Itoophiyaan humna galaanaa deebiftee ijaaruun sababa barbaachiseef

Itoophiyaafi Somaaliland akkaataa Itoophiyaan ulaa galaanaa ittiin argachuu dandeessurratti isa waliigalan Somaaliyaan jabeessitee mormiteetti.

Rippablikin Somaalilaand biyyi beekamtiin hin kennamneef garuu akka biyya taatetti of ilaaltudha.

Deebii waliigaltee sanada walhubannoo (MOU) Itoophiyaafi Somaaliilaand taasisanii Somaaliyaan atattamaan ambaasaaddarashee Itoophiyaatii waamte.

Dubbi-himaan mootummaa Somaaliyaa yaada walabummaafi kabaja daangaa cabse jedhu kana akka hin fudhanne cimsee mormeera.

Somaaliyaan Somaalilaandiin akka qama biyyashee taatetti ilaalti.

“Ummanni Somaaliyaa akka tasgabbaa’an nan gaafadha; biyya keenya eeggachuudhaaf kutannoo akka qabnu mirkaneessuun barbaada.

''Lafa keenya, galaana keenyaafi qilleensa keenya keessaa qaamni itti bu’amu jiraachuu hin danda’u. Karaa seera-qabeessa ta’e kamiiniyyuu ni eegganna.

''Kaabas jiraatan kibba gargaarsa ummata keenyaatiin biyya keenya eeggachuu akka dandeenyu shakkii tokko hin qabu,” jedhan Ministirri Muummee Somaaliyaa Hamzaa Abdii Baarree.

Somaalilaand bara 1991 Somaaliyaarraa adda baatus garuu akka biyya walabaatti Biyyoota Gamtoomaniifi Gamtaa Afrikaan dabalatee idil-addunyaarratti beekamtiin hin kennamneef.

Kanaaf, tarkaanfiin beekamtii idilee kennuu kamiyyu– keessumaa biyya Gamtaa Afrikaa keessatti bakka guddaa qabdu akka Itoophiyaarraa argachuun – hiree ishee gara fuula duraatiif murteessaa ta’uu danda’a.

Wanti beekamuu qabu ammatti waliigalteen seeraan raawwatameeru hin jiru.

Qondaaltonni mootummaa Itoophiyaa ji’a itti aanutti xumuramuu akka danda’u gaazexeessitootaaf yaada kennanis, ammatti waliigalteen hin jiru.

Konkolaattonni fe'umsaa doonii 'Thorco Liva' irraa raashinii nyaataa fe'anii buufata doonii Barbaraa Somaaliland keessa jirurraa ka'u.

Waliigalteen kamiyyu Itoophiyaan akka golee addunyaa tarsiimawaafi bu’aa guddaa qabutti karaa akka banattu taasisuun isaa gaaffii hin qabu.

Kana jechuun olloota isheetiif maal jechuudha?

Itoophiyaa

Qarqara galaanaa irratti km20 argachuun hangas mara waan guddaa ta’uu dhiisuu mala garuu biyya karra galaanaa hin qabne akka Itoophiyaaf, ulaa galaanaa argachuun baayyee murteessaadha.

Itoophiyaan biyya addunyaarratti uummata baayyee qabaattee ulaa galaanaa hin qabne tokkoffaadha. Kun ammoo guddina biyyattiitiif danqaadha.

Daldalli idil-addunyaa Itoophiyaa %95 ol ta’u biyya ollaa taateefi qarqara galaanaa km31 qabdu Jibutiirraatti hundaa’a.

Ministirri Muummee Abiy Ahmad biyyisaanii ulaaga galaanaa dabalataa argachuun dhimma “jiraachuufi jiraachuu dhabuu” akka ta’e haasaa Onkoloolessa keessa taasisaniin kan ibsan yoo ta’u, ulaan Galaana Diimaa lammilee biyyattii miliyoona 120 ta’u “hidhaa ji'oogiraafii” keessaa baasuuf barbaachisaadha jedhan.

Daldalli sababa tokkicha ulaan galaanaa barbaachisuuf miti. Biyyattiin doonii waraanaa lama -Masawaafi Asab qabduun humna galaanaa cimaa qabdi ture.

Haata’u malee, bara 1993 Ertiraan adda baatee biyya haaraa wayita taatetti Itoophiyaan qarqara galaanaa qabdu waliin daangaashee dhabdeetti.

Itoophiyaan humna galaanaa deebiftee ijaaruun sababa barbaachiseef

Itoophiyaatti ambaasaaddarri duraanii US Daavid Shiin akka jedhanitti, sababiin guddaan Itoophiyaan Somaalilaand waliin waliigaltee walhubannoo Ulaa Galaana Diimaa argachuu barbaaddeef, humna Galaana Dimaarratti ykn Galoo-galaana Adeen irratti bakka ta’etti ijaarrachuufidha.

Ambaasaaddarri duraanii US kun akkas jechuun sagantaa BBC Newsday’tti dubbatan: “Itoophiyaan dhaabbata akkasii akka irratti ijaarrattuuf Samaalilaand qarqara galaanaa kiiloomeetira 20 ta’u kan Galoo-galaanaa Adeen irra jiru liiziidhaan akka kennituuf dubbatteetti.

''Akkasumas Somaalilaand buufata doonii Barbaraa meeshaalee galchuufi alatti erguuf itti fayyadamtuufi bakka guddaa kennituuf, Itoophiyaan akka itti fayyadamtuuf hayyamti.

''Haata’u malee, ani kun akka sababa ijoo ta’eetti hin ilaalu. Ani kun fedhii humna waraanaa ykn humna galaanaa qabaachuu waliin caalaa kan qalqabatuudha jedheen yaada.”

Atilaantik Kaawunsil Afrikaan Senter irraa Maayikil Shurkiin akkas jedha: "Itoophiyaaf balaa shallagameedha, akkasumas kan bu'aa dhugaa tokko tokko qabudha. Itoophiyaan ulaa galaanaa gahaa argachuuf fedhii akkaan guddaa qabdi.

''Karaa kanaan taanaan Ertiraa waliin waraana jalqabuuf fedhiin ishee xiqqaa ta’uu mala. Dabalataan, Somaaliaandiif beekamtii isheef malu kenna. Dhugaadha, Somaaliyaa ni aarsa, garuu sun Ertiraa waliin waldhabdee keessa galuu caalaa balaa kan fidu miti."

Somaaliyaa

Namoonni siyaasaa buleeyyii Somaalii tarkaanfiin kun tasgabbii Gaanfa Afrikaa yaaddoo keessa galcha jedhanii amanu. Murtoon kun Somaaliyaafi Somaalilaand muddama siyaasaa gidduusaanii jiru furuudhaaf marii jalqabuuf waliigalteerra erga gahanii guyyootaan booda kan ta’eedha.

Somaaliilaanditti ergamaan addaa Somaaliyaa Abdikariim Huseen Guled waliigalteen yaadame kun Itiyoophiyaan “seera idil-addunyaa ifatti tuffachuu” kan agarsiisu yoo ta’u, milkaa’ina Moqaadishoo fi magaalaa guddoo Somaaliland Hargeessaa gidduutti argame kan gatii dhabsiisudha jedhan.

Pirezidantiin duraanii Somaaliyaa Mohaammed Farmaajoo ibsa miidiyaa hawaasaa, X, rratti baasaniin waliigalteen walhubannoo (MOU) kun “Somaaliif, akkasumas guutummaa Afrikaatiif yaaddoo hamaadha,” jedhan.

Itti dabaluun akkas jedhan, “birmaddummaafi tokkummaa daangaaf kabaja qabaachuun tasgabbii naannoofi wal tumsuuf bu’uuradha. Mootummaan Somaaliyaa qixa sirriin deebii kennuu qaba.”

Hooganaan duraanii Hiraal Instiitiyuut, Gaanfa Afrikaatti dhimmoota nageenyaarratti xiyyeeffachuun kan hojjetu, Mohaammed Mubaarak, Somaaliyaa kibbaa keessa loltoonni Itoophiyaa kumaan lakkaa’aman jiru. Hariiroon kan hammaatu yoo ta’e, Itoophiyaan isaan baasuu waan dandeessuuf, bakka sanatti nageenya daran hammeessa.

''Abiy ji’ootaaf Itoophiyaaf karra galaanaa ni mirkaneessina jechuun dubbachaa turan,'' jedhu Obbo Mubaarak.

''Waliigaltee kanaan [kan hojjechuu danda'u] kan hojjtes kanuma. Dhiibbaa inni nagaafi tasgabbii naannichaarratti qabu osoo hin ilaalin waan barbaachisu hunda gochuuf fedhii qaba.”

Itoophiyaan waliigaltee walhubannoo (MoU) jedhamu ulaawwan galaanaashee keessaa tokko fayyadamuurratti biyya ofiin akka biyya taatetti of ilaaltu Somaalilaand waliin mallatteessite.

Keeniyaa

Buufata doonii gara garaa qabaachuuf biyyoota Itiyoophiyaan waliin mari’achaa turte keessaa Keeniyaan tokkodha. Hagayya 2023 keessa qondaaltonni Itoophiyaa buufata doonii Laamuu daawwataniiru.

Buufanni doonii kun qaama pirojektii geejjibaa naannoo Itoophiyaa, Keeniyaafi Sudaan Kibbaa gidduutti hojjetamaa jiru LAPSSET jedhamuun beekamudha.

Karaa Laamuutiin Keeniyaan qooda Jibuutiin fedhii biyya keessaa Itoophiyaarraa qabdu %15 hir’isti jedhamee eegamaa akka ture Gabaasa Baankii Addunyaa ni mul’isa.

Kanaaf, waliigalteen buufata doonii haaraan Somaaliland waliin taasifame ykn Laamuu babal’isuu tursiisuun Keeniyaa miidhamtuu gochuu danda’a.

Somaaliyaan bara 2020 hoogganaa Somaliland Musee Biihii erga keessummeessitee booda yeroo gabaabaaf hariiroo Keeniyaa waliin qabdu addaan kutte.

Keeniyaan Somaaleelaandiin akka Somaaliyaa keessatti mootummaa naannoo taatetti beekkamtii nan kenna yoo jettu, akkuma Itoophiyaa, Keeniyaanis Hargeessaa keessatti qoontsiilaa banatteetti.

Masrii

Qarqara Galaana Diimaa irratti gahee guddaa kan qabdu Masriin buufata doonii daldalaa 8 fi buufata doonii boba’aa, albuudaafi turistii shan dabalatee buufata doonii baay’inaan qabdi.

Naannicha keessatti karaa dheeraa MM Abiy Ahimad ulaa Galaana Diimaa argachuuf deemaniin yaaddoon uumameera. Ulaa galaanaa argachuun “dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti” jechuun yoo ibsan dhaga’amaniiru.

Xiinxaltoonni ilaalchi inni kanarratti qabu kan yeroo ijaarsa Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa (GERD) itti fufuuf murteesserraa hangas mara adda miti jechuun falmu.

Waliigaltee bara 1929 Masrii fi Sudaan bishaan laga Abbayyaa hunda akka ofumaan itti fayyadamaniif mirga kan kenneeef yoo ta'u, Itoophiyaan garuu kana hin fudhattu. Itoophiyaafi Masriin garuu hanga ammaatti seera Hidha kana ittiin hojjetan irratti walii hin galiin jiru.

Daandiin karaa Barbaraa Itoophiyaan biyyoota hedduu (Masrii dabalatee,) kanneen ulaa Galaana Diimaa qabanirraa dinagdee isaanii haalaan guddisan waliin walitti makamuu dandeessi.

Jibuutii

Biyyi Afrikaa xiqqoo taate Jibutiin karra Bo'oo Suwiiziiti [Suez Canal]. Bo'oon Suwiiz kun ammoo addunyaarratti daandiiwwa dooniin itti baayyatan keessaa tokkodha.

Buufanni dooniishee gatii guddaa qabu kun biyya silaa gammoojjii onaa malee waa hin qabneef madda dinagdee biyyattiidha.

Lubbuu dinagdee ishee yoo ta’u, madda galiifi hojii guddaa kan argamsiisudha. Akka karra daldalaa ijoo biyya ollaa guddoo taatetti, waliigalteen ulaa dabalataa akka Barbaraa Itoophiyaan barbaaddu Jibutii miidhuu danda’a.

Chaayinaa

Baay’ee fagoorra kan jirtu Chaayinaanis waliigaltee kamiifuu fedhii guddaa qabaachuu dandeessi – Somaalland Taayiwaan irraa deeggarsa argatteetti, dabaree isheetiin Chaayinaan Somaaliyaa deeggartee jirti.

Bara 2020tti walitti dhufeenya uumuun Somaalilaandiifi Taayiwaan hariiroo dippilomaasii uumuun biyyoota ollaasaanii gurguddoo aarsanii ture.