Israa'el murtee Gaazaatti dhukaasa dhaabuu UN dabarsetti aaruun hin fudhadhu jette

Israa'el murtee Gaazaa keessatti "gargaarsa namoomaaf dhukaasa dhaabuu" Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) dabarsetti aartee akka hin fudhanne ibsuun, of ittisuu ittin fufa jette.

Korri Waliigalaa UN sagalee caalmaan atattamaan gargaarsa namoomaaf dhukaasni Israa'el fi Hamaas gidduutti akka dhaabbatuuf gaafateera.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtomanii (UN) walga'iisaa Jimaata kaleessaa taa'een Israa'eliifi Gaazaa jidduutti dhukaasa dhaabuun battalatti hojiirra akka ooluu jechuun kan sagalee kenne.

UNtti Ambaasaadarri Israa'el Gilaad Erdaan, UN kanaan booda ''seera qabeessuummaa ykn barbaachisummaa tokkollee'' hin qabu jedhan.

Ameerikaan murtee dhiyaate mormiteetti garuu ammoo oppareeshinii waraanni Israa'el Gaazaa keessatti taasisu ''yeroo xiqqoof dhaabbateegargaarsi namoomaa akka galu" waamicha taasifte.

Waraanni Israa'el Gaazaa guutuutti haleellaa qilleensaa itti fufuun, Jimaata Onkoleelessa 27, 2023 oppareeshiin isaa akka babal'ifate himeera.

Dubbii-himaan waraana Israa'el Daani'eel Haagaarii, humnoonni ''Gaazaa keessatti haleellaa raawwatan cimsaniiru. Humni qilleensaas bal'inaan lafa jala bakka xiyyeeffannoon barbaadamaniifi bu'uuraalee misooma shororkeessaa haalaan haleeleera'' jedhan.

Akkasumas, jiraattonni Gaazaa gara kibbaatti akka siqaniif itti himameera jedhan.

Israa'el erga Onkolooleessa 7 Hamaas haleellaa banuun Israa'el keessatti namoota 1,400 ajjeessee, kaan 229 ta'an butee kaasee Gaazaa irratti haleellaa qilleensaa raawwataa jirti.

Yaa'iin Waliigala UN guyyaa Jimaata kaleessaa Gaazaa keessatti battalatti dhukaasni akka dhaabbatuuf sagale kenne. Kanaanis biyyoonni 120 yaada dhukaasni attamaan dhaabachuu qaba jedhu deeggaran, 14 ammoo mormaniiru. Biyyoonni 45 ta'an garuu sagalee hin kanniin hafan.

Yaadni murtee kun garee Arabaa bakka bu'uun Joordaaniin kan dhiyaate yoo ta'u, ''haleellaawwan shororkaasaafi osoo adda hin baasiin raawwatame'' balaaleeffachuunis gochaawwan lammiilee nagaa Israa'eliifi Filisxeem irratti raawwatamu hunda balaaleeffateera.

Sagaleen kenname kunis seeraan dirqiisiisaa miti, garuu ammoo sababii beekkamtii miseensummaan UN qabuutiin ulfaatina duudhaa qaba.

Ambaasaaddarri Israa'el Erdaan ''UN fi ilmaan namaatiif guyyaa dukkanaa'' jechuun erga waameen booda, biyyisaa ''waan danda'amu hundaan'' Hamaas akka waraantu dhaaddatan.

''Guyyaan har'aa kan akka guyyaa badiitti ilaalama. Hundi keessanuu kanaan booda UN seera qabeessuummaa ykn barbaachisummaa omaa akka hin qabne agartanii jirtu,'' jedhan.

Kanneen sagalee kennanis Israa'el irraa ''loltoota shororkeessitoota Naazii'' deeggaruu filattan jedheen.

Dubbi-himaan Nageenya Biyyaaleessa US, Joon Kiribii, Ameerikaan namoonni butaman Gaazaa keessa akka baafamaniifi deeggarsi namoommaa akka seenuuf walaan jidduutti akka dhaabbatu deeggarti jedhan.

''Deeggarsa seenaa jiruuf dhukaasa dhaabuu namoommaa ni deeggarra. Akkasumas, namoonni butaman akka baafamaniifi boba'aan akka seenuufi ibsaan akka deebi'ee hojii eegalu ni deeggarra,'' jedhan.

Waayit Hawus labsii Humni Waraana Israa'el (IDF) oppareeshinii lafoo isaa Gaazaa keessatti babal'suu taasiseerratti yaada omaa hin kennine.

Ministeerri Fayyaa Gaazaa keessatti Hamaasiin durfamu erga Israa'el Gaazaa keessatti haleellaa haaloo bahuu fudhachuu eegalee as namoonni 7,000 ajjeeffamuu hime.

Yeroo ammaa hanqinni tajaajilliwwan bu'uuraa waan mudateef lammileen kumaan lakkaa'aman manaasaanii dhiisanii baqachuu, bu'uraaleen misoomaan garmalee barbadaa'aniiru.

Dureewwan addunyaa dhukaasi akka dhaabbatuuf waamicha taasisan keessaa tokko Pirezidantii Faransaay Emaanueel Maakroon.

Osoo Israa'el haleellaa Gaazaa keessatti cimsuu hin ibsiin dura dubbii taasisaniin, Ministira Mummee Israa'el Benjaamiin Netaniyaahuufi Pirezidantii Israa'el Isaaq Herzoog'tti ummata Gaazaatiif eeguumsi taasifamuu akka qabaatu itti himeera jedhan.

"Waliigaltee namoomaaf jecha dhukaasa dhaabuu taasisuun namoota gara gadii jiran, kanneen haleellaa boombiitiin rakkatan eeguudhaaf har'a barbaachisaadha,'' jedhanii ture xumura yaa'ii dureewwanii Biraazilitti guyyaa lamaaf taa'amee turerratti.

Pirezidant Maakroon Israa'el ofirraa ittisuuf mirga qabdi kan jedhan yoo ta'u, garuu ammoo ''guttuummaan cufuun, osoo adda hin baafne haleeluuniifi oppareshiniin lafoo bal'aan dabalataan gaggeeffamuuf jiru,'' ummata nagaa Gaazaa keessa irratti balaa olaanaa qaqabsiisa jedhan.

Haaluma walfakkaatun, Joordaan bu'aan ''lola lafoo'' badii sukkanneessaa namoommaa qaqqabsiisuu mala jechuun akeekkachiifte.

Israa'el torban kana keessa barreessaa olaanaan UN yaada waa'ee waraana Gaazaa irratti kennan hordofee aangoo akka gadhiisaniif waamicha taasiftee turte.

Antooniyoo Gutareez haasaa Mana-Maree Nageenyaa UN irratti guyyaa Kibxataa taasisaniin, halaallaa balaafamaa torban lamaan dura Hamaas Israa'el keessatti raawwate ifatti balaaleeffachuun garuu kunis ''waa malee ofumaan hin mudannee'' jedhan.

Israa'elis ''shororkeessummaaf beekkamtii kenne'' jechuun battalatti aangoo akka gadhiisuuf waamicha taasifte.