Buufata doonii Asabii fi Itoophiyaa maaltu walitti hidhe?

    • Barreessaa, Hirphaa Gammachuu
    • Gahee, BBC News Afaan Oromoo

Itoophiyaan hanga bara 1993 ulaa Galaana Diimaatti ishee baasu qabdi ture.

Keessattuu buufanni doonii Asab handaara galaanichatti argamu seenaa Itoophiyaatti hidhatu qaba, akkasuma, daangaa Itoophiyaarraa fagoo miti.

Namni Simoon Arayaa Waldasillaasee jedhamu waa'ee buufata kanarraatti waraqaa qorannoo bara 1999 barreessuun marsaritii 'World Martime Unversity' jedhamurratti maxxanseen, buufanni kun Asmaara caala Finfinneetti akka dhiyaatu barreesse.

Finfinneerraa Km 860, Asmaraarraa ammoo km 1,185 fagaata jedhe. Ulaan galaanaa kun bakka sochiin dooniiwwanii itti heddummatuurraa fagoo akka hin taane ibse.

''Buufanni doonii Asab walakkeessaa fi giddugaleessa Itoophiyaaf shaqaxa alatti erguuf gara biyyaatti galchuuf Jibuutiiin akkaataa walgituun tajaajila kennuu danda'a'' jedha Simoon.

Buufanni doonii Asab kibba Galaana Diimaa bakka tarsiimoof haalaan barbaadamutti kan argamu yoo ta'u, Eertiraan buufata doonii biraa- Mistuwwaa jedhamus qabdi.

Ofii buufanni doonii Asab kan akkamiiti?

Dhimma ulaa galaanaarratti waraqaa qorannoo digirii sadaffaa kan barreessaa jiruu fi Yuunvarsiitii Finfinneetti kaadhimamaa PHD Mikiyaas Baqqalaa Asabii fi Itoophiyaa wanti walitti hidhu akka jiru kaasa.

Mikiyaas akka jedhutti, buufanni doonii Asab meeshaalee garaagaraa fe'uu fi buusuuf Itoophiyaa sirriitti kan tajaajilaa ture yoo ta'u, gargaarsa Soviyeet Raashiyaa duriin ijaarame ture.

ALI bara 1998 waraanni Itoophiyaa fi Eertiraatti ka'uun dura hanga bara bara 1995tti meeshaaleen Itoophiyaan gara biyyaatti galchitu % 98 karaa ulaa galaanaa kana seena ture.

Bara sana alergiin Itoophiyaa %50 karaa ulaa galaanaa kana biyya alaatti ergama ture.

Amma meeshaalee Itoophiyaan gara alaatti ergituu fi biyya alaa galchitu karaa Jibuutii geejjibama.

Buufanni doonii Asab dooniwwaan gurguddoo simachuu kan danda'u ture, garuu kireenii meeshaalee ittiin fe'amutu itti hanqata jedha Mikiyaas.

Buufata doonii kanarratti ujummoon boba'aa daddabarsuuf oolu hojjatamuuf karoorfame otoo hin hojjatamiin hafuu eere.

Seenaa duddubee buufata Asab

Waraqaa qorannosaa dhimma buufata doonii kanaarratti kan barreesse Simoon Arayaa seenaa duddubee buufatichaa yeroo barreessu ''Itoophiyaan ulaa galaana fudhachuuf Eertiraa koloneeffatte''jedhee barreesse.

Yuunvarsiitii Finfinneetti kaadhimamaa PHD kan ta'e Mikiyaas Baqqalaa ammoo koloneeffattoonni Xaaliyaanii akka turan eeruun, Itoophiyaan seensa ulaa galaanaa abbummaan itti gargaramaa turuu eere.

Mikiyaas seenaa duddubee buufatichaa yeroo ibsu, dhaabbanni Xaaliyaanii ta'e tokko ALI bara 1869 buufata doonii kana qabate.

Itoophiyaan dhimma hariiroo dantaa alaarratti Xaaliyaanii wajjiin otoo wal hin loliin Waraana Adwaa dura Xaaliyaaniin meeshaalee waraanaa karaa buufata doonii Asab galchuun Itoophiyaatti gurguraa turte.

Meeshaaleen Itoophiyaan gara alaatti ergitus karaa ulaa galaanaa Asab darbaa ture jedha.

Waraanaa Addunyaa Lammaffaa booda Xaaliyaaniin biyyoota Afrikaa koloneeffatte wayita gadhiiftu, Ingiliziitu buufata doonii kana bulchaa ture, akka Mikiyaas jedhutti.

Yaa'ii dureewwan biyyoota miseensa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanirratti Eertiraan federeeshiiniin Itoophiyaatti akka dabalamtu murtaa'e.

Eertiraan of bulchaa turte, garuu buufata doonii kana bulchaa hin turre. Bara faranjootaa 1962 federeeshiniin diigamee Eertiraan naannoo Itoophiyaatti yoo dabalamtu, buufata doonii Asab guutummaatti Itoophiyaatu to'ataa ture jedha Mikiyaas.

Akka lakkoofsa Awurooppaa bara 1991 wayita Eertiraan Itoophiyaarraa foxxoqxu buufanni kun qaama Eertiraa ta'e.

Bara faranjootaa 1962 buufannii Asab fi magaalaan buufata kanaas ammayyiftu turte barreesse Simoon Arayaa waraqaa qorannoosaa keessatti. Bara sana ''tarsimoo isheef jecha Itoophiyaan investmentii guddoo irratti dalagde jedhe'' jedhee ibse.

Waraanni Itoophiyaa daangaa Ertiraa fi Itoophiyaa giddutti uumame hordofee Itoophiyaa ulaa galaanaa Jibutiitti gargaaramurratti xiyyeeffatte.

magaalaan ho'ituun handara galaana sunis onte. Iddoon daldalaa, mannneen nyaataa fi dhugaatii hedduun ni cufaman.

Buufanni doonii Asab maaliif buufata doonii addaa ta'e?

Buufata doonii Asab Itoophiyaaf adda kan taasisu tokko ulaa Galaanaa Diimaa isa Itoophiyaatti baayyee dhiyaatu ta'uusaa jedha waa'ee ulaa galaanaan walqabaturratti waraqaa qorannoo kan barrreessu Mikiyaas.

Awaashirraan hanga buufata kanaatti karaan geessu suphaa akka barbaadu ibse.

Asab ulaa Baab el-Maandabitti dhiyeenya waan qabuuf Itoophiyaan gara biyyoota birootti akka ergituuf galfattu gargaara jedha Mikiyaas.

Bakki kun ulaa daldalli biyyoota Arabaa, Awurooppaa fi Eshiyaa giddutti gaggeeffamu fi dooniwwaan addunyaa harka nuusa(1/4) irra imalaniidha.

Kanaafuu biyyoonni naannoo kana to'atan sadarkaa addunyaatti dhiibbaa uumu.

Biyyoonni gurguddoon addunyaa saamicha galaanaarraa to'achuuf biyyoota naannichatti dhiibbaa uuman waliin hariiroo tarsimoorratti hundaa'e uumu.

Itoophiyaan ulaa galaanaa kanatti fayyadamuuf gaafachaa kan jirtu sababni ijoon biraa seenaa kanaan dura Eertiraa waliin qabdu kan bu'uureefffate ta'uu eere Mikiyaas.

Itoophiyaan seenaa keessatti akka kan ofitti buufata doonii Asab itti gargaaramaa turte jedha.

Itoophiyaan ulaa kanatti gargaaramuun daldalarratti hirmachuuf qofa otoo hin taane, nageenya isheef humna galaanarraa bobbaasuun maddiitti, meeshaalee waraanaas galfachuuf ni gargaara jedha Mikiyaas.

Itoophiyaan mirga ulaa galaanaa gargaaramuu akkamitti kabachiifatti?

Itoophiyaan buufata doonii kanatti akkaataa qabdurratti gaaffi dhiyaatu bakka lamatti qoode Mikiyaas.

Gaaffiin jalqabaa Itoophiyaa buufata doonii ofii akka qabaattu kan gaafatamu yoo ta'u, kan lammataa biyyoota ulaa galaanaa qaban waliin waliigaltee mallatteeffamuun ulaa galaanaa argachuu ta'uu eera.

Itoophiyaan ulaa galaanaa ofii ishee argachuu qabdi jedhamee jedhamee kan gaaffiin irraatti dhiyaatu buufata doonii Asab ta'uu kaase.

Falmiin isaas mirga ulaa galaanaatti fayyadamuun olitti qabeenyummaasaarratti akka ta'e ibsa.

Erga Eertiraan biyya of dandeesse taatee as falmiin dhimma kanarratti ka'u jiraachuu eera.

Faallaa kanaa ammoo Itoophiyaan Ertiraan biyya walabaa ta'uu isheef beekamtii yeroo kennitu, akkasuma yeroo waraana giddusaanii ture dhaabuuf waliigaltee Aljeersi mallatteeffamu, akkaataa waliigaltee bara kolaniitiin akka hiikamu sababa waliigalteef, Eertiraan federeeshiniin Itoophiyaatti yeroo dabalamtuus ta'ee yeroo biyya walabaa taatu Asab qaama Itoophiyaa ta'uu kanneen falman jiraachuu eere Mikiyaas.

Itoophiyaan akka biyya ulaa galaanaa hin qabneetti akkaataa seeraa Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii dhimma ulaa galaanaarratti baase waliigaltee duraan mallatteeffamaniirratti eeramuu ibsa.

Itoophiyaan waliigaltee kana mallatteessite, paarlaamaan labsii 742/2012 raggaasisuu eeruun, Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti otoo hin beeksisiin hafuullee eere Mikiyaas.

Yaa'i biyyoota addunyaa ulaa galaanaa qabne dhiyeenya taa'ameerratti Mana Maree Bakka bu'oota Uummataatti Walitti qabaa Itti Aanaan Koree Dhaabbii Dhimma Nageenyaa fi Hariiroo Dhimma Alaa Fitiih Maahdii (PhD) Itoophiyaan ''karaa hin malleen'' ulaa galaanaa dhabde jedhan dubbatan.

Itoophiyaa yeroo dhiyoon as dhimma ulaa galaanaa erga kaafte as qondaalonni Eertiraa paartii biyyattii bulchaa jiru qeeqaa jiru.

Hariiroon biyyoota lamaanis deebi'ee qabbana'eera.