Saal-qunnamtii fi Kaansarii: 'Gargaarsa gaafachuuf nan saalfadha ture'

Keeyit Waayild

Madda suuraa, Cait Wilde

    • Barreessaa, Aliis Ivaansiin
    • Gahee, Rippoortara Niwusbiit

Dhukkuba kaansarii dhiigaa kan qabdu Keeyit waldhaansi dhukkuba kanaa akkamiin jireenya saalqunnamtii ishee akka miidhe dubbatti.

Keeyit Waayild ganna 17 eegalee waldhaansa kaansarii erga taasifteen booda jireenyi saalqunnamtii ishee dhukkubaa fi saalfiin kan guute ta'uu isaatiin gargaarsa akkamiin argachuu akka dandeessullee hin beektu ture.

Keeyit jiraattuu biyya Ingiliz magaalaa Maanchistar yoo taatu gosa kaansarii dhiigaa acute myeloid leukaemia jedhamu dhukkubsatti.

Jireenyi saalqunnamtii ishee dhibee kanaan qabamuu ishee dura ture gaarii ta'uu himtee, wayita yaala kemoteraappii fudhattu hakiimonni salqunnamtiin rakkisaa akka ta'u itti himanii ture.

Dhaabbatni Macmillan Cancer Support jedhamu qorannoo gaggeesseen dargaggoonni dhibee kaansarii qaban 46% yaaliin kun jireenya saalqunnamtii isaanii akkaan miidhuu yoo gabaasu, umurii hunda keessaa ammoo namootni 37% ta'an yaada walfakkaatu kennuu ibseera.

Ragaan wiirtuu qo'annoo Kaansarii UK irraa argame akka mul'isutti waggaa waggaan dargaggoonni umrii 15-24 gidduu jiran 2,400 ta'an waldhaansa kaansarii argatu.

Yaaliin kun hanga seeliiwwan 'platelet' jedhamanii xiqqeessa. Seeliwwan kun xiqqaataniiru jechuun ammoo qaama namaarra miidhaan xiqqoonillee yoo gahe, kan wayita saalqunnamtiis mudachuu danda'u dabalatee, dhiigni dafee hin kantaruu jechuudha.

Hiriyyoota ishee koolleejjii jireenya saalqunnamtii gaarii qabanitti kan inaaftu Keeyit, dhibee ishee wajjiin walqabatee miidhaalee biroo dhufan waliin qabsoo gaggeessiti.

Miidhaaleen biroon jiran ammoo rifeensi dhumuu, ulfaatinni qaama jijijjiiramuufi dhukkuba lafee fa'i.

Yaala kiimoo booda fedha saalqunnamtii dhabdus yaaliin ''bone marrow transplant'' (tishuuwwan lallaafoo lafee keessa jiran haaraan bakka buusuu) fedhiin ishee akka kaka'uufi saalqunnamtii akka feetu taasisee ture.

Haata'u malee yeroon rakkisaan darbe ofitti amanamummaa ishee dhabsiiseera. ''Miira cabuu wayiitu natti dhagaahama. Miira saalfiis qaba'' jetti.

Keeyit saalfachuu isheerraa kan ka'e wanta uumame eenyuttuu hin himne.

Booda garuu akka carraa ta'ee kiliinika wadhaansa itti argatte keessatti narsii tokko kan fayyaa dubartootarratti hojjettuun walitti dhuftee, deeggarsaa fi gorsas argatte.

''Beellama erga qabannee booda ofitti amanamuummaaniin gadi bahe'' jetti.

''Waan hundumaa irra deebi'ee beekuuttin deeme'', garuu ammoo barnootaafi eeggannoo jabaa waliin jetti.

Keyit Waayild

Madda suuraa, Cait Wilde

Ibsa waa'ee suuraa, Keyit Waayild

Dhiirri dargaggeessa ganna 26 ta'e Jaak Fiildiing bara 2019' ttti dhibee sarcoma MPNST jedhamuuf waldhaansa erga argateen booda ulfaatinni fi rifeensi isaa hiri'isuun booda ''wanti eenyummaa koo ibsu waan narraa godaanen se'ee'' jedha.

Jiraataan Boostan kun jireenyi saalqunnamtii isaa miidhamuu fi ofitti amanamummaa dhabuu Newsbeat waliin turtii godheen dubbate.

''Nama fuuldura qullaa dhaabachuun akkaan na sodaachisa ture sababni isaas waanan baayyee fokkise natti fakkaata.''

Gidduugalli deeggarsa Kaansarii Maakmilaan, Kaansariin jireenya saalqunnamtii dabalatee karaawwan biroo nama miidhu ibsa:

  • Miidhamni xiinsammuu waldhaansaan dhufu miira saalqunnamtii namaa hir'isa
  • Yeroo gabaabaaf yaalichi nama laaffisa
  • Qaama irratti riifeensi dhumuu, ulfaatinni dabaluu ykn hiri'isuu, bifa gogaa jijjiiruu
  • Yeroo dheeraa keessa sochii qaamaa hir'isa

Yaaliin xiinsammuu saalqunnamtiin walqabatu (Psychosexual therapy) UK' tti xiyyeeffannoo maluuf hin arganne.

Dargaggoonni dhibee kaansariifi jireenya saalqunnamtiin walqabatee gaaffilee qabaniif deebii argachuuf ni rakkatu.

Dr Richaard Simkook ''ogeeyyiin fayyaa gaaffiiwwan kana eeggannoon deebiii kennuu akka danda'anitti leenji'uu qabuu'' jedhu.

Keeyit ammaan tana dhukkubsattoota kaansariif gorsaa fi odeeffannnoo saalqunnamtii wayyeessuuf barruulee irratti seenaa saalqunnamtii namootaa qooduun duula gaggeessaa jirti.

''Namoota kaan jajjabseessuun fedha kan jettu Keeyit, akka ani dukkana keessatti gatametti yaadaa ture sanitti akka yaadan hin fedhu'' jetti.