Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Looltoonni Israa'el Gaazaa keessa hangam fagaatanii galaniiru?
Humnootiin Israa'el karaa kaabaatiin Sulula Gaazaa keessa galaa kan jiran yoo ta'u, taankiiwwan ammoo daandii gara kibbaatiin bahamu yeroo gabaabaaf cufanii ture, jedhan Filisxeemonni ijaan argan.
Taankiin tokko Daandii Saalaah al- Din gubbaatti kan suuraa kaafame yoo ta'u, qaama loltoota gara Magaala Gaazaa seenanii ta'u mala jedhamaa jira.
Viidiyoon akka agarsiisuutti, konkolaataan tokko erga taankicha bira gaheen booda ofirra yoo deebi'u agarsiisa, tarii itti dhukaasee deebi'aa jira ta'a.
Boodarra ammoo waraanni Israa'el loltoonni Hamaasiin butamanii turan oppareshinii halkan keessa gaggeefameen gadhiisifamuu beeksiise.
Ministirri Mummee biyyattii Benjaamiin Netaniyaahuun, loltuu Israa'el butamee ture Pte Ori Megidish jajataniiru. Loltuun waan gaarii hojjeta jedhame gadhiifamuusaatti ''milkaa'ina gammachiisaa'' kutannoo Israa'el namoota hafan 230 gadhiisisuudhaafqabdu agarsiisuudha jechuun leellisan.
Akkasumas, waraabbii viidiyoo dubartoota sadii butamanii Hamaasiin gadhiisuun hidhamtoonni isaa Israa'el keessaa akka gadhiifaman ittiin gaafateen, ''holoola saayikoloojii gara jabiinaa'' jedhaniiru.
Hamaas Onkololeessa 7 erga kibba Israa'el irratti haleellaa banuun namoota 1,400 ajjeesseen booda daa'imman, jaarollii, akkasumas loltoota butee fudhachuudhaan gara Gaazaatti geesse.
Sambattan irra ammoo akkuma MM Netaniyaahuun waraanni Hamaas barbadeessuu''sadarkaa lammaffaa'' keessa galeera jedhanitti, haleellaa boombii torbanootaaf samiirraa gaggeessaa turameen booda amma duulli lafoo itti cimeera.
Miniseeri Fayyaa Gaazaa Hamaasiin durfamus hanga ammaatti namoonni 8,300 ol Gaazaa keessatti ajjeefamaniiru jedhe. Dhiyeessitiin nyaataa, bishaaniifi qorichaa ummata miiliyoona 2.2 ta'us haala yaaddeessaadhan hir'ateera jedhameera.
Netaniyaahuun waamicha Gaazaa keessatti dhukaasa dhaabuu taasifame diduudhaan ''duula waraanaa dhaabuun Hamaasiif harka kennachuudha, shororkeessatti harka kennachuudha, gara jabeeyyiitti harka kennachuudha,'' jedhan.
''Har'a humnoota siviliifi humnoota gara jabbeeyyii jidduu sarara goona'' jedhan Wiixata kaleessaa gaazexessitootatti wayita dubbatanitti.
''Israa'el hnaga injifannootti humnoota gara jabeeyyii fuldura dhaabbatti. Biyyoonni hammayyaa bakka hundaas akka waraana kana deeggaran nan hawwa nan kadhadhasi'' jedhan.
Ejansiiwwan gargaarsaa walitti fufiinsaan lolli dhaabbatee deeggarsi namoomaa gara naannichaa akka seenuuf gaafataa jiru.
Waraabbiin viidiyoo taankii daandii Saalaah al-Diin’tti agarsiisus gaazeexeessaa Yuusuu Baasaam kan gara kaabaatti imaleen Wiixata ganama waraabame.
Konkolaataan Baasaam bakka qaxxaamura Neetzaariim jedhamuufi kan dallaa Israa’elrraa kilomeetira 2.8, akkasumas Magaalaa Gaazaa irraa ammoo kiloomeetira 3 fagaatu gahee dhaabbate.
Achiinis konkolaataa taankii fuldurasaa daandii jidduutti tuullaa biyyoo fakkaatuufi hin sochoone fulduura konkolaataa lammaaffaa suuta imalu guddiisee ykn dhiheessee (zoom) gochuun waraabe.
Konkolaataa lammaffaan wayita dhukaasa banutti taankichi socha’uu eegale. Achinis konkolaatichi osoo hin dhohiin dura taankicha irra balaqqeen tokko mul’atee ture.
‘‘Deemeera, maatii guutuun deemaniiru’’ jedha namni tokko konkolaaataa Baasaam keessaa osoo saffiisaan gara kibbaatti hin deebi’iin dura.
Oggeessi suuraa haleellaa qilleensa naannichaa hordofaa ture BBCtti akka himetti, ‘‘Akka tasaa yoo of booddee ilaalu, taankii Israa’eliin arge.’’ Achiinis suuraalee muraasa erga kaaseen booda baqate.
Dubbi-himaa waraan Israa’el ibsa addatti waa’ee taankichaa gaafatamanii garuu odeeffannoo dabalataa kennuurraa of qusatan.
‘‘Meeshaalee waraanaa sibila uffatan dabalatee Gaazaa keessatti tarkaanfii haleellaa fudhannuun opareshinii keenya ballifanneera. Kun kaayyoowwan waraanichaa dursaa lamaan milkeessuudhaaf. Tokko Hamaas ittisuuf yoo ta’u, lammaaffan namoota butaman deebisuu mirkanneessuudhaaf,’’ jedhan Daani’eel Hagarii.
"Odeeffannoo gadi fageenyaa asitti kennuu baadhulleen, nageenyi loltoota keenyaa dhimma ijoo ta’ee akka turu isiniif mirkaneessuun barbaada,’’ jedhan.
Jalaqabarratti waraanni Israa’el taankiiwwaniiniifi loltoonni halkanirraa qabee oppareshinii lafoo isaanii Gaazaa keessaa babal’ifachuu itti fufuudhaan, loltoota Hamaas gamoowwaaniifi ulaawwan keessatti dahatan ajjeessaa jiru jedhee ture.
Haaluma kanaanis sa’aatiiwwan darban 24 keessatti, kuutaa meeshaa waraanaa, bakkeewwan misaa’eloonni farra taankii irraa dhukaafamaniifi itti dhokatan dabalatee, qiyyeffannaawwan ‘‘shororkeessaa’’ 600 ol qilleensaan haleeleerra jedhe.
Gabaasaan BBC Raashiid Abbuu Aluuf kan kibba magaala Kaan Yuunis keessatti argamu, taateen daandii Saalaah al-Diin cimaadha, sababii yeroos Gaazaan bakka lamaatti qoodeefuu jedha.
Akkasumas, haleellaan qilleensaa muraasi guyyoota darban keessaa kibba keessattis humnoota Israa’el kanneen gara kaabaa Gaazaatti babalifataa turaniin raawwatamaa akka ture hime.
Waraanni Israalee akka Kaaba Gaazaa keessaa bahanii gara kibba Gaazaaa kan laga Waadii Gaazaa akka cee’aniif, itti himamulleen, namoonni kuma 600 ta’an ammas achi keessa jiraachu amanama.
UN akka jedheetti, Kaaba Gaazaa keessaatti hospitaaloonni 10 akka gadi dhiisanii bahaniif ajajni kennameefiira. Haata’u malee dhukkubsatoota kumaatamaa fi namoota buqa’an 117,00 ta’anitu keessatti dahatee jira. Lubbuu dhukkubsattootaa osoo balaa irra hin qaqabsiifne hospitaaloota gadi dhiisanii bahuun hin danda’amu jechuun akeekkachiiseera.
Hospitaala Al-Quds kan Magaala Gaazaa kibba aanaa Taal al.-Haawaatti argamu keessa dhukkuubsattoota 400 fi namoonni buqqa’an 14,000 akka jiran yaadama. Tibbana haleellaan Israa’el cimaa jiraachu namoonni ijaan argan himan.
Guyyaa Wiixataa ammo haleellaa haaraan dhihenya hospilaata kanaatti qaqabuun dhagahame.