Komiishiniin UN sarbama mirgoota namoomaa waraana Kaaba Itoophiyaa qoratu gara biyyaa seenuufi

Madda suuraa, Getty Images
Komiishiniin idil-addunyaa sarbama mirgoota namoomaa waraana Kaaba Itoophiyaa keessatti raawwataman akka qoratu Mana Maree Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin hundaa'ee ture gara biyyaa akka seenu hayyama argate.
Komiishinichi gara Itoophiyaa seenuuf mootummaa Itoophiyaa irraa hayyama argachuu maddi oduu Firaans AFPn gabaaseera.
Miseensotni komiishinichaa gara naannolee gara garaa socho'uun qorannoo gochuu akka danda'an mootummaa Itoophiyaa hayyama gaafataniiru jedha AFPn.
Manni Maree Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) komiishinii idil-addunyaa sarbama mirgoota namoomaa wal-waraansa Kaaba Itoophiyaa keessatti raawwataman qoratu kan ijaare Bitootessa darbe ture.
Yeroos Itoophiyaa murtee ijaaramuu komiishinii idil-addunyaa kana akka hin fudhanne beeksiftee, qaamoleen tokko tokko yaa'ii mana maree mirgoota namoomaa UN fedha siyaasaaf itti dhimma bahaa jiru jechuun qeeqxee turte.
Komiishinii akkanaa ijaaruun dhimma keessoo biyyattii keessa harka naqachuuf yaalii godhamu ta'uu eeruun, komiishinicha akka hin simannee fi tumsas akka hin goone ibsitees turte.
Qaamni kun gara biyyaa akka seenu hayyamamuu ilaalchisee mootummaan Itoophiyaa ifatti waan dubbate hin qabu.
Komiishiniin idil-addunyaa sarbama mirgoota namoomaa wal-waraansa Kaaba Itoophiyaa akka qoratu ijaarame Roobii darbe Mana Maree Mirgoota Namoomaa UNf gabaasa dhiyeesseera.
Komiishinichi ammallee biyyattii keessatti mirgooti namoomaa idil-addunyaa, seeroti gargaarsa namoomaa fi baqattummaa cabaa jiraachuun akka isa yaaddesse hime.
Ajjeechaa Lixa Itoophiyaa lubbuu namoota 200 hanga 500 galaafate jedhe qorachaa akka jirus himeera.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Miseensa Komiishinichaa kan ta'an Isteevan Raatinar AFPtti akka himanitti gareen komiishinichaa walakkeessa Adoolessaa gara Finfinnee imaluuf karoora qabu.
Kaayyoon imala isaanii kanaa gara naannolee socho'uun qorannoo gochuuf hayyama 'hin daangofne' argachuuf ta'uu dubbatan.
Hoggantoonni komiishinicha Caamsaa darbe Ministira Haqaa Itoophiyaa waliin wal arguun gara Finfinnee seenuuf hayyamni akka kennamuuf gaaffii dhiyeessuu dura teessuun komiishinichaa Kaarii Beerii Muruungii himaniiru.
Itti dabaluunis "gaaffiin gara Finfinnee imaluu mootummaa Itoophiyaaf dhiyeessine deebii gaarii argateera" jedhan.
Marii Finfinneetti goonuun qorattoonni keenya gara naannolee sarbamni mirgootaa itti raawwatamee socho'uun, kanneen sarbamni irratti raawwatame fi kanneen ijaan argan akka dubbisan hayyama ni arganna jennee abdanna jedhan.
Jeneevitti bakka bu'aa Mootummaa Itoophiyaa kan ta'an Obbo Zennebe Kebbede Qorichoo, yaaddoon Itoophiyaa ilaalcha keessa kan galu yoo ta'e, "wal-hubannaarra gahuuf karaan jira" jechuun dubbataniiru.
Itoophiyaan "boqonnaa haaraa eegalaa jirti" akkasumas "Waraanichi karaa nagaa akka xumuramu" karaa soqaa jirti jedhan.
Sadaasa bara darbe Tigraayitti eegalee gara naannolee ollaa Amaaraa fi Affaar kan babal'ate waraanni Kaaba Itoophiyaa lubbuu namoota hedduu galaafate, namoota miliyoonaan lakkaa'amu qe'ee irraa buqqisee, sarbama irgoota namoomaa bal'aafis sababa ta'eera.
Gabaasaaleen dhaabbilee mirgoota namoomaaf falman baasan akka mul'isutti qaamoleen waraana kana keessaa qooda qaban martuu, sarbama mirgoota namoomaa sadarkaa yakka waraanaatti ilaalamuu danda'an raawwataniiru.
UN yakkoota kana qorachuuf ture Bitootessa darbe komiishinii idil-addunyaa kan ijaare.
Komishinaroonni kunneen eenyu?
- Kaarii Beetii (Keeniyaa)
Kaarii Beetii ce’umsa gara haqaatti taasifamu irratti muuxannoo yeroo dheeraa qabaachuun alatti, mirga namoomaa dubartootaa, waa’ee koorniyaa, dhimma heera mootummaa fi qajeeltoowwan bulchiinsaarrattis yeroo dheeraaf hojjetaniiru.
Yeroo ammaa Mana Murtii Olaanaa Keeniyaatti haadha alangaa kan ta’an falmituun mirga namoomaa kun, yeroo hookkarri ka’u mirga namoomaa dubartootaaf falmuurratti xiyyeeffatanii hojjetu.
Odeeffannoon marsariitii Mana Maree Mirgoota Namoomaa UN irraa arganne akka mul’isutti Kaarii Beetii bara 2009 hanga 2010tti Komishinii Haqaa fi Araaraatti dura teessuu Itti Aantuu kakasumas komishinara ta’uun tajaajilaniiru.
Sadarkaa idil-addunyaatti ammoo Mana Murtii Yakkamtoota waraanaa Idil-addunyaatti Afrikaa bakka bu’uun Boordii Daarektarootaa Trust Fund- kan miidhamtoota gargaaruuf dhaabbate keessa seenuun hojjetaniiru.
Koree walabaa lafa Paalastaayin warra Israa’eliin weerarame akka qoratuuf Mana Maree Mirgoota Namoomaan hundaa’e keessattis miseensa.
- Istiivan Raatinar (Ameerikaa)
Istiivan Raatinar yeroo ammaa mana barumsaa seeraa Michigaan keessatti pirofeesara seeraati.
Pirofeesar Raatinar barnootaa fi qorannoonsaanii- seerota idil-addunyaa, seerota mirgoota namoomaa idil-addunyaa, tooftaawwan farra shororkeessummaa, gaafatamummaa yakka dhiittaa mirga namoomaa fi investimantii biyyoota alaa ilaachisuun hojiiwwan mootummaa fi kubaaniyyaan hojjetan kan ilaaluudha.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii jalatti ogeeyyii Kaamboodiyaa fi Ogeeyyii Siriilaankaa gaafatamummaa seeraa irratti hojjetan keessatti miseensa ta’uun tajaajilaniiru.
Bara 2008-2009 Koree Waldaa Fannoo Dimaa Idil-addunyaatti damee seeraa keessatti hojjetaniiru.
Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa keessatti koree gorsitootaa idil-addunyaa ta’uun akkasumas hojii araaraa garaagaraa keessattis hojjetaniiru.












