Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'eel Gaazaatti weerara lafoo eegaltee jirti?
Humnoonni Israa'el naannawa kaabaa Sulula Gaazaa irratti xiyyeeffachuun achirraa ka'un suuta suutaan gara kibbaatti dhiibbachaa kan adeeman fakkaata jedha gabaasaa gameessi BBC Jeremiin.
Warraanni Israa'el kan halkan Jimaataa jedheetti homaayyu hin daballe. Waraanichis yeroo oppareshiniisaa dabalaa jiraachu himee ture.
Viidiyoo ganama Samabata har'aa kana Gaazaa irraa dhufe jedhame irratti akka mul'atee fi waan karaa daangaatti halkan darbe argamee irraa ka'amees, haleellaa cimaan gaggeeffamuun ni hubatama.
Garuu ammoo komunikeeshiniin ykn malliiwwan qunnamtii adda cituu jechuun, qabatamaadhaan maal gaggeeffamaa akka jiru adda baasuun rakkiisaadha. Fakkeenyaaf, gabaasaan BBC Jeeremiin dhaabbata UN kana waajjira mummee isaanii kibba Gaazaatti argamu waliin bilbila saataalaayitiin dubbateera.
Kanaanis interneetiin akka hin jirre, biiroowwan naannichaa kan sochii deeggarsa isaanii to'atuun wal quunnamu akka hin dandeenye hubate.
Haleellaan boombii kan addatti kaabarratti xiyyeeffate yoo ta'u, Sululli Gaazaa kan fageenya maayilsii 28 qofa dheeratu waan ta'eef, hangi dohinsichaa hangam cimaa akka ta'e fageenya dhihoo fi bakkeewwan hundarraa ni dhagahama.
Gulaalaan idl-addunyaa BBC Jereemii Boowen akka jedheetti, waraanni Israa'el ganama har'aas achuma turan. Tarii humnoonni addaa kanneen ulaawwan lafa jalaa, haleellaa human qilleensaatiif qiyyeeffannaa addaa baasaniin qulleensuu yaalaa jiru ta'a.
Guyyaa keessa taankiiwwan caalaa saaxilamoo ta'u waan danda'aniif tarii muraasa isaanii booddeetti deebiisu malu.
Garuu hanga ammaa kanattis lolii gaggeeffamaatuma jira. Ofii kun lola lafooti? Hiikaa isaa irratti danqamnee dhaabbachu kan qabnu natti hin fakkaatuu jedha gulaalaan idl-addunyaa BBC Jereemii Boowen, Yerusaalam irraa.
Waraanni baayyataa adeemuu wayita agaruutti, humni eeggataa 300,000 sochofamuunsaa, weerara adda hundaa Gaazaa keessatti taasifamu agarre jedhamee yaadamee ture.
Ammatti garuu kan ta'aa jiru kana hin fakkaatu. Ta'aan kan jirus, naannoolee Gaazaa muraasa muraasaan wal jalaa qulleessaa kan deemanidha.
Haasaa waraana Israa'el halkan darbee irraa akka hubatameettis, xiyyeeffannaan isaanii fulduratti dhiibuu itti fufuma fakkaata. Kunis ''deebiisanii kanfalu'' jedhamu sanadha.
Tarii sochiin kunis shakkata'iinsa baayyee dheeraa ykn waraanaa lafoo dheeraa jedhamu ta'u mala. Haata'u malee sochii waraana baayyee hedduu akka ta'us mirkana jedhan gulaanaan BBC Jereemiin.