Ajjeechaan Gimbii atattamaan akka qoratamu UN gaafate

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) ajjeechaa xumura torban darbe Wallagga Lixaa Gimbiitti raawwate aangawoonni Itoophiyaa qorannoo ‘’walabaa, atattamaafi gadi-fageenyaa’’ akka taasisan gaafate.
Komishinarri Olaantuu Komishinii Mirga Namoomaa UN Misheel Baachelee ajjeechaa raawwateen ‘’guddaa rifatuu’’ himan.
Haleellaa lammiilee nagaarratti raawwate kana booda humnoonni mootummaa tarkaanfii fudhachuu akka eegalan MM Abiy Ahimad ibsaniiru.
Ajjeechaa Aanaa Gimbii Ganda Tolee jedhamutti gaafa Sambataa raawwateen dhibbaan kan lakkaa’amu akka du’an jiraattonni ibsaniiru. Aangawootni lakkoofsa namoota ajeefaman hin himne.
UN ajjeechaa kanaan kan dhibbaan lakkaa’aman du’uufi 2,000 qe’eerraa buqqa’u ibse.
Haleellaa kana hidhattooti Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan Shanee jedhee waamu raawwachuu jiraattonni akkasumas aangawoonni himaniiru.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaas ragaa walitti qabeen hidhattooti kuni badiin shakkamuu ibse.
Hidhattooti gama isaaniin ajjeechaa akka hin raawwanneefi qaama walabaan akka qoratamu gaafatan.
Ajjeechaa lammiilee nagaarratti bakkaawwan garaagaraatti raawwataman qaamni walabaa akka qoratu paartileen mormituu ABO fi KFO’n gaafataniiru.
Dhaabi ABIN gama isaatiin waggoota kurnan sadan darbeef ‘’ummata Amaaraa ajjeesuun, buqqaasuun, qabeenya isaa barbadeessuun raawwataa tureera,’’ jedhe.
Dhaabbileen IZEMA, Baaldaraas, Paartii Abiyotaawwii Ummatoota Itoophiyaa (IHAPA), Paartii Bilisummafi Walqixxummaafi Paartiin Innaat ajjeechaa raawwate balaaleeffataniiru.
Mootummaan Ameerikaa gama Ministeera Dhimma Alaa isaatiin ibsa baasen ‘’Naannoo Oromiyaatti hawaasa Amaararratti ajjeechaan raawwate nu yaaddesseera,’’ jedhe.
UN maal jedhe?
Waajjirri isaanii ragaa baatotatti akka dubbateefi gabaasa walitti qabeen ‘’namoonni hidhatan ganda Toleetti ganama sa’aatii saditti seenuun dhukaasa banuu,’’ ibsan.
Gandi kuni baay’inaan dhalattooti Amaaraa keessa jiraatan ta’uufi kanneen du’an keessaa gara caalu daa’immaniifi dubartoota ta’u ibsan.
Namoonni hidhatan haleellaa ‘’sa’aatii afur tureen manneen hedduu gubuu gabaafamuu,’’ himaniiru.
‘’Aangawoonni Itoophiyaa qorannoo atattamaan akka eegalsiisan, kanneen miidhamaniifi maatiin isaanii mirga haqaafi beenyaa argachuu isaanii,’’ akka mirkaneessan gaafatan.
Kunis, kanneen badii kanaan shakkaman seeratti gaafa dhihaatan ta‘u ibsan.
Yeroo haleellaa kanaa namoonni lakkoofsi isaanii hin beekamne butamuufi achi buuteen isaanii akka hin beekamiin jiru UN ibseera.
Jiraattonni BBC'n dubbise namoonni butamuufi manneen gubachuu ibsaniiru.
‘’Aangawoonni tarkaanfii seera bu’uura godhate fudhachuun kanneen butaman bilisummaa isaanii akka argatan,’’ akka taasisan Komishinar Baachelee gaafatan.
Dabaluunis, hookkaraafi muddama naannolee biyyattii garagaraatti mudate kanatti mootummaan mirga lubbuun jiraachuu akka kabachiisu gaafatan.
Jiraattonni lubbuun hafaniifi BBC’n dubbise yeroo ammaa humni addaa Oromiyaafi raayyaan ittisa biyyaa isaan tiksaa akka jiru himan.
Taatullee, qe’eefi qabeenyi isaanii waan saamameef gargaarsa gahaa akka hin arganne dubbatan.
Dhimma gargaarsaa kanarratti gama qondaalota mootummaa wanti jedhame hin jiru.
Waggoota muraasa darbaniif haleellaan sabaafi amantiirratti xiyyeeffate irra-deddeebiin Itoophiyaatti mudateera.












