Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hidhattoonni Hutii diroonii Ameerikaa rukutanii kuffisan
Finciltoonni Hutii Yaman-Iraaniin deeggaraman diroonii waraana Ameerikaa kuffisuu qondaaltonni Ameerikaa fi hidhattoonni Huutii mirkaneessan.
Qondaalli Ameerikaa tokko akka jedhanitti, dirooniin Ameerikaa MQ9 jedhamu humnoota Huutiin qarqara Yamanitti rukutamte.
Diroonii Ameerikaa rukutanii kuffisuu Dubbi himaan waraana Huutii mirkaneesse.
Dirooniin Ameerikaa rukutamee kufuun kan dhagahame yeroo Waashingitan sochii gareewwan Iraaniin deeggaraman Baha Giddugaleessaa keessa socho'an Israa’eliif yaaddoo uumuu akeekkachiiftetti.
Gama biraan Iraan hidhattoota Hamaas Gaazaatti Israa'eliin lolaa jiran nitumsiti.
Ji’a darbe dooniin waraanaa humna galaanaa Ameerikaa misaa’ela kiruuzii fi diroonii baay'ee Hutiin Yamaniirraa gara Israa’elitti dhukaase rukutte kuffiste turte.
Ameerikaan waldhabdee waraana Israa’el-Gaazaa hordofuun meeshaalee waraanaa, dooniiwwan waraanaa xiyyaara baatan, humna galaanarraa fi dooniiwwan deeggarsa dabalataa gara Baha Giddugaleessaatti ergite.
Loltoonni Ameerikaa dooniiwwan waraanaa Galaana Diimaarra jiran Yaman fi Israa’el gidduutti argamu.
Finciltoonni Huutii Yaman Iraaniin deeggaraman bara 2014 irraa kaasee mootummaa Yaman, kan Sa’uud Arabiyaan deeggaraman wajjin yeroo dheeraaf wal waraanaa jiru.
Hogganaa ittaanaan hidhattoota Hezbollaa Libaanon Iraaniin deeggaramanii torban kana BBCtti akka himanitti, Israa’el namoota nagaa Gaazaatti ajjeesuun waraana bal’aa Baha Giddugaleessaatti qaqqabsiisu hordofsiisu danda'a jedhan.
Sheek Naayim Qaasim ''naannichatti waraanni hamaa ta'e uumamuu danda'a, namni tokkollee balaa mudatu kana dhaabuu hin danda'u'' jedhan.
Gama biraatiin US Roobii kaleessaa baha Siiriyaa keessatti dhaabbata waraana Iraanitti hidhata qabaniifi gareewwan hidhattoota Iraan wajjin hidhata qaban haleeluu ibsiteetti.
Qondaalli Peentaagan tokko akka jedhanitti, haleellaan torban muraasa keessatti kan lammataa ta’e, haleellaa humnoota Ameerikaa Iraaq fi Siiriyaarratti raawwatameef deebii kennuuf ta’uu himan.
Barreessaan ittaanaan pireesii Peentaagoon Sabrinaa Siing kaayyoon keenya waldhabdeen kun Israa’el bira darbee akka hin bal’anne gochuudha,” jedhan.