Naannolee haleellaan itti raawwatamanitti nagaafi tasgabbii deebisuun hojii ammas dursa kenninuufidha -MM Abiy

MM Abiy Ahimad

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) ergaa Wixata, waxabajji 20,2022 karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniitiin dabarsaniin, bakkawwan haleellaan itti raawwatamanitti nagaafi tasgabbii deebisuun hojii isaanii ijoo akka ta’e himan.

“Haleellaan humnoota al-idileefi seeraan ala ta'aniin namoota nagaarratti raawwatamuufi waan isaan ittiin jiraatan barbadeessuun fudhatama hin qabu,” jedhan ergaa isaanii kanaan.

Ergaan Ministira Muummee Abiy kun rakkoo nageenyaa magaalota lixa Itoophiyaa tokko tokko keessatti mullate hordofeeti.

Mootummaan dhiyeenya kana duula ''Olaantummaa seeraa kabachiisuu'' jedhuun naannolee biyyattii garaagaraa keessatti oppireeshinii gaggeessaa akka jirus himeera.

MM Abiy torban darbe gaaffiiwwan bakka bu’oota ummataa irraa dhiyaateef paarlaamaatti dhyaatanii deebii yeroo deebisanitti nageenya ilaalchisee mootummaan isaanii tarkaanfii akkamii akka fudhachaa jiru ibsaniiru.

Akka MM Abiy jedhanitti, duula olaantummaa seeraa kabachiisuu gaggeeffameen naannoo Oromiyaa keessatti tarkaanfiin fudhatameera.

''Oromiyaa keessatti duula gaggeeffameen miseensonni shanee 1000 caalan ajjeefamaniiru,'' jedhan.

Humna nageenyaa fayyadamuun olaantummaa seeraa kabachiisuuf mirgas dirqamas kan qabu mootummaadha kan jedhan MM Abiy, qajeeltoo seera mootummaa Federaalaas beekuun dirqama jedhan.

Haleellaa Wallagga Lixaatti raawwatame

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sambata darbe Wallaggaa Lixaa, aanaa Gimbii ganda Tolee keessatti haleellaa hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan ‘Shanee’ ittiin jedhuun raawwatameen namoonni baayyee ajjeefamuu kanneen ajjeechaa kana irraa hafne jedhan BBC'tti himaniiru.

Haleellaa raawwatame kanaan namoonni nagaa dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamanii, kanneen kumaan lakkaa'aman ammoo naannawaa sana gadi dhiisanii akka baqatan dubbatu jiraattonni.

Assooshiyeetid Pirees akka namoota ijaan argan dubbisee gabaasetti ammoo, haleellaa qaqqabe kanaan namoonni 200 ol ajjeefamaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas ibsa ajjeechaa kana ilaalchisuun Sambata baaseen, haleellaa kanaan lubbuun namootaa darbuufi qabeenyaan barbadaa’uu himeera.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) ibsa Dilbata baaseen, Godina Wallagga Lixaa, aanaa Gimbii, ganda Toleetti waraana mootummaafi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan ‘ABO-Shanee’ ittiin jedhu gidduutti deemsifamaa tureen walqabatee haleellaa gareen hidhate raawwateen lubbuun namootaa darbuu beeksiseera.

Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaas ta'e Mootummaan Naannoo Oromiyaa ibsa isaanii keessatti lakkoofsa namoota haleellaa jedhame kanaan ajjeefamanii hin eerre.

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) garuu haleellaa raawwatameef itti gaafatamtoonni humnoota mootummaati jedheera.

Dubbi himaan WBO Odaa Tarbii karaa Tiwitaraatiin, haleellaa jedhame kana hidhattootuma mootummaa warra 'Gaachan Sirnaa' jedhamanitu raawwate jechuun barreessaniiru.

WBO himannaawwan kanaan dura ajjeechaa namoota nagaa irratti xiyyeeffateen irratti dhiyaatuuf waakkachaa turunsaanii ni yaadatama.

Mootummaan Oromiyaa qaamolee nageenyaa Federaalaa waliin qindaa'uun tarkaanfii humna ‘shoororkeessaa’ ittiin jedhu irratti fudhachaa jiru cimsee itti fufuus himeera.

Gama biraatiin ammoo jalqaba torban kanaa Dubbi Himaan WBO Obbo Odaa Tarbii, magaalota Lixa Itoophiyaa kanneen akka Gaambeellaa, Dambi-Doolloofi Gimbii keessatti humnoota mootummaa waiin wal haadhaa akka turan himaanii turan.

Walumaagalattis, torban darbe keessa lixa biyyattiitti rakkoon nageenyaa bal'inaan mudateera.

Naannoo Gaambeellaa, magaalaa Gambeellaa keessatti lubbuun hidhattoota, humnootii nageenya mootummaafi kan namoota nagaa 40 ta'an baduufi kaan 36 ol madaa'uu BBC gabaasunsaa ni yaadatama.