Gareen Huutii- maqaa Ansaar Allaah (Duuka buutota Allaah) jedhamuunis beekaman karra Bab al-Mandab irratti cichanii haleellaa gaggeessu.

Amma qarqara Galaana Diimaa, keessattuu Bab al- Mandab, dabalatee kutaalee Yaman harka caalu finciltoota kanatu to'ata.

Waraana Israa'el-Gaazaa giddutti jabaate hordofuun Huutiin "obboloota keenya Gaazaa deeggarra" jechuun misaa'elaa fi diroonii hedduu gara Israa'elitti dhukaasu eegalan.

Kana malees hidhattoonni Huutii amma dooniiwwan daldalaa ulaa Galaana Diimaarra qaaxxamuraanii gara Isra'elitti qajeelanirratti qiyyaafataniiru.

Iraan meeshaa waraanaa fi leenjii, teeknooloojii diroonii fi misaa’elaan garee hidhattootaa kana deeggarti.

Hidhattoota Hamaas Gaazaatti, Hezboollaa Libanoositti fi Huutii Yamanitti Iraantu gargaara.

Sadanuu Israa’el akka diinaatti lakkaa'uun, wal tumsanii haleellaa Israa'elirratti raawwataniiru.

Michuu Israa'el kan taate Ameerikaan ammoo Biriteen waliin ta'uun garee Huutii kana haleeluutti yaaddoo waraanaa biraa Baha Giddugaleessaatti uumteetti.

Biyyoonni kunneen dooniiwwaan Galaana Diimaa qaxxaamuranirratti haleellaa Huutiin raawwataa jiru dhaabsisuuf tarkaanfii fudhachuu ibsu.

Huutiin garuu hanga haleellaan Israa'el Gaazaa keessatti raawwattu hin dhaabbannetti, haleellaa itti fufuuf dhaadateeera.

Ulaa galaana diimaa kana to'atee kan jiru Huutiin, waan harkaa qabu kana fayyadamuun waraana qindaawaa Sa'uudii Arabiyaan durfamu kan deeggarsa Ameerikaa qabu isarratti baname haaloo ba'uuf jedha akka xiinxaltoonni jedhanitti.

Huutiin karra Galaana Diimaa kan ta'e Bab al-Mandab itti cufuun Sa'uudii, kan qarqara galaanaa bal'aa qabdu hubuu akka danda'us dhaadateera.

Ameerikaa fi Biriteen hanga Huutiin haleellaa dooniisaaniirraa dhaabutti isaanis haleellaa akka itti fufan ibsaniiru.

Huutiin ammoo hamma waraanni Gaazaa dhaabatutti doonii karaa kanaan darbu akka haleelu dhaadateera.

Atakaaroon kun waraanni biraa karaa Yaman Baha Giddugaleessaa keessatti dhalachuu akka malu akeeka jedhan xiinxaltoonni.

Haleellaa Huutiin bane kun daldala addunyaa jeequun, gatiin mi'aa fi boba'a ulaa galaanaa kanarra geejjibamuu akka dabaluu taasiseera.

Goolama Galaana Diimaa fi miidhaa inni fidu

Halleellaa fi doorsisa Huutiin raawwachaa jiru kana dheessuun dhaaabbileen doonii gurguddoo kallattii imalaa geeddaruun, karaa dheeraa fiixee Afrikaa Kibbaa imaluuf dirqamaniiru.

Dooniiwwan Galaana Diimaarraa kallattii biraatti jijjirachurraa kan ka’e walitti hidhata gabaa fi dhiyeessii meeeshaaleerra dhiibbaan ni gaha.

Dhaabbata S&P Global Market Intelligence jedhamutti qorannoo hidhata gabaa kan dursan Kiriis Roojars, maamiltoota meeshaalee dooniiwwan kunneeniin fe'aman kanatti gargaramaniirra ''dhiibbaa guddatu'' qaqqaba jedhe.

Meeshaaleen yeroon suuqiiwwan qaqqaban ni harkifatu.

Sababa fageenya karaa dheeraan imala galaanarraa duraanirratti gara fageenya maayilii 3,500tu dabalama.

Dooniwwaa konteenara baatan yoo xiqqaate guyyoota 10 imaluutu irraa eegama.

Fageenyi dabalataa kun dhaabbilee geejjibaas baasii guddaa baasisa.

Ji'oota darban keessa kaffaltiin geejjibaa dhibbeentaa afuriin kan dabale yoo ta’u, baasiin kun maamiltoota biras ni qaqqaba.

Muddamni naannoo Galaana Diimaatti dhalate kun gatii boba'aa ol kaasuu mala sodaan jedhu uumera.

Gatiin boba’aa dabaluun, qaala’iinsa jireenyaas akkaan dabala.

Waa'ee Galaana Diimaa qabxiilee ijoo

Bishaan Garba Indiyaan walquunnamu kan ta'e Galaanni Diimaan Bo'oo Suwiiz irraa hanga Galoo Galaana Adenitti kiilomeetira 1,400 dheerata, bal'innisaa guddaan ammoo kiilomeetira 355.

Dhohiinsa lafaa guddaa Gaanfa Afrikaa fi biyyoota arabaa bishaaniin marfaman gidduutti ta'een kan uumame galaanni kun, Sa'udii Arabiyaa, Sudaan, Masrii, Ertiraa, Yaman, Jibuutii akkasumas Somaaliyaa marsee jira.

Handaara Galoo Galaanaa Aden kan taateefi Garba Indiyaatti dhihaattee kan jirtu Somaaliyaan biyyoota kunneenitti dhiheenya qabdurraa kan ka'e biyyoota Galaana Diimaa keessatti ramadamteetti.

Karaa Kaabaa Bo'oon Suwiiz kan bulchiinsa Masrii jala jiru akkasumas kallattii kibbaan karri Bab al-Mandab kan harka Huutii Yaman jiru ulaawwan murteessoo Galaana kanaati.

Ulaa dhiphoo garuu akkaan murteessaa ta'e kun gama Afrikaan Jibuutii fi gama biyyoota Galoo Galaanaan ammoo Yamanii giddduutti argama.