'Dhukkubicha caalaa dhiphinatu dhukkubbii natti cimse'
Haatii ijoollee sadii Aaddee Gannat Eliyaas jiraattuu magaalaa Hawaasaati. Ijoollee isaanii qofaa guddisaa jiraachuu kan himan Aaddee Gannat, ammattis daa'ima lama waliin jiraatu.
''Abbaa warraakoon erga adda baanee tureera. Ijoolleekoo kanan guddisu qofaakooti,'' jechuun haala jireenyasaanii himu.
Aaddee Gannat umuriinsaanii ganaa ta'ulleen garuu ALI bara 2005 kaasee laguun itti dhufuu akka dhaabbate himu.
Waggaa lamaan booda bara 2007tti ammoo Finfinnee hospitaala Xiqur Anbassaa irraa gareen wallaansaa tokko garas dhaquun, yoo qorannoo kaansarii gadaameessaa taasisaniitti Aaddee Gannatis akka qorataman himu.
''Yeroos bilisan ture, waggaa shaniin booda deebi'i naan jedhan,'' jedhu.
Haata'u malee bara 2009tti dhukkubbiin dugdaafi dhagala'aan gadameessaa natti mul'achuu eegale jedhan. Achinis gara buufata fayyaa dhiyeenyasaanitti argamu deemuun haala mudate itti himun qorichi kennameefi gara manaa deebi'an.
Baruma sana gareen wallaansaa biraa qorannoo kaansarii karra gadameessaa taasisuuf gara Hawaasaa deemuu himu.
Aaddee Gannatis kaardii isaanii beellamaaf kennameef qabachuu dhiyaatan. Bu'aa qorannoo dhagahuuf beellamni torban lamaa kennameef.
Bu'aan akkuma deebi'eenis kaansariin qabamuun itti himamee battalumatti Finfinnee gara hospitaala Xiqur Anbassaatti riifaraalaan ergaman.

- Kaansariin karra gadameessaa Itoophiyaa keessatti gosawwan kaansarii sababii du'a haadhoolii ta'an keessaa lammaffaadha.
- Ogeessoonni fayyaa irra caallis dhukkubsattoonni gara mana yaalaa kan dhufan erga dhibeensaanii sadarkaa cimaa irra gahee booda jedhu.
- Vaayirasiin Human papilloma (HPV) kaansarii karra gadameessaatiif kanneen saaxilan keessaa kan duraati.
- Vaayirasichis karaa qunnamtii saalaatiin daddarba.
- Talaallii vaayirasichaa fudhachuun kaansarii karra gadaameessaa ofirraa ittisuun ni danda'ama.
- Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dubartoonni hundinuu waggaa 15 dura talaallicha akka fudhataniif gorsa.

'Kanan du'u see'ee abdii kuteen ture'

Aaddee Gannat erga bu'aan qorannoo wallaansaa akka dhibee kaansarii gadaameessaatiin qabaman mul'iseen booda waanti hundi bitaa itti galee akka ture yaadatu. Mannisaanis gaddaafi bohichaan guutame.
Kana dura bilisa jedhamee attamiin waggaadhuma muraasa keessatti kaansarii ta'uu danda'e jechuun bitaa itti galee akka ture dubbatu.
Ijoolleenshees soodaan raafaman. Isheenis abdii kutannaa keessa galte. Kanaratti gara Finfinneetti marmaaruun wallaanamuu mataansaa geejibnillee cimaadha.
''Finfinnee Xiqur Anbassaa hafee buufata fayyaa achittuu wallaanamuuf humna hin qabu. Kanaafuu du'uukooti jedheen gaddee ture.
Maatiifi ollaan waa'ee bu'aa qorannoo fayyaa ishee dhagahanis ni ta'a kan jedhan hunda gorsan.
''Gorsa baayyeen dhagaha ture,'' jedhu yeroo sana yoo yaadatan.
''Kaan xabala deemi, kaan ammoo gadameessa baasisi,'' jechaa akka turan kan himan Aadde Gannat, garuu ammoo namni maallaqaan ishee bira dhaabbate akka hinturre himti.
Intalli ishee tokkos ishee gargaaruuf jecha gara biyya Arabaatti imalte jetti. Achis deemte baatii saddeetiif qofa hojjattee deebite.
Wayita kaansariin qabamuun itti himamuutti ijoolleen ishee hunduu barataa akka turan kan himtu Aaddee Gannati, ''waa'ee dhukkubichaa dhageenyaan abdii kutatan. Intala tiyya takka qabxii fiddee Yunivarsitii Baahir Daar qaqqabnaan abdii kutannaan hin baradhu jettee hafuuf turte.
Yeroo sanattis wallaansaafi maallaqa baasuufi ilmoo barsiisuun yaaduun baayyee ishee dhiphisee ture. Ta'us, kan wallaansaatu hafa malee ati barnoota kee adda hin kuttu jedheen gara yunivarsiitti erge,'' jedhu.
''Attamiin akkan isaan guddiise anatu beeka. Isaanis baayyee abdii kutatanii ture. Kan nama jiraachisu garuu Waaqa, kunoo hanga har'aatti jiraadheera,'' jedhu.
Kanan dhagahaa jiraadhe namni kaansariin qabame akka du'u waan ta'eef baayyee jeeqameen ture kan jedhan Aaddee Gannati, kanarratti namoota maallaqa ittiin wallaanaman dhabanii sirreerratti hafan waan beekaniif, caalaa sodaan itti dhagahamee akka ture himu.
''Kana yoo yaadadhu soodaan natti namme. Dhiphinni ammoo dhukkubicha natti hammeesse. Guyyoota 15 wayitiif baay'een dhukkubsadhe.''
"Dhiphinarraa kan ka'ees dhangala'ichi cimaa deeme. Finfinnee deemee eessa akkan boqadhu, baasii wallaansaaf na barbaachisu yoo yaadu ammoo dhukkubni natti cime.''
Waan hundaafuu Finfinnee deemeen waan naan jedhan hubadha jedhanii murteessinaanis, narsoonni hospitaala Hawaasaatti argamanis haala Addee Gannatti Finfinneetti itti yaalamuu danda'an barbaacha eegalan.
Achinis Waldaan kaansarii Maatiyoos Wanduu Itoophiyaa dhukkubsattoota kaansarii maallaqa hin qabneef deeggarsa akka taasisu waan dhagahaniif isa waliin walitti fidan.
Hiriyoonni ishees geejibaaf maallaqa walitti buusuun gara Finfinneetti gaggeessan.
Dhaabbanni Maatiyoos Wanduu dhukkubsattoota kunuunsuufi dhukkubicha irratti hubannoo cimsuurratti hojjata.
Erga hundeeffamees gara waggaa 20 kan lakkoofsise yoo ta'u, hanga yoonaattis daa'immaniifi dubartoota kaansarii dhukkubsatan 1,860 olif deeggarsa taasisaa jira.
Akkasumas dhaabbatichi dhimma kaansarii gadameessaa, kan harmaafi to'annoo tamboo irratti hojii hubannoo cimsu ni hojjata.

Madda suuraa, Getty Images
Wallaansa eegaluu
Aaddee Gannat gara magaalaa Finfinnee kan dhufte Adooleessa 2009 irra ture.
''Adooleessa 9, 2009 irrattin wallaansa koo eegale. Baatii Onkolooleessaa 2010tti ammoo wallaansa carallaa fudhadheen, baatii Caamsaatti Keemoo Teeraappii naaf kenname.''
Aaddee Gannat erga gara Finfinnee deemaniin boodas qorannoowwan gargaaraa akka taasifameef dubbatu.
Muddee 26, 2010 ammoo ergan carallaa xumureen booda baatii Caamsaa irrattan Keemoo Teraappii marsaa jaha fudhee gara Hawaasaatti deebi'e.
Wayita gara Hawaasaa deebiituutti fayyaan isaanii fooyya'ee yaaddoo nan du'aa keessa turte akka baate himti hanga bara 2013tti.
Ammas baatii jahaan hordoffiif Finfinneetti deddeebiiti. Erga dhiheenyaa as garuu dhangala'aan deebi'ee eegaluu himti.
Dhangala'aa deebi'ee yaa'uu eegaleefis ogeessoota mariisifnaan, tarii ''qoricha baayyee waan fudhatteef ta'uu mala,'' jedhamuu dubbatu. Wayitan beellama ji'a jahaatti deebiituutti baayyee dhukkubee akka ture himti.
''Deebi'ee dhaqeen waan na mudate itti hime. Kan duraa caalaas bara 2013 na dhukkube.''
Kanaafuu qorannoon akka jalqaba yoo dhukkubbichi eegalu taasifameen erga wallaanamaniin booda, ammas akkuma yeroo jalqabaa dhukkubichi sadarkaa sadaffaa irratti akka argamu itti himame.
Kanaafuu wallaansa akka haaraatti deebistee eegaluun barbaachise.
Ijoolleen ishees dhukkubichi akka haaraatti ka'uu dhageenyaan baayyee yaadda'an. ''Kan duraa caalaa nahanii gaddan. Obbolaa kiyyaas baayyee dhiphisan,'' jetti.
''Akka maatiitti rakkoo hedduu dabarsine, dadhabnes. Isaaniif boqonnaan lubbuun jiraachuu kooti. Kadhannaa ijoolleekoo fi deeggarsa wallaansaatiinan har'a gahe.''
Wallaansa kaansariifi baasii isaa
Aaddee Gannati osoo dhaabbanni miti motummaa ishe gargaaru jiraachuu baate wallaansa hordofan yaaduun akka hindanda'amne himu.
Baasiin qorannoofi qorichaaf gaafatamu nama akka ishee galii gadaanaa qabuuf hafee kan mindaa ji'aa qabuufuu kan hin yaadamnedha jetti.
''Wayitan Keemoo fudhadhuutti qorichoota adda addaatiitu fudhatama. Wallaansa koof qofaatti dhaabbatichi torban lamaan hanga birri kuma jahaati baasa,'' jedhu.
Aaddee Gannatti inshuraansii fayyaa qabaatanillee, isaan qoricha bituu akka hindandeenye dubbatu.
''Osoo dhaabbanni kun hinjirre ta'e yoona du'een ture,'' kan jedhan Aaddee Gannati, dhukkubsattoonni baasii wallaansaa dhabuun manatti hafan hedduun jiraachuu dubbatu.
Amma fayyaankoo gaariidha jechuunis, ''dhumasaas Waaqa qofaatu beeka, qorannoon irra deebiin taasifamuun hin oolu,'' jedhan.



















