Dirooniin Yamanirraa ta’uu hin oolle magaalaa Israa’elitti 'rukutamte'

Kibxata Onkololessa 31, 2023 “Xiyyaara farriftuu daangaa cabsitee seente” [hostile aircraft] hordofee magaalaa Israa’el qarqara Galaana Diimaatti argamtu Elaat jedhamtu keessatti sagaleen haleellaan qilleensarraa akka dhufe akeekkachiiftu dhaga’amuu Humni Waraanaa Israa’el (IDF) beeksise.

Jalqabarra IDF xiyyaarri kun maal akka ta’e ykn eessaa akka ka’e ilaalchisuun ibsa gadi fageenyaan hin kennine ture. Gabaasaaleen raadiyoo Israa’elirraa argaman garuu dirooniin tokko Galaana Diimaa irratti rukkutamtee akka kufte eeranii ture.

Elaat magaala Israa’el dhuma kibbaan argamtu taatee Galaana Diimaa daangaa Jordaan fi Masirii irratti argamti. Magaalaan kun Gaazaa bakka waraanni itti gaggeeffamurraa ammoo kiiloomeetira 200 fagaata.

IDF boodarra akka mirkaneeffatetti, “xiyyaarri/diroonii waan hamaa raawwachuuf dhufte kun” qarqara karaa Elaat daangaa Israa’elitti siquudhaan bakka irratti xiyyeeffattee rukkutuuf turte deemaa jirti.

Yaman keessatti gareen Iraaniin deegaramu haleellaa diroonii Israa’el kibbaatti gaggeessuu isaa himeera.

Loltoonni Huutis, Yaman haleellaa diroonii Kibxata ganama gaggeeffameef itti-gaafatamummaa akka fudhatu dursaan garee Iraaniin deeggaramu kanaa AFPtti himeera.

Haleellaa gareen kun gaggeesse miidhaa qaqqabsiise ykn lubbuu ajjeese jiraachuun gabaafame hin jiru.

Dhuma torban darbee buufata Basaasaa Israa’el Galaana Diimaa, Odola Daahilaak irratti argamurratti haleellaan raawwatameera oduu jedhu miidiyaaleen Baha Giddu-galeessaatti argaman gabaasanii turan. Ertiraan garuu oduun kun soba ta’uu waakkattee turte.

Ministirri odeeffannoo Ertiraa gabaasichi kan odeessuu waa‘ee haleellaa buufata waraana Israa’el Ertiraa keessatti hin argamnerratti raawwatameeti jechuun, haleellaan raawwatame kan hin jiraannee ta’usaatiin alatti, Israa’el Ertiraa keessa buufata waraanaa akka hin qabne himaniiru.

Buufata TV Libaanoon kan ta’e Al-Maayaadiin, gabaasa maddeen waraana Ertiraa keessatti argaman natti himaniiru jechuun baaseen, haleellaa raawwatameera jedheen qondaaalli waraanaa Israa’el olaanaan tokkos ajjeefamuu dabalee himee ture.

Al Maayaadiin haleellichi qiyyeeffannaa kan irratti taasifate wiirtuu basaasa Israa’el kan xiyyeeffannaa isaa Galaana Diimaa irraa Yaman irratti taasifatedha jedheera.

Miidiyaan kun haleellicha kan raawwate eenyu akka ta’e ilaalchisuun kan jedhe jiraachuu baatulleen, garee Islaamaa Ansaar Allaah jedhamuufi Yaman keessa socha’u tokko ta’uu akka hin oollee eereera.

Ministirri Beeksiisa Ertiraa garuu gabaasichi, ‘‘soba adiidha’’ jechuun, Israa’el, Iraaniin, akkasumas finciltoonni Huutii Ertiraatti buufata waraanaa qabu jechuun irra deddeebiin odeeffannoo sobaa kennaa turaniiru jedhan.

Israa’el Ertiraatti buufata waraanaas ta’e wiirtuu basaasaa hundeeffachuu kan beekamu hin jiru.

Ammas yaadni jiru dirooniin magaalaa Israa’el, Elaat haleeluuf dhuftee rukkutamte jedhame kun Yaman irraa kaatee Galaana Diimaarraan balaliitee dhufte kan jedhudha.

Gareen warra Huutiis magaalaa guddoo Yaman, akkasumas biyyattii harka caalu to’atanii jiran Iraan waliin hariiroo qabu. Iraan ammoo tekinooloojii diroonii baayyee cimaa ta’e akka qabdu ni beekama.

Kanaaf, diroonii Iraan maqaa [Kamikaze drone] jedhamuun ta’uu akka hin oolle himamaa jira. Gosti diroonii Iraan kun meeshaa waraanaa hidhate qabatee riphee diina eeggatee qiyyaafatee dhukaasuun ajjeesa.

Yaman irraa Israa’elitti dhukaafamuun kun kan jalqabaa miti.

Torban darbe keessa, waraanni US Galaana Diimaa jiru misaa’elootaafi dirooniiwwan finciltoota Huutisii Yaman jiran osoo Israa’elitti ergamaa jiranii qolatamaniiru.

Magaalaan Israa’el amma dirooniin irratti mul’atte, Elaat, hoteela turistootaa dabalatee namoonni gandoota daangaa Gaazaarra jiranirraa itti baqatanii keessa qubatanii jiranidha.

Wanti hin beekamne qilleensarra balali’aa jiru tokko sagaleen akkeekkachiiftuu balaa qilleensarraan dhufee akka dhaga’amu taasisa. Kun ammoo namoonni gara dahootti baqatan dirqisiisa.

Akka odeeffannoon bakka sanaa bahan himanitti, qondaaltonni waraanaa Elaat jiranis dahoo keessa dhokatanii jiru.