Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Huutiin meeshaalee waraanaa akkamiitiin dooniiwwan haleela?
Yaman biyyoota hiyyeeyyii keessaa tokko yoo taatu, bara 2014, yeroo warraaqsi hidhattoota Muslimaa warra Shi'aa- Huutii, magaalaa guddoo Yaman Sana'aa dhuunfaterraa eegalee biyyattiin wal-waraansaa keessaa hin baane.
Haleellaan xiyyaaraa yeroo dheeraaf gartuu waraanaa waloo Sa’udiin dursituun Huutiirratti raawwatamaa ture mancaatii fi hiyyummaa biyyattirratti ittuu dabale.
Yaman biyya hiyyeettii taatus Huutiin garuu Sadaasa 2023 irraa eegalee geejjibaa galaanaa jeequuf doorsisaa jira. Ammammoo UK fi USn haleelamutti jiru.
Lolli kun dinagdee addunyaarratti dhiibbaa hamaa geessisuu danda’a jedhamee sodaatama.
Yaman bakki itti argamtu maaliif tarsiimoof barbaachisaa ta’e?
Humni Huutii geejjiba galaanaa jeequuf qabu baay’een teessuma lafaa naannoo isaan to’atan bu’uura kan godhateedha.
Hidhattoonni Huutii Iraaniin deeggaraman kun erga bara 2014 aangoo qabatanii as magaalaa guddoo biyyattii Sana’aa, kaaba biyyattiifi qarqara galaanaa- Galaana Diimaa dabalatee kutaalee Yaman harka caalu to’achaa jiru.
Kun ulaa Bab al-Maandabirratti humna akka qabaatan taasise.
Bab al-Maandab ulaa galaanaa gabaabaa Awurooppaa fi Eeshiyaa wal qunnamsiisu yoo ta’u, hidhattoonni kun meeshaa waraanaa hidhataniin naannicha akka salphaatti qaqqabu.
Huutiin maaliif doonii Galaana Diimaarratti haleela?
Gareen Huutii Yaman Sadaasa 19, 2023 irraa eegalee yoo xiqqaate haleellaa 26 dooniiwwan daldalaa kibba Galaana Diimaa fi Galoo Galaana Aden keessa darbanirratti raawwachuu Ajajni Giddugaleessaa waraana Ameerikaa ibseera.
Huutiin haleellaan garichaa kun haleellaa Israa’el Gaazaatti raawwatteef deebii kenname akka ta’e, dooniiwwan Israa’el waliin hidhata qaban haleelurratti xiyyeeffachuu dubbatu.
Haata'u malee, qeeqxonni haleellaan dhiheenya kana Huutiin raawwate hedduun dooniiwwan Israa'el waliin tasuma hidhata hin qabnerratti raawwatame jechuun falmu.
Huutii haala Gaazaa keessa jirutti fayyadamuun fudhatama qaban guddisuu, dandeettii isaanii agarsiisuu fi raaniif michuu jaboo ta’uu akka danda’an mirkaneessaa jiru jedhu qeeqxonni.
Huutiin dandeettii waraana akkamii qaba?
Haleellaan dhiheenya kana dooniiwwan Galaana Diimaarratti raawwachuuf, Huutiin misaa’ela kiruuzii, misaa’ela balistikii, diroonii (xiyyaaraa nam-maleessaa), fi bidiruu gargaaraman.
Haleellaa gara jalqabaarratti, Huutiin bidiruu xixiqqoo fi helikooptara fayyadamuun doonii yaabbatanii qabachuuf yaalan.
Dirooniiwwan balleessani badan ykn"kamikaze drones" jedhaman kan Huutiii bobbaase diroonii Qaseef jedhamee beekama.
Akkasumas hidhattoonni kundiroonniwwaan balleessani badan kanneen fageenya dheeraa imalan ‘Samads’ jedhaman qabu.
Akka ‘Waashingten Institute for Near East Policy’ jedhutti, Huutiin misaa’ela farra doonii adda addaa kan fageenya km 80 hanga 300 furguggifamu dabalatee misaa’ela Sayyad fi Sejjil jedhaman qabu.
Misaa'eloonni balistikii farra doonii garee kanaas km 300 irratti doonii rukutuu danda'u jedha jaarmiyaan kun.
Misaa'eloonni kunniin daandii baay'ee ol'aanaa ta'een waan deemaniifi dhuguma saffisaan waan rukutaniif addaan kutuun baay'ee rakkisaadha, garuu "basaasa diroonii, dooniiwwan ykn humnoota michuutiin kennamu yeroon irratti xiyyeeffachuu barbaadu" jedha Inistiitiyuutiin Waashingitan.
Misaa'eloonni balistikii fi kruuziin lamaan isaanii diroonii caalaa sodaatamu jechuun hayyuun seenaa galaanaa Saal Merkogliyanoo BBC'tti himeera, sababiin isaas ''mataa waraanaa gurguddaa fi humna sochii guddaa waan qabataniif''.
Akka The Washington Institute for Near East Policy jedhutti, Huutiin misaa’ela farra doonii adda addaa kan fageenya km 80 hanga 300 qabu,misaa’ela Sayyad fi Sejjil dabalatee.
Misaa'eloonni balistikii farra doonii garee kanaas bakka hanga kiiloo meetira 300 fagaatutti rukutuu danda'u jedha jaarmiyaan kun.
Misaa'eloonni kana fashaleessuun rakkisaadha, saffisaan waan itti haggamame rukutu akkasuma olfageenyarra waan imaluf rukutuun rakkisadha.
Garuu odeeffannoo "basaasa diroonii, dooniiwwan ykn humnoota biyyoota michuutiin kennamu hordofuun irratti qiyyaafachuu barbaachisa" jedha Inistiitiyuutiin Waashingitan kun.
Misaa'eloonni balistikii fi kiruuziin halellaa diroonii caalaa sodaatamu jechuun hayyuun seenaa geejjiba galaanaa Saal Merkogliyanoo BBC'tti hime.
''Sababiin isaas baaruda dhootu gurguddaa fi humna sochii guddaa waan qabataniif'' jedhe Merkogliyano.
Inni akka jedhutti, dirooniiwwan badanii balleessan baayyeedha, sababiin isaa gatiin isaanii rakasa, garuu suutumeedha.
Dirooniin kunneen, ibidda doonitti qabsiisu malu jedhamanii sodaatamu.
Garuu USVn "baayyee yaaddessaadha" jedhee amana Merkogliyanoon.
"Sababni isaas doonii rukute keessa seenuun, fi bishaan akka akka lolaasuun doonichi akka liqimfamu taasisa" jedha.
Lola amma gaggeeffama jiru kana keessatti Huutiin jalqaba doonii kallattii tokkootti qofa nama malee imaltu fi dhootuun guutamte ulaa galaana Amajjii 4,2024 kanarratti dhoosu humni galaanaa Ameerikaa hime.
Ajajaan ittaanaan humna galaanaa Ameerikaa Admiral Biraad Kuuper guyyaa sana haleellaan dandeeetti “haaraa” gargaaramuun raawwatamer jechuun ibsan.
“Akka carraa ta’ee, lubbuun namaa hin darbine, dooniin tokkollee hin rukutamne, garuu haleellaa akkasii jalqabuun yaaddoodha” jedhan.
Haata'u malee, Huutiin Amajjii 2017 haleellaa doonii Sa'udiirratti haleellaa raawwatamerratti USV fayyadamaa turan.
Ammas "Bitootessa 2020 keessa doonii boba'a feetee gara Yaman Adenitti imalturratti haleellaa yaalamee otoo hin milkaa" jechuun mootummaan Sa'udii ibsee ture.
Huutii eenyutu deeggara?
Huutii Iraanitu deeggara, kanaaf akka qaama Gurmuu Diddaa ykn "Axis of Resistance" keessaa tokko ta'etti of lakkaa’a.
Gartuu kana keessatti Hezbollaa Libaanos, bulchiinsa Bashiir al-Asaad-Sooriyaa, Hamaas Gaazaa, fi gareewwan biroo Iraan deeggaraman faallaa Israa'el fi US hiriiraniiru.
Giraandhala 2023 mootummaan UK Huutiin kallattiin mootummaa Iraan ''hidhata’’ qabaachuu ragaa agarsiisu fi seeraan alaa misaa'elli Iraaniirra Huutiif darbarfamee kenamu Sa'udii Arabiyaa fi Yunaayitid Arab Emireet haleeluudhaaf oole Dhaabbata Biiyyoota Gamtoomaniif dhiyeesse.
Mootummaan UK akka jedhetti, dooniin humna galaanaa biyyattii jalqaba bara 2022tti yeroo lama meeshaalee waraanaa Iraanirraa kontirobaandiin dooniiwwan saffisaa qaama gaalanaa idil-addunyaa kibba Iraan keessatti socho’anirraa to’ate.