Waa'ee kaansarii piroosteetii kan dhiiroota qofa galaafatuu maal beektu?

Madda suuraa, Getty Images
Dhukkubii kaansarii akka addunyaatti lubbuu namaa galaafachuun sadarkaa olaanaarra kan argamu yoo ta’u, walumaagalatti bara 2020tti qofa lubbuu namoota miliyoona 10 ta’u galaafachuu ragaalaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa ni ibsa.
Duraan dhukkuba sooreyyii ta’uun kan beekamuu kaansariin, amma garuu ummata biyyoota galii gadaanaa fi giddugaleessaa keessa jiraatan harka caalan miidhaa jira.
Dhibeen kaansarii gosa hedduu qaba. Isaan keessaa kan baay'inaan babal’achuun dhiiroota qofaa miidhaa jiru, piroosteet (prostate) kaansariin tokko.
Odeeffannoon Kaansarii addunyaa (Global Cancer Statistics) akka ibsutti, bara 2020tti qofaatti namoota haaraa 1,414,259 ta’utu dhukkuba caansarii piroosteetii kanaan qabaman.
Itoophiyaa keessatti dhukkubni kun lubbuu namoota hedduu galaafachaa jira jedhu oggeessoonni damee kanaa.
Ofii Piroosteet kaansariin maali?
Piroosteetiin qaama walhormaataa dhiirootaa keessaa tokkoo yoo ta'u, qaama xiqqaa afuuffee dhiiroota jalaatti argamudha.
Qaamni kunis baayyee xinnoofi gara giraamii 20 hanga 25 akka ta’an oggeessoonni fayyaa ni dubbatu. Naannawa isaattis afuuffee fincaanii, mar'imaan guddaafi ujummoo fincaaniitu argama.
Tajaajjilli piroosteetii dhangala’aa qaama wal-hormaataaf barbaachisuu omishuun, hojii qaama wal-hormaataa deeggaruudha. Yoo qaamni kun dhukkubsachuun dhiita'e ammoo ujummoo fincaanii irratti dhiibbaa waan umuuf fincaan bahuurratti dhiibaa qaata.
Kanaaf kaansariin qaama kanarraa ka’u, piroosteet kaansarii ykn kaansarii piroosteet jedhama.
Sadarkaa jalqabaatti osoo gara kaansariitti hin jijjiraminii dura akka xannacha piroosteet ta’e jiraachuun baay’e beekamadha jedhu oggeessoonni.
Gama biraatiin kKaansariin piroosteeti osoo mallattoo hin argasiisin babal’atee sadarka yaaluu hin dandeennerra ga’un lubbuu namoota galaafachu danda'a jedhama.
Ka’umsi dhibee kana maali?
Dhibee piroosteet kaansarii kanaan kan qabaman dhiiroota qofadha.
Hospitaa Xiqur Anbessatti Ogeessa Kaansarii kan ta’e Gargaaran Piroofeesaa Dr. Addunyaa Fiqaaduu BBCtti akka himaniitti, akkuma gosawwan kaansarii biroo, ka’umsa piroosteet kaansarii sirriitti hin beekamne.
Haata'u malee yeroo baayyee dhibeen kun baayyinaan kan irratti mul'atu “dhiiroota umuriin isaanii waggaa 40 ol ta’aniidha. Namoota umuriinsaanii 40 gad ta’an irratti baay'ee beekamaa miti,” jedha Dr. Addunyaan.
Hormooniin qaama wal-hormaata dhiiraa irra omishaman, kan androgen fi testosterone jedhaman dhukkubichaaf nama saaxilu danda’a. Guddinni piroosteet kana, hormoonii androgen jedhamuu kana irratti hunda’a.
Kanaafu, hormooniin androgen yoo haala baramaa taʼeen caala kan maddu ta’e, baladhaaf nama saaxiluu danda'aatii gara mana yaalaa deemuun barbaachisadha jedhu.

Sababni biraa ammoo, infeekshiniiwwan baakteeriyaafi vaayirasiin dhufan ta’u danda’a. Namni duraan infeekshinii piroosteet qabu ammoo, kaansarii kanaan qabamuuf carraansaa olaanaadha.
Garmalee ulfinni qaamaa dabaluufi coomni qaama keessatti yoo baayyatee, carraan kaansarii kanaan qabamu olaanaa akka ta'u danda'u dubbatu Dr. Addunyaan.
“Ulfaatinni qaamaa sochii qaamaa taasisuun hir'isuu dhabuun, rakkoo guddaa namatti fidu danda'a. Kanaaf namoonni furdoon of eegumsa cimaa gochuu qaban.”
Kana malees, tamboo fi waantoota tamboo ofkeessaa qaban akka shiishaa aarsuun akkasumas dhalootaan qabmu akka danda’amu himu Dr Addunyaan.
Attamiin qabamuu baruun danda'ama?
Dhimmoota kaansarii piroosteetii kana gosoota kaansarii kaaniin adda taasisan keessaa tokko suuta guddachuusaati jedha Dr. Addunyaan. Kanaafuu namni tokko mallattoo dhibee kanaa hubachuuf yoo xiqqaate waggoota 10 - 15 fudhachuu akka danda’u hima.
“Dhukkubni kun osoo hin hubatiin nama ajjeessuulleen danda’a. Kanaafu osoo sadarkaa xannacharra jiru, dafanii yaalamuun lubbuu nama bararuu danda’a.”
Jalqaba dhibee kun kan adda baafamu qorannoo dursaa taasisuun. Haata'u malee biyyoota dugginarratti argaman kan akka Itoophiyaa wallansa akkas taasisuun kan barbame miti.
Haata'u malee namoonni umuriin lafa bulan waggaa waggaa qorannoo waliigalaa (general check-up) taasisuun caarraa dhukkubichaan qabamuu ni xiqqeessa ykn dafanii yaala argachuuf ni gargaara jedhu.
Mallattoon dhibeen kana maal fa'i?
Dhibeen kunis sadarkawwan durarratti mallattoo qabachuu baatulleen waljalaan mallattoo adda adda ni argisiisa. Mallattowwan duraan argamuu danda’u keessa, fincaan cicituu, bahuu diiduufi dhukkubbiin naannowwan afuuffee fincaanitti dhaga’amudha.
Rakkoon dhibeen kanaa guddaan ammoo osoo mallattoo kamuu hin argisiifnee qaamolee birootti faca’usaatii jedha ogeessi fayyaa kun. Keessattu gara lafe dugdaatti faca’a.
Lafeen dugdaa qabamnaan ammoo dhukkubbiin dugdaafi miilii adooduu eegala. Akkasumas qaama wal hormaataa irralleetti dhiibbaa guddaa geessisuu danda’a.
Kana malees “Fincaan dafee dafee dhufuufi garuu baayyinaan bahuu diduu, qallatee yaa'uufi fincaan akka hinbaaneef ujjumoo cufuu danda’a,” jedha Dr. Addunyyaan.

Madda suuraa, Getty Images
Akkasumas gara mar'imaan guddaatti faca'uu, karaa bobbaan bahuurrattis dhiibbaa geessisuun garaa gogsuu, yoo gara dugdatti faca’e ammoo dadhabbii qaamaa fiduu akka danda’u hima.
Darbees sombatti yoo faca’ee mallattowwan qufaa, afuura baafachuu dadhabuu qaqabsiisa.
Dhibee kana akkamiin ittisuu danda’ama?
Akkuma dhiibee gara biraa, jalqabarratti mallattoo argisiisuu dhabuusaaf, dhukkuba kana ofirra ittisuun ulfaatadha.
Haata'u malee, ulfaatina qaama hin barbaachisne hir’isuu, infeekshinii qaama qunnamtii saalaatiin dadarban irra of qusachuun caarraa ittiin saaxiluun hir’isuun ni danda’ama.
Uumamuu piroosteet kaansarii kanaa guutumaatti hambisuun danda’amu baatulleen garuu, osoo sadarkaa fayyuu hin dandeennerra hinga’in dura dafanii barraan salphaatti yaalamuun ni danda’ama jedha Dr. Addunyaan.
Dhiiroonni umuriisaani waggaa 50 ol ta’an, mallatowwan fincaaniin wal-qabatan yoo argisiisan dafanii yaalamuu qabaatus jedhan.
Hubannoon jiru maal fakkaata?
Dhukkuba kamiyyuu sababa isa baruu, ofirra ittisuu fi yaalaa argachuun hubannoo ga’aa barbachiisa. Haata'u malee dhibee waggaa waggaan nama hedduu ajjeesuu kanarratti hubannoon hawaasaa gadaanaa ta’u himu oggeessi kun.
Akka Itoophiyaatti, qorannoon waliigala waan hin jireef, namoota dhibee kanaan qabaman beekuun ulfaataa ta'ulleen, kanneen yaalamaa jiru hedduu ta'u himu oggeessoonni fayyaa.
Hospitalonni wallaansa dhibee kanaa kennan naannolee hedduu keessa jirachuu dhabuun, ykn muraasa ta’usaatiin namoonni maaliin akka dhukkubsata osoo hin beekamiin du’an jiraachuu himan.
“Hubannoon jirachuu dhabuun ykn gadaanaa ta’uun, humni nama dhiibee kanarratti baratee xinnoo ta’u fi oggeyyiin fayyaa waa’ee bira wal’aanan dhibee kaansariirratti hubanoo ga’aa dhabuu,” akka rakkinaatti kaasuu Dr. Addunyyaan.
Akka biyyaatti hospitaalonni wallansa kaansarii kennan muraasa ta'anilleen, waggoota muraasa as jijjiramni dhufaa jiraachuu himu Dr. Addunyyaan. “Keemooteeraappi fi onkoolojii, babal’achaa jira. Ogeeyyiin wallaansa dhibee kaansarii irra dalagan dabalaa jiru, garuu ammoo walumaagalaatti ga’aa miti.”
“Ammaatti uummatatti baanee qorannoo dursa kennuun ulfachuu ta'ulleen garuu namoota mallattoo argiisiisan qorachuu ni dandeeyna” jedha
Yaaliin gosa kaansarii kanaa maal?
Yaalli kaansariif kennamu yeroo hedduu sadarkaa dhukkubni kaansarii sun irratti argamurratti hundaa’un adda adda ta’u mala.
Malawwan pirosteet kaansariin itti yaalamuu keessaa tokkoo, baqaqsanii yaaluudha. Kun ta'u ammoo yoo namni dhukkubsatu sun kan yaalamuu dhufe wayita sadarka tokkoffaa ykn lammaffaarratti jiruufi qaamolee biraatti kan hin facaanee ta'edha.
Dr. Addunyyaan hospitaala isaanitti, yaalii raadiyooteeraappii ykn humna carariitiin yaaluu akka kennamuu hima.
“Yaaliin cararii gosa lamaatti jira. Innis cararii kara alaan maashiniin kennamuufi cararii bifa opreesheniitin kennaama. Kun seelota kaansarii san ajjeesuu kannama.“
Gama biraatiin ammoo wallaansi hormoonii androjen kan pirosteet guddisuu ukkaamsuu ykn wallaansa baqaqsanii yaaluutiin muranii baasuu (surgical castration) akka kennamu himu.
Gost yaalii dhibee kanaaf kennamu kan biraa keemooteeraappii jedhama. Innis kiniinii seelota garmalee baay’atan san ajjeesa jedhudha.
Yaaliiwwan kennamanis haala sadarkaa namni dhukkubsate sun irratti argamurratti hundaa'a. Ta'ulleen “Osoo dhibeen kun hin hamaatinii dura qorannoo hedduutu jira,” jedha
Dhiibeen kun Itoophiyaatti hangam hamaadha?
Odeeffannoon Hospital Xiqur Anbasssaa irra argame akka mul'isuutti, namoonni dhibee kanaan yaalamuu dhaqan umuriisaanii waggaa 43 - 91 jidduutti argama. Lakkooffsi namoota wallaansaaf dhaqanis dabalaa jiraachu himu Oggeessi kun.
Tarii namoonni wallaansaaf gara sana dhaqan irra caala kan naannoolee dhihoofi kanneen hubannoo hanga tokkoo qaban ta'u mala kan jedhan oggeessi kun, baadiyaa fagoo irraa hospitaala akka Xiqur Anbeessa dhufuun hedduuf rakkisuu akka danda’a himu.
Namoonni hedduun erga mana yaalaa dhufanii booda waa'e dhibee kanaa akka baran kan ibsan Dr. Addunyaan, “sababii hubannoo gahaa hinqabneef ammoo sadarkaa dhibeen isaanii irra jiruufi filamaatawwan yaalii isaaniif ta'u beekuu hin danda’an.”
Itoophiyaa keessatti hospitaallii yaalii kaansarii kennuu dabalaa deemulleen, ammaaf yaaliin cararii garuu hospitaala Xikur Anbeessa qofaatti argama.
Magaaloota akka Maqalee, Gondar, Jimmaa, Haromaayaa fi Hawaasaatti yeroo dhihootti eegaluuf jedhame akka abdatamu hima ogeessi kun.
Dhaamsa ogeessaa
Dhibeewwan kaansarii baayyeen mallatoonsanii dhokataa ta'ulleen kan mallattoo argisiisan jiru. Kanaafuu mallattoon kana duraa hin beekamne wayita namarratti mul’atuutti, gara mana yaalaa deemuun ogeessa mariisisuun dirqama jedha.
Mallattoonni dhibee kaansariif shakamuu yoo jiraate ammoo, qorannoo dabalataaf iddoo kaansariin itti yaalamuutti ergamu qabaata.
Pirosteet kaansariidhaaf ammoo, namoonni umuriisaanii waggaa 50 ol ta’an qorannoo dursaa akka taasisaniif gorsu Dr Addunyaan. Kunis osoo sadarkaa guddaarra hin ga’in yaalamuuf dandeessisa.
Kana malees, ulfaatina fqaamaa fi coomni qaama keessatti akka hin baay'annee to'achu qabus jedhan.
Tamboofi waantoota tamboo ofkeessaa qaban kan akka shiishaa aarsuu irra of qusachuu, infeekshinii quunnamtii saalaan dhufanii fi dhugaatii irra of eeguun akka gargaaru himu.
Hunda caalaa hubannoo ummataa cimsuun dhibbicha to'achuuf murtessaa ta'u himan.















