Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hidhattoonni Huutii Yaman keessaa eenyu?
Humnootiin Ameerikaa dhiheenya kana buufatawwan hidhattoota Huutii Yaman keessaa shan irratti haleellaa qilleensaa raawwatan.
Peentaagon bakkeewwan kunneen qaama meeshaalee waraanaa gareen kun ittiin dooniiwwan naannicha keessaa irratti haleellaa raawwachuuf fayyadamaa ture of keessaa qabu jedhe.
Huutiin garee hidhataa Iraaniin deeggaramuu fi Hamas Gaazaa fi Hezbollaa Libaanos keessaa waliin qaama "axis of resistance" Israa'el irratti kan taasifamuudha.
Gareen kunis dooniiwwan Israa'el waliin hidhata qabu jedhanii amanan hedduurratti haleellaa raawwataniiru.
Finciltoonni Huutii haleellaa akkamii raawwatan?
Sadaasa bara 2023 keessaa finciltoonni Huutii duula waraanaa Israa’el Gaazaa keessatti gaggeessiteef haaloo ba’aa jirra jechuun Israa’el irratti diroonii fi misaa’ela dhukaasuu jalqaban.
Haleellaan kunis haleellaa cimaa misaa'elaa Fulbaana 2024 buufata xiyyaara guddicha Israa'el irratti xiyyeeffachuun raawwatan dabalata.
Israa’elis irra caalaan haleellaa sanaa sirna ittisa qilleensaasheetiin ofirraa ittisuu dandeesseetti. Haata'u malee ji'a Adoleessa 2024 keessa dirooniin Teel Aviiv rukutee namni tokko du'ee kan biraa 10 ammoo madeesse.
Sadaasaa irraa eegalee finciltoonni Huutii dooniiwwan qarqara galaana Yaman irra jiran irrattis haleellaa raawwachaa jiru.
Sadaasa 19 doonii daldalaa Galaana Diimaa keessa turte butan. Akkasumas misaa’ela ykn bidiruu diroonii boombii fe’anitti fayyadamuun, Galaana Diimaa fi Galoo Galaana Adan keessatti dooniiwwan gara 100 ta’an irratti haleellaa raawwatan.
Doonii rukutan keessaa lama booda keessa kan dhidhiman yoo ta'u, kanneen biroo hedduu ammoo miidhaan irra gaheera.
Guraandhala 2024 keessa doonii fe’umsaa alaabaa Barbaadoos qabdu True Confidence jedhamturratti haleellaa misaa’elaa gareen kun raawwateen hojjettoonni doonii sadii ajjeefaman.
Gareen kun dooniiwwan kan Israa’eel, alaabaa Israa'el qaban ykn kan israa'eliif hojjetan ta’uu amane ykn gara buufata doonii Israa’elitti imalu jedheerratti xiyyeeffachuu isaa dubbata.
Haata'u malee, dooniiwwan gareen kun haleele hedduunsaanii Israa'el waliin walitti dhufeenya hin qaban.
Fulbaana bara 2024 keessa finciltoonni Huutii ''haleellaa'' humni galaanaa US ''walxaxaadha'' jedheen dooniiwwan isaanii naannicha keessa irratti dhukaasan, garuu misaa'eloonni hundi ni fashaleeffaman.
Balaan haleellaa Huutii kunis dhaabbileen doonii hedduun Galaana Diimaa irraa akka fagaatan taasise.
Mi'oota dooniidhaan gara biyyoota addunyaatti geejibsiifaman keessaa kan gara %15 ta'u Galaana Diimaa fayyadamu. Kanaaf kun daldala idil-addunyaa irratti dhiibbaa uume.
Huutii jechuun ''Ansaar Allaah'' ykn deeggartoota Allaah jechuudha.
Hidhattoonni kun maqaa Huutii jedhu kan moggaafatan hundeessaa warraaqsa Hutii nama Huseen al-Hutii jedhamu booda.
Hidhattoonni Huutii finciltoota Muslimoota Shihaa lakkoofsaan xiqqaa ta'an Zayidii jedhaman keessaa bahani.
Amma qarqara Galaana Diimaa dabalatee kutaalee Yaman harka caalu finciltoota kanatu to'ata.
Waraana Israa'el-Gaazaa giddutti jabaate hordofuun Huutiin "obboloota keenya Gaazaa deeggarra" jechuun misaa'elaa fi diroonii heddu gara Israa'elitti dhukaasu eegalan.
Hidhattoonni Huutii amma dooniiwwan daldalaa ulaa Galaana Diimaarra qaaxxamuraani gara Isra'elitti qajeelanirratti qiyyaafataniiru.
Keessattuu ji'oota lamaan darban keessa Galaana Diimaarratti hidhattoonni Huutii dooniwwan daldalaa deddeebi’anii haluurratti argamu.
Iraan meeshaa waraanaa fi leenjii, teeknooloojii diroonii fi misaa’elaan garee hidhattootaa kana deeggarti.
Hidhattoota Hamaas Gaazaatti, Hezboollaa Libanoosi fi Huutii Yamanitti Iraanitu gargaara.
Sadanuu Israa’el akka diinaatti lakkaa'uun, wal tumsanii haleellaa Israa'elirratti raawwataniiru.
Baha Giddugaleessatti Israa'eli fi Iraan hariiroo diinumaa ijaaf-adaamii fakkaatu qabu.
Kaayyoon isaanii maali?
Gareen finciltoota Huutii bara 1990 keessaa kan hundaa'e yoo ta'u, malaammaltummaa Pirezedantii Yaman yeroo sanaa Alii Abdullaahi Saalaah ittisna jechuun hundeeffame.
Ameerikaan bara 2003 wayita Iraaq weerarte warri Huutii mormii Ameerikaa, Israa'elifi warra Yihudootaa balaaleffatu gaggeessaa turan.
Gama biraan ammoo Hamaasi fi Hezboollaan qaama warraaqsa kanaati.
Jaarmiyaa Dhimma nageenyaa Awurooppaatti ogeessaa dhimma Yaman kan ta'an Hishaam Al-Omisiyi, sababa kanaaf Huutiin dooniwwan gara Israa'elitti qajeelan haleela jedha.
Huutiin akka qaama ''gartuu diddaa'' ykn ''Axis of Resistance'' jedhamu, kan Iraan hoggantuu, Israa'eli fi Ameerikaa akka diinaatti lakkaa'an, akkasuma diinumma biyyoota Lixaa qaban keessaa tokkoodha.
''Imperiyaalistoota, diina biyya Islaamaati'' jedhaniin lolaa jiru jedhe Hishaam Al-Omisiyi. Yaada kanatu gama isaanirraa dhagahama jedha.
Akkamitti irra caalaa Yaman to'atan?
Huutiin cimina gama siyaasaatiin kan argatan jalqaba bara 2014tti ture.
Kunis yeroo Alii Abdullaa Saalaatti aanuun aangoo kan qabatan Mansur Haadi irratti fincila eegalani.
Sana booda Huutiin nama akka diinatti duraan ilaala turan Abdullaa Saalaah wajjin waliigaltee uumanii, aangootti deebisuu barbaaadan.
Bara 2014tti hidhattoonni kun mandara Kaaba Yamanitti argamtu Saada jedhamtu qabatan.
Gara boodaa magaalaa Sana’aa to’achuu hordofuun Pirezedant Mansur Haadin Bitootessa 2015 biyyaa baqatan.
Ollaa Yamanitti kan argamtu Sa'ud Arabiyaan gama waraanaan dhimma biyyattii gidduu seentee, Pirezedant Mansur Haadii aangootti deebisuuf yaalte.
UAE fi Bahareenillee Sa'ud Arabiyaa tumsaa turan.
Finciltoonni Huutii haleellaasaanii ofirraa qolaachaatuma, harka caalaa lafa Yaman to'achuu itti fufan.
Fonqolchi mootummaa finciltoonni Huutii Yamanitti raawwatan wal-waraansa hamaa waggoota sagal ol lakkoofsise kaase.
Ji’uma Bitootessaa 2015 keessa biyyoonni Arabootaa xiyyaaraan hidhattoota haleeluu eegalan.
Garee Sa’udiin dursitu kun Ameerikaa, UK fi Faraansaayiirraa deeggarsa odeeffannoo basaasaa fi lojiistiki waraanaa argata.
Waraana Yaman keessatti Ameerikaan meeshaalee waraanaa gartuu humnoota waloo Sa’ud Arabiyaan dursituuf dhiyeessaa turte.
Haata’u malee, mootummaa sadarkaa idil-addunyaatti Yamanitti beekamtii qabu biyyattii keessatti deebisuuf yaaliin godhame hin milkoofne.
Gartuun hidhattoota Iraanitti hidhata qaban kun misaayilaa fi dirooniwwaan Iraaniirraa deeggarsaan argataniin Sa’ud Arabiyaa fi Gamtaa Imireetota Arabaa(UAE) haleelaa turan.
Qondaaltoonni Ameerikaa fi Sa‘udii yeroo sana Iraan qoqqoobbii daddabarsa meeshaalee waraanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii darbuun, meeshaalee waraanaa hidhattoota kanaaf dabarsiti jechuun Iraan himataa turan.
Iraan garuu himannaa sana haalaa turte.
Hidhattoonni kun buufatalee boba‘aa biyyoota kanaa otoo hin hafiin haleeluurratti xiyyeefataa turan.
Hidhattoonni Huutii misaa’ela fageenya dheeraa furguggifamanii fi diroonii hedduun Sa’uud Arabiyaa fi UAE haleelan.
Waraana Yaman keessatti namoonni kuma kudhanitti lakkaa’aman ajjeefamaniiru.
Bara 2017 Aliin Abdullaa Saalaah gara garee Sa'ud Arabiyaa goruuf wayita yaalu ajjeesan.
Eenyutu garee Huutii deeggara?
Finiciltoonni Huutii hidhattoota warreen Shihaa Libanoon Hezbollaa wajjin walfakkaatu.
Akka jaarmiyaan qorannoo Ameerikaa jedhutti, Hezbollaan tumsa ogummaa gama waraanaa bal'aa fi leenjii bara 2014 kaasuun hidhattoota Huutiif kennaa ture.
Huutiin Iraan akka michuutti ilaalu, Sa'ud Arabiyaan ammoo isaaniif diina waloosaaniiti.
Iraan meeshaalee waraanaa hidhattoota Huutiif dhiyeessuun shakkamti.
Misaayiloota bilaastikaa Hutiin bara 2017 gara magaalaa guddoo Sa'ud Arabiyaa Riyaaditti dhukaasu Iraantu dhiyeesseef jechuun Ameerikaa fi Sa'udiin balaaleffataa turan. Misaayilichi garuu rukutame kufe.
Sa'ud Arabiyaan diroonii fi misaayila Hutiin bara 2019 buufalee boba'aa biyyattii ittiin haleele Iraanitu dhiyeesseef jechuun balaaleffattetti.
Huutiin jabina hangam qabu?
Ummanni Yaman harki caalan naannoo hidhattoonni Hutii to'atan keessa jiraatu.
Kaaba Yaman keessatti hidhattoonni kun gibira sassabbatu, maallaqa ni maxxanfatu.
Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ogeessa dhimma warraaqsa Hutii Ahimad al-Bahiri wabeeffachuun akka himetti, Hutiin deeggartoota meeshaa waraanaa hidhatanii fi hidhannoo hinqabne 100,000 hanga 120,000 qabu.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii akka ibsetti, daa'immaan, umriin isaanii otoo loltummaaf filatamuun hin gahiin hidhattoota kanatti dabalaman 1,500 bara 2020 du'aniiru.
Hidhattoonni Huutii Yaman, qarqara Galaana Diimaa, iddoo dooniiwwaan irratti halleellaa banan to'annoo isaanii jala jira.
Haleellaawwan hidhattoonni Huutii banan, marii nageenyaa Sa'udii wajjin akka taa'an gargaare jedha Hishaam Al-Omisiyi.
''Ulaa Baab al-Maandab, ulaa Gaalana Diimaa cufuu akka danda'an Sa'udiitti agarsiisuun, Sa'udiin akka isaan wajjin waliigaltu dhidhiibaa jiru,'' jedhe.