Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Fayidaa biyyaalessaa Itoophiyaaf aarsaa kamuu kaffaluuf qophiidha - Raayyaa Ittisaa
Ministeerri Raayyaa Ittisaa itoophiyaa fuula feesbuukisaa gubbaatti ibsa baaseen gaaffii buufata doonii Asabiifi Galaana Diimaarratti ka'aa jiru ''sirrii akka hin taanetti afaanfaajjuun baandummaadha'' jedhe.
Miniseerichi ibsa guyyaa ayyaana Masqalaa jechuunis Fulbaana 27, 2025 baaseen Itoophiyaa fedhaa fi jaalala keenyaan duunuuf bareechinee beekna'' mata duree jedhu baaseera.
Ibsa kana keessatti ''dhimmi Galaana Diimaafi Asab waggoota kuran sadii darbaniif ''dhibee Itoophiyaa keenyaa ta'ee, kabaja akka biyya guddootti qabdu xiqqeesseera, fayidaa tarsiimawaa ji'oo politiksiin argamsiisus dhabsiiseera'' jedha.
Dabaluunis gaaffiin Galaana Diimaa sadarkaa idila addunyaatti gaafatamuun loltoota Itoophiyaatti miira gammachuu uumeera jedha. Dhimma kanaan walqabatee aarsaa kamuu kaffaluuf qophaayinni jiraachuus ibse.
''Mirkanaa'uu fayidaa biyyaalessaa Itoophiyaaf aarsaa kamuu kaffaluuf sekandii tokkoof kan qalbii hin hirre ta'uu mirkaneessa'' jedha Raayyaan Ittisa biyyaa Itoophiyaa.
Itoophiyaan irra deddeebiin Galaana Diimaarraa handaara argachuunshee akka hin oolle ibsaa jirti.
Minsitirri Muummee Abiy Ahimad Hidha Haaromsaa wayita eebbisan Itoophiyaan ''ula ittiin baatee galtu ni tolfatti'' ni tolfatti jedhaniiru.
Waggaa 30 dura Galaanni Diimaa harka Itoophiyaa ture jechuun dogoggorri ulaa galaanaa dhabsiise ''boru ni sirreefama'' jechuunis dubbataniiru.
Haasaan aanga'oota Itoophiyaa Amsaraa dheekkamsiiseera. Mootummaan Ertiraa irra deddeebiin dubbii Finfinneerraa dhagaahamu ibsa baasuun balaaleffata.
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Hidhi Haaromsaa eebbifamuu tuquun ''gaaffiin Galaan Diimaas sababa hin milkoofneef hin jiru jennee cimsinee amanna'' jechuun ejjennoosaa ibseera.
''Bu'uura kanaan gaaffii Galaana Diimaa ija kamiinuu sirrii miti jedhanii afaanfaajjuuf yaaluun baandummaan alatti sababa amansiisaa tokkollee hin qabu.''
Itoophiyaan torba darbe keessa hogganoota waraanaa 66 ta'aniif guddina gulantaa kenniteetti. Sagantaa kana ilaalchisee Tajaajila Oduu Itoophiyaaf ibsa kan kennan dubbii himaan Minsiteera Ittisaa Itoophiyaa Janaraal Geetinetti ''mirga qaama bishaanii fayyadamuu'' fi gaaffii ulaa galaanaa wajjin waqabtee ta'ii dhalatu kamiifuu qophaa'uu qabda jedhaniiru.
Ministirri Muummee Abiy Itoophiyaan hidhamtuu teessuma lafaa taatee hin haftu jechuun dubbataniiru. Biyya ykn qaama kamuu osoo maqaa hin dhayiin ''obboloonni keenya ariifatanii mariidhaaf of haa qopheessan'' jedhaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa karaa nagaa ulaa galaanaa argachuuf dhiibbaa akka gootu yoo ibsitu, gama waraanaan qophaayinni godhamaa jira jechuun namootni siyaasa naannichaa xiinxalan garuu waraanni dhalachuu akka danda'u yaaddoo qaban ibsu.