'Haala yaaddessaa' dhalattoonni Tigraay lafa tursiisa Affaar keessaa itti jiran

Namoota lafa tursiisuu keessa jiran

Madda suuraa, AM

Barana baatii Sadaasa keessa dhalattoonni Tigraay kumaan lakkaa’aman magaalaa daangaa Tigraayiifi Affaar gidduu jirtu Ab’aalaa irraa fuudhamanii gara Samaraa geeffamuu namoonni BBC’n dubbise ni himu.

Rooyitars gama isaatiin dhalattoonni Tigraay kunneen kollejjii Solodaa dhiheenya magaalaa Samaraa jiru keessa akka buufata isaanii taasisan maddeen eeree gabaaseera.

Akka gabaasa Rooyitarsitti, kolleejjicha keessa namoonni 7,000 – 12,000 ni argamu.

Waldaan Qaxxaamura Idil-addunyaa buqqaatota 9,000 Samaraa jiraniif deeggarsa gochuu Tiwiitara isaarratti ibseera.

BBC’nis nama bakka tursiisa buqqaatota Solodaa keessaa bahe dubbiseera. Akka nama kanaatti dhaabbileen deeggarsaa tokko tokko qamadii 15kg fi uffata qorraa isaaniif kennaniiru.

Rooyitarsiis buqqaatonni lama dubbise jedhe, deeggarsa fudhachuu isaanii akka mirkaneessaniif ibseera.

Ab’alaatti waraanni jalqaba kan taasifame Mudde 09,2014 ture. Namoonni magaalattii jiraatan Shahit jedhanii waamuun.

Mudde 09 humnoota Tigraayiifi humnoota nageenyaa Affaar gidduu waraanni adeemsifamuu hordofee dhalattoonni Tigraay sababa ‘nageenyi keessan bakka eegamu isin geessina,’ jedhuun bakka biraatti geeffamuu Abiwaalom Sisaay* BBC’tti himeera.

Akka inni jedhutti, yeroos maanguddoota, dubartoota ulfaa, qaroo dhabeeyyii dabalatee walumaagala dhalattoota Tigraay kuma 15 ta’an qabamanii buufata poolisiifi mana hidhaa keessa akka turan taasifaman.

Eegasii konkolaataa gurguddaan fe’amanii gara Samaraa geeffaman.

‘’Lola booda humnoonni nageenyaa Affaar jiraattota homaa hin beekne raadiyootuu turte, TPLF waliin qunnamtii qabda turte, jechuun himatanii namoota beeknu baay’ee ajjeesaniiru,’’ jechuun himata.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaatti Daarektarri Hordoffiifi Qorannoo Naannoo Affaar, Salaamaawwit Girmaay, komishinichi dhimmicha ilaalchisuun qorannoo taasisuu ibsiteetti.

'‘Bu’aa qorannoo haala baay’ee yaaddessaa ta’e agarsiisu kana sadarkaa komishinarichaatti akka ilaalu gooneerra,’’ jechuun gaaffii BBC’f deebii kenniteetti.

Rakkinichi akka furamu komishinichi carraaqqii ofii taasisaa akka jiru BBC’tti himteetti.

Komishinichi haala buqqatonni gaggeessee ganaa ifa hin goone. Namoonni bakka turtii kana keessa jiran garuu haala lubbuu isaanii balaa hamaaf saaxileerra jiru jettee jirti qondaalli kun.

BBC’n aangawoota Affaar irraa deebii argachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa baatii 20 dura humnoonni TPLF buufata waraanaa Itoophiyaarratti haleellaa raawwataniin eegale.

Eegasii gara naannolee ollaa Amaaraafi Affaaritti babal’achuun lammileefi qabeenyaan balaaf saaxiluu gabaasuun keenya ni yaatama.

Ab’alaa keessa wanti mudate maali?

Humnoonni Tigraay Sambata Mudde 09, 2014 magaalaa Ab’alaa seenuun haleellaa erga raawwatanii booda bormtaa isaa bahuu isaanii kan ibsu Abiwaalom, eegasii humnoonni nageenyaa Affaar namoota nagaarratti haleellaa raawwatuu hima.

Kanaanis, qabeenyi dhalattoota Tigraay, akkasumas mana isaaniirratti addatti haleellaan raawwachuu himata. '‘Baay’een ajjeefamaniiru, reeffi isaanii daandiirratti gatamee tureera,’’ jechuun ibsa.

Buufata keessa turtii Samaraa keessa kan jiruufi abbaa ijoollee lamaa kan ta’e Waldaay G/Tsaadiq* gama isaatiin namoonni hedduu buufaticha jiran qonnaan bultoota, daldaltoota akkasumas dafqaan bultoota ta’u hima.

BBC’n nama kana kan dubbise bilbila dhoksaan buufaticha seenen yoo ta’u, sagaleen isaa akka hin dhagahamne uffata qorraa keessa dhokatee akka dubbataa ture hime.

Akka inni jedhutti, lolicha booda milishaafi humnoonni nageenyaa Affaar dhalattoota Tigraay addatti baasaa qabachaa turuufi '‘tilmaamaan 300 ol ajjeefamuu’’ dubbata.

Magaalattii qofa dhalattoota kuma 16 akka jiraatan kan himu Waldaay, keessumaa gandoota baadiyyaa Gidimooniifi Wagaariyaan jedhamanitti baay'inaan qonnaan bultoonni dhalattoota Tigraay ta’an akka jiraatan ibsa.

Waldaay mucaa obboleettii isaa dabalatee firri isaa iji isaa osoo arguu ajjeefamuu BBC’tti ibseera.

Ajjeechaa yeroos raawwate jedhame BBC’n qaama walabarraa mirkaneeffachuu hin dandeenye.

Haleellaa raawwate jedhame kana humnoonni Tigraayiifi humnoonni nageenyaa Affaar yeroo garagaraatti wal himataa turan.

Mootummaan federaalaas ta’e mootummaan Naannoo Affaar Ab’alaatti lammiilee nagaarratti ajjeechaa raawwatamu ilaalchisuun hanga yoonaa waan jedhan hin qaban.

Namoota BBC’n dubbisee fi haleellichaan miidhamneerra jedhan jeequmsa magaalicha tureen saamichii fi ajjeechaan to’annoon ol erga taheen booda, humnoonni nageenyaa naannoo Affaar dhalattoota Tigiraay konkolaataa gurguddaan fe’anii '‘akka booji’amtootaatti doorsisaa fi dhukaasaa’’ gara Samaraatti fudhatanii deeman jedhan.

Samaraattis bakka tursiifaman keessatti nyaata, yaala osoo hin argatiin guyyoota sadiif akka turan Abwaalom ni hima.

Sana booda '‘namni du’uu gaafa jalqabu biskutii fi bishaan kennuufii jalqaban’’ jedhe Abwaalom.

Bakka tursiisa jedhame keessaa bahu kan himu Abwaaloom namootni dhibee sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaa qaban rakkachaa akka turan hime.

Namoota BBC’n yeroo adda addaatti dubbise ammo bakka tursisichaa keessatti namootni 70 irra caalaan isaanii manguddoota tahan du’aniiru jedhan.

Rooyitarsi gabaasa dhiyeenya kana baaseen namoonni du’an gara 60 akka tahan eere.

Isaan keessaa ammoo 11 kan ta'an ijoollee tahuu gabaase.

Bakki dhalattoonni Tigiraay itti argaman kun mooraa kolleejjii Soloodaa jedhamu keessa yoo tahu, dhiirotnii fi dubartoonni bakka dallaan addaan qoodame keessa jiraatu.

BBC’n Waldaa Qaxxaamura Diimaa Adunyaa waa’ee namoota Affaar Samaraatti argamanii gaafatee '‘haalli isaa akkuma buqqaatota naannoo kaan jiranii yaadessaadha’’ jechuun ala ibsa bal’aa kennuu irraa of qusateera.

Waldaan Qaxxaamura Diimaa dhalattoota Tigiraay kanneen akka buqqaatotaatti haa ilaalu malee isaan garuu hidhaarra jirra jedhu.

Kanaaf ammoo akka fakeenyaatti kan kaasan buufaticha keessaa akka barbaadan bahanii galuu dhorkamuu isaaniiti.

Waldaan Qaxxaamura Diimaa Adunyaa, Waldaa Qaxxamura Diimaa Itoophiyaa waliin tahuun '‘namoota 9,000 bakka tursiisaa keessa jiraniif deeggarsa nyaataa’’ gochaafii akka jiru hime.

Nageenya isaanii ilaalchisee ammoo qondaalota naannoo Affaar waliin dubachaa akka jiran himan.

Buufata buqqaatootaa yookis kaampii turtii?

Dhalattoonni Tigraay bakka turtii kana keessa jiran deeggarsa gahaafi wallaansa akka hin argannee ibsuun, daa'immaniifi maanguddoonni umuriin saanii hanga waggaa 90 dallicha keessa jiraachu dubbatu.

Waldaay guyyaa gaaffiif deebii BBC waliin godhe irra manguddoonni sadii du’anii sirni awwalcha isaanii buufatichuma keessa bakka balfi itti gatamutti raawwachuu hima.

Ijoollee isaafi haadha warraa isaa waliin buufaticha keessa kan jiraatu Waldaay ho’i isaa al takka takka digirii seelshiyeesii 50 akka gahu hima.

Haala ho’aa akkasii kana keessatti walitti dhiyaatanii hanqinni bishaanii osoo jiruu jiraachuun ulfaataa akka tahe hima.

Manni qulqullinaa akka hin jirres kan himu Waldaay yaaliin gahaa waan hin arganneef al takka takka eegdota isaanii matta’aa hanga Birrii 500 kennuun akka qoricha bitachuuf bahan himu.

Komishiniin mirgoota Namoomaa bakki tursiisa dhalattota Tigiraay '‘lubbuu isaaniif balaa qaba’’ jedhe.

Lakkoofsa namoota buufaticha keessatti du’anii fi amma jiranii baruuf BBCn gaafatee, ammatti qorannoon isaa waan hin dhumneef yaada kennuu akka hin dandeenye dubbate komishinichi.

Haa tahu malee, '‘buufaticha keessatti dhukkubni waliin isaa hin baramne ka’uu fi ijoollee irra caalaa akka miidhuu’’ himaniiru.

Sababa kanaan lakkoofsi namoota du’anii akka dabalee jiru akka beekanis dubbataniiru.

Haalli qabiinsa dhalattoota Tigiraay kolleejjii Solodaa akka buqqatotaatti osoo hin taane kan hidamtootaa akka fakkaatu Salamaawwit dabaltee dubbatteetti.

*Nageenya isaaniif jecha maqaa namootaa BBC'n dhokseera.