Itoophiyaatti mirgi lubbuun jiraachuu balaa hamaa keessa akkuma galetti itti fufeera – KMNI

Dr Daani'eel Baqalaa

Madda suuraa, KMNI

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) gabaasa waggaa tokkoo, Waxabajji 2021 hanga Waxabajji 2022 baaseen, Itoophiyaa keessatti ji’oota 12 darbe keessa mirgi lubuun jiraachuu balaa baayyee hamaa keessa akkuma galette itti fufeera jedhe.

Qaamolee nageenyaa mootummaafi humnootaafi gareewwan hidhatan birootiin mirgoonni namoomaa sarbamaniiru jedha Komishinichi.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa mootummaan hundeesse kun, keessumaa waraanni naannoo Tigiraay keessatti jalqabame Adoolessa bara darbe gara naannolee Amaaraafi Affaaritti babal'achuu hordofee gareewwan waraanicha keessatti hirmaatan of eeggannoo barbaachisu taasisuu dhabuu isaaniirraan kan ka'e namoonni nagaa 403 ajjeeffamaniiru jedha.

Keessumaa tarkaanfii humnoota Tigraayiin ta'e jedhamee fudhatameen yoo xiqqaate namoonni nagaa 346 murtii tokko malee kan ajjeefaman yoo ta'u, ajjeechaan kun ammoo dubartoota, daa'imman, maanguddootaafi warra miidhama qaamaa qaban dabalata jedheera KMNI gabaasa isaa kanaan.

Akkasumas, yeroodhuma wal fakkaatutti Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan "ABO-Shanee" jedhu naannoo Amaaraa bakkeewwan tokko tokkotti namoota nagaa ajjeesaniiru jedhe.

Gama biraan ammoo naannoo Amaaraafi Afaar bakkeewwan tokko tokko keessatti raayyaan ittisa biyyaa, humni addaa Amaaraafi hidhattoonni Faannoo humnoota Tigraay waliin ykn "ABO-Shanee" tumsitaniittu ykn miseensaafi deeggartoo namoota jedhan irratti murtee seeraa tokko malee ajjeechaa raawwataniiru jedheera Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa.

Naannoo Amaaraatti ALI Adoolessa 2013 Gondar Kibbaa magaalaa Worrataattii fi ALI Sadaasa 2014 magaalaa Axaayyeetti ajjeechaan sabummaa irratti hundaa'e jiraattota irratti raawwatamuu isaatiin namoonni nagaa ajjeefamaniiru.

ALI ji'a Ebla 2014 keessa ammoo naannoo Amaaraa magaalaa Gondar keessatti walitti bu'insa amantaan walqabatee dhalateen yoo xiqqaate namoonni 14 humnoota nageenyaatiin, namoota dhuunfaan hidhataniifi dargaggoota gareedhaan socho'aniin haleellaa raawwatameen ajjeefamuu isaanii ibseera Komishinichi ibsa isaa kana keessatti.

ALI Waxabajji 2014 keessa godina wallagga Lixaa, aanaa Gimbii ganda Toleefi godina Qeellam Wallaggaa keessatti haleellaa "ABO-Shanee" raawwateen namoonni nagaa ajjeefamuu himuun, naannoo Oromiyaa kessummaa godinaalee Wallaggaa keessatti ALI ji'a Hagayya 2013 hanga Waxabajji 2014tti haleellaa sabarratti hundaa'e hidhattoonni kunneen gaggeessaniin daa'immaniifi dubartoota dabalatee namoonni nagaa dhibbaan lakka'aman ajjeeffamaniiru jedha gabaasni kun.

Ajjeechaa sabarratti hundaa'e Wallagga Lixaafi Qeellama Wallaggaa keesstti baatii Waxabajjii kana keessa gaggeeffame kana mootummaanii fi komishiniin kun "ABO-Shaneetu" raawwate jechuun himatu.

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) garuu ibsa irra deddeebiin baaseen haleellaa jedhame kana akka hin raawwatiin himuun qaama walabaatiin akka qoratamuuf gaafateera.

Namoota bakka idileen alatti hidhamanii jiran

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka gabaasa kanaatti, naannoo Gambeellaattis walitti bu'insa "ABO-Shanee" fi garee Adda Bilisummaa Gambeellaa jedhamuun beekamuu ALI Waxabajji 07, 2014 humnoota mootummaa waliin taasisan hordofee humnoonni nageenyaa mootummaa namoota nagaa irratti ajjeechaa murtii malee raawwataniiru.

Naannoo Beneshaangul Gumuz keessattis ALI Fulbaana 2014 irraa kaasee namoota nagaa butaman keessaa hidhattoota Gumuziin ajjeefamaniiru.

ALI Guraandhala 2014 keessa aanaa Matakkal keessatti miseensonni raayyaa ittisaa 20 hidhattootaan ajjeefamuu hordofee humnoonni nageenyaa mootummafi namoonni uffata sivilii uffatan ajaja tokko malee ajjeechaa raawwataniiru; nama lubbuun jiru tokkoofi reeffa namootaa ammoo ibiddaan gubaniiru jechuun gabaasa isaa kana keessatti eereera.

Naannoo Saba, Sablammootaafi Ummattoota Kibbaa keessatti gaaffii gaaffiiwwan caasaa godinaafi aanaa, akkasumas daangaa waliin walqabatanii yeroo gara gara garaa bakka gara garaatti ka'aniin walqabatee trakaanfii humnoonni nageenyaa mootummaa fudhataniinis jiraattonni, miseensonni nageenyaafi bulchiinsaa lakkoofsi isaanii ammatti sirriitti adda hin baafamiin darbeera jedha.

Waraana kaaba Itoophiyaatti tureen walqabatee ammoo mirgoonni gocha gara jabinaa, sarbama mirgoota namaafi hiraarsaafi nama salphisuu irraa bilisa ta'uu sarbameera akka KMNI jedhutti.

Waggaa tokko darbe gabaasni Komishinichaa kun qorate keessatti sababa labsii yeroo muddamaa tureen walqabatee kutaa biyyattii bakka gara garaatti hidhaan akka feeteedhaan, ajaja mana-murtii malee hidhuun, humnaan ugguranii miliqsuun, maatiifi ogeessonni seeraa akka hin dubbisne gochuun, akkasumas osoo qorannoo hin jalqabiin himannaa banuun dura hidhaa tursiisuun ballinaan mullateera.

Mirga bilisaan yaada ofii ibsachuu

Waraana Tigraay keessa ture hordofee bilbilliifi interneetiin waan akkuma addaan citetti jiruuf mirga odeeffannoo argachuufi dabarsuu irratti dhorkaan cimaan kaa’ameera jedha Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gabaasa isaa kanaan.

ALI Adoolessa 2013 hanga Caamsaa 2014tti hojjetoonni miidiyaa 39 to’annoo jalaa oolfamuu KMNI ibseera.

Isaan keessaa hojjetoonni miidiyaa 15 ta’an aanga’oota Tigraayiin naannicha keessatti kan hidhaman ta’uu gabaasichi ni mul’isa.

Filannoo biyyaalessaa jahaffaa ilaalchisee

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa filannoo biyyaalessaa jahaffaa Itoophiyatti gaggeeffame ilaalchisuun gabaasa isaa wagga kana keessatti akka ibsetti, filannichi nagaan gaggeeffame.

Filannicha raawwachiisuudhaaf Boordii Filannoo Biyyaalessaatiin taasifaman carraaqqiiwwan taasifaman gaariin turan jedheera.

Gama biraan ammoo miseensotaafi deeggartoota paartileen mormitootaa irratti dhiibbaawwan dinagdeefi hawaasummaa, akkasumas sochii siyaasaa isaanii daangessuuf yaaluun tureera jedheera.

Mirgoota namoota hidhamanii

“Manneen sirreessaa Federaalaafi naannoo human baayyee muraasa ta’een hojjechaa kan jiran ta’ullee, fooyya’insa taasisan tokko tokkoon tarkaanfiiwwan gaarii ta’an hedduun fudhatamaniiru jedha gabaasa isaa wagga kanaan Komishinichi.

Haata’u malee, maneen sirreessaa baayyeen sirreeffamtoota adabbii qaamaan kan adaban yoo ta’u, sirreeffamtootaaf naayaafi tajaajila fayyaa gahaafi qulqullina qabu akka hin dhiyeessinedha.

Kana malees, poolisiin shakkamtoota yeroo eeganii mana murtiitti dhiyeessuu dhabuun gabaasa kana keessatti ibsameera.

Komishinichi gabaasa isaa kana keessatti namoonni kutaalee biyyattii gara garaa keessattis bakkeewwan idileen alaatti hidhamanii jiraachuu ibseera.

Keessumaa magaalaa Finfiinnee, naannolee Oromiyaa, Amhaaraa, Affaariifi Kibba keessatti namoonni baayyee humnoota hidhatan deeggartaniitu ykn miseensa jedhamuun bakka mana hidhaa idilee hin taane keessatti hidhamaniiru jedheera.

Buqqaatota biyya keessaa

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa akka jedhutti, yeroo ammaa kana lammileen biyyattii miliyoonaan lakkaa’aman yeroo ammaa kana sababa walitti bu’insaafi balaa uumamaatiin qe’ee isaaniirraa buqqa’anii buufataaleen gara garaa keessatti dahatanii rakkoo keessatti argamu.

Rakkoo namoota buqqa’aniif furmaata kan kennu qaamni mootummaa seeraan hundaa’e dhibuun isaa ammo rakkoo isaanii kana daran wal xaxaa taasisa jedheera.

Wal waraansi Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffame buqqatota irraan rakkoo mirgoota namoomaa guddaa keessa akka galan taasisuu isaas eereera Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa.