Dhalattootni Tigraay Naannoo Kibbaatti hidhamanii turan kumaa ol hiikaman

Madda suuraa, Warra hidhamanii turan irraa
Naannoo Uummattoota Kibbaa godina Hadiyyaa magaalaa Shoonee jedhamtutti ji'ootaaf hidhamanii kan turan dhalattootni Tigraay kumaa ol ta'an hidhaa hiikaman.
BBC'n namoota hidhaarraa hiikaman irraa akka odeeffatetti hidhamtootni 1300 ta'an Kibxata darbe atoobisiin fe'amanii gara Finfinnee geeffamanii gadhiifamaniiru.
Warreen hidhaarraa gadhiifaman akka ta'an kan himan Merresaafi Aynaaleem ji'oota sagaliif himatni osoo irratti hin dhiyaatiiniifi maaliin akka shakkamanis osoo itti hin himamiin turuufi yeroo gadhiifamaniis odeeffannoon kennameef akka hin jirre dubbatan.
Kibxata darbe bahaa jedhamuufi atoobisii tokkoon tokkoon isaa keessa poolisoonni lama lama ramadamanii Finfinnee naannoo Qaallittii jedhamutti isaan buusuu Merresaan himeera.
''Eessa akka nu geessan, garam akka deemnu hin beeknu, gaafannus deebii hin beeknu jedhu nuu kennaa turan'' jedha Merresaan.
Dhiyeenya dhalattoota Tigraay hidhaa jiran BBC'n yeroo dubbisu sababa dhalattoota Tigraay ta'aniif nyaata, bishaaniifi qoricha gahaan bakka hin jirretti haala hamaa keessatti hidhamanii akka jiran dubbatanii turan.
Hooggantuun hariiroo hawaasaa naannoo Uummatoota Kibbaa aadde Sannaayit Salamoon 'sababa sabummaa keenyaan hidhamne' komii jedhu kufaa gochuun lakkoofsa hidhamtootaas adda baasanii akka hin beekne himanii ture.
Namoonni amma hidhaarraa hiikaman hedduun Affaar irraan gara Sa'uudii baqatanii, achittis hidhaa dabalatee darara hedduu keessa darbanii warra biyyatti deebi'an ta'uufi isaan gidduu namni achitti waggoota 12'f hidhaarra turellee jiraachuu ibseera.
Dabalataanis Finfinnee, Affaariifi naannolee kaan irraa kan qabaman akka jiran himeera.
Qaallittii erga gahanii kan maatii qabu gara maatii isaa yoo deemu hedduun bakka itti qubataniifi maallaqa waan hin qabneef rakkachuullee dubbate.
Qaamoleen mootummaa naannichaa warra deeggarsa barbaadan galmeesse akka deeggaru himus ''garam akka isaan geessuu danda'an mirkanatti waan hin beekneefi sodaa gara hidhaatti nu deebisu jedhuun'' osoo hin galmaahiin hafuus Merresaan himeera.
Warra hiikaman keessaa tokko ta'uu kan himu Ayinaalem Sa'uudii turee erga biyyatti deebi'ee qabamuu dubbata.
Adoolessa darbe Sa'uudiidhaa deebi'ee hiriyyoota isaa waliin bakka dhaloota isaa Tigraayitti osoo imalaa jiruu qabamuu dubbateera.
Naannoo Affaar Loogiyaa akkuma galleen qabamne, achittis ji'a tokkoof hidhamne. Ji'a Fulbaanaa ammoo gara naannoo Kibbaa nu geessan'' jedha.
Jaarmiyaan idila addunyaa mirga namoomaaf falmu Hiyuuman Raayits Waach Mudde darbe ibsa baaseen dhalattootni Tigraay Sa'uudiirraa deebi'an kumootaan lakkaawwaman akka feeteen hidhamuu, dararaan akka irra gaheefi achi buuteen isaanii kan hin beekamne akka jiran ibsee ture.
Aanga'oonni Itoophiyaa dhalattoota Tigraay baqaarraa deebi'an keellaawwan gara Tigraay geessaniifi buufata xiyyaaraa Samaraa irraa qabuun Affaariifi Naannoo Uummattoota Kibbaatti hidhuus gabaasee ture jaarmiyaan kun.
Warra amma hiikaman keessa kan ta'e Merresaan Finfinneetti hojii hojjeturraa boqonnaa fudhatee karaa Affaar gara Tigraay osoo imaluu keellaa Miillee irratti qabamuu dubbateera.
Keellaa san guyyaa sadii buluufi namoota kaan qabaman waliin konkolaataa sagalitti fe'amanii gara naannoo Uummatoota Kibbaa gidduugala qo'annoo qonnaa Yuunivarsiitii Waachaamoo geeffamanii ji'ootaaf achitti hidhamuu Merressaan ibseera.
Dubartoota isaan waliin hidhaa turan 130 ta'an keessaa sadii mana hidhaa san keesatti dahuu isaaniis yaadachiiseera.
Ji'oota saglan hidhaatti dabarsan keessatti harkaafi miilli isaanii hidhamee kan dararaman fi rakkoon fayyaa sammuu hanga irra gahutti kanneen dhukkubsatn jiraachuus ibseera.
Jalqaba bara kanaatti humnoonni Tigraay naannolee Affaariifi Amaaraa to'achuu isaanii hordofee labsii yeroo muddamaa labsamee tureen hidhaan dhalattoota Tigraay irratti xiyyeefate babal'achuun UN dabalatee qaamolee hedduu yaaddessee ture.
Dhaabbileen dimookrasii jajjabeessina, mirga namoomaaf dhaabanna jedhan hidhaan dhalattoota Tigraay hidhaa jumlaa, himatni irratti hin dhiyaanneefi mirga namoomaa isaanii sarbu akka ta'e yoo komatan mootummaan Itoophiyaa gama isaan hidhaan kun eenyummaa isaanii irratti kan xiyyeeffate akka hin taaneefi yakkaan warra shakke ta'uu himaa ture.
Warri hidhaa bahan bakka hidhamanii turanitti warri isaan eegan, ''nuti waayee yakka keessanii hin beeknu nu hin gaafatinaa ittiin jechaa akka turan himaniiru.
Ni baana jennee hin yaadne kan jedhan namootni BBC'n dubbiseen ''osoo miliquuf yaalanii kan rukutaman, kan ajjeefamanis jiru. Hedduun keenya oolleerra'' jedhan.














