Yoo ol jettee deemte isnaayiperii mataa si dhaha- Jiraataa Mooyyalee

Madda suuraa, Miidiyaa hawwaasaa
Walitti bu'insi magaalaa daangaa Itoophiyaa fi Keeniyaa iratti argamtu Mooyaleetti Oromoo fi Somaalee gidduutti ka'e erga eegalee ji'a tokkoo fi torban tokkoo ol lakkoofsiseera.
Kaleessa poolisiin federaalaa magaalicha galuu hordofee garuu dhukaasni guyyaa tokkoof osoo hin dhagahamiin oolu jiraataan magaalichaa maqaan isaa akka hin eeramne gaafate BBCtti himeera.
''Har'a osoo dhukaasa hin dhagahiin oolle. Poolisiin federaalaa magaalicha galee jira. Galgala kana qofa dhukaasa guddaa tokko naannoo gumurukaatti dhageenyee jirra. Maal akka tahe hin barre,'' jedhe.
''Magaalli dukanooftee jirti. Namni keessaa baqatee ture. Jiraattonni magaalichaa hedduu rakkatanii ture. Har'a erga poolisiin federaalaa galee xiqqoo wayya'' jedhe.
Magaalicha keessaa jiraattonni kumaatamaan baqatanii bahanii ture. Jiraataan kun erga poolisiin federaalaa galee s
Jimaata darbe ammoo dhukaasni akka qabbanaa'ee ture qondaalli Waldaa Qaxxaamura Diimaa BBCtti himani ture.
Haa tahu malee ergasii dhukaasni jalqabuu jiraattonni himaniiru. Jiraataan biraa BBC dubbise akkas jedhan.
''Har'a lola jedhanii boru araara jedhu. Jaarsoliin araaraa gama Oromiyaa fi Somaaleen dhufanii osoo mari'atanii jarri duubaan dhuftee nama haati.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Biiroon mootummaa takkaa banamtee hin beektu. Daldalli guutummaan dhaabbateera. Jiraataan keessaa baqateera,'' jedhan.
Jimaataa eegalee guyyaa afur tahuuf xiqqoo qabbanaa'ee ture. Ergasii halkan sa'a 4-12 ammoo jarri dhuftee magaala weerarti,'' jedhe jiraataan kun.
''Jiraattonni magaalichaa kaan gara Keeniyaatti, kaan Oromiyaa keessa bakka adda addaatti faca'anii rakkataa jiru. Ani maatiinkoo gara Keeniyaa galuu malee eessa akka jiraniyyuu hin beeku. Gara kaampii baqattootaa galaniiru jedhan.''
Jiraataan kun deeggarsa gahaan waan hin jirreef warri baqatee bahellee rakkoo hamaa keessa jiru jedhe.
Ofii isaa bahuu waan hin dandeenyeef, akkasumas hattuun waan jirtuuf bahuu hin dandeenye jedhee mana isaa Mooyalee jiru keessatti hafuu hime.
Poolisiin federaalaa tasgabbeessuuf dhufaniyyuu isaan irrattiyyuu dhukaasa bananii midhaa geessisanii jiru jedhe jiraataan kun.
Garuu mootummaan naannoo Oromiyaas tahe federaalaa waa'ee miidhaa humnoota nageenyaa irras tahe jiraattota magaalichaa lubbuu dhaban irratti waan jedhe hin qabu. Mootummaan namoota lola kana keessatti du'an lakkoofsaan hin ibsine.
Walitti bu'ins akana hordofee jiraattonni magaala Mooyyalee gara Keeniyaatti baqatan gara 70,000 akka tahan Waldaan Qaxxaamura Diimaa ibseera.
Lolli kun maaliif jalqabe?
Jiraataan magaala Mooyyalee kana dura BBC'n dubbise Obbo Moluu jedhaman walitti bu'ins akanaaf sababa kan tahe dhimma daangaa lafaa tahuu himan.
Guyyaa jalqabaa ''Somaaleetu daangaa Oromiyaa keessa seenuun magaalaa Mooyyalee ganda 02 keessa alaabaa isaanii dhaabe.
Mucayyoo Oromoo tokko [Jaatanii Aagaa] jedhan waan kana mormite jennaan ajjeesanii reeffa isheellee fudhatan'' jedhan.
Lafa isaanii keessa malee kan keenya keessa alaabaa dhaabbachuu hin danda'an.
Kanumaan qeerroo fi uummanni magaalichaa morminaan dhukaasa hamaatti ce'e jedhan.
Naannoo Oromiyaatti Kantiibaan magaalaa Moyyaalee Obbo Galmaa Korophichaa, "walitti bu'insi uumame kun kan hin malledha" jedhan. Wal dhabdee kana hammeessuufis humnoota nageenyaa gama naannoo Somaalee himatan.
Kantiibichi walitti bu'insi kun ummata Oromoo fi Somaalee waliin dhalatee, waliin guddatee fi maatii ta'e gidduutti kan uumame ta'uu dubbatan.
Naannoo Somaaleetti kantiibaan magaalaa Mooyyalee Obbo Kulla Ali Abdirahman, ''rakkoon homaayyuu hin turre. Nagaa ture. Ganamuma kaanee waraana keessatti of argine'' jedhan.
''Walitti bu'insichi kan jalqabe dhimma waajjira bulchiinsaa haaraa hundeessine irrattidha'' jedhan Obbo Kullaa Alii.
Wal dhabdichi dhuguma dhimma alaabaa naannoo Somaalee fannisuu irraa ka'uu kan himan kantiibaan kun ''alaabaan keenya yeroo jalqabaaf achitti fannifama miti.
Waajjiraalee baay'eetu baname. Tokkoon tokkoo waajjiraa bira alaabaan ni fannifama. Kan isaan morman waajjira bulchiinsaa banamedha. Alaabaan Somaalee magaalicha keessatti fannifamuu hin qabu jedhu,'' jedhan.
Obbo Kuullaan ''isaan waan Mooyyaalee Somaalee jedhu hin jiru. Magaalaa guutuun kan Oromiyaati jedhu. Mormiin isaanii Mooyyaleen bulchiinsa ollaa lama tahuu hin dandeessu, nu jalatti bulti malee kan jedhudha'' jedhan.
Itti dabaluun magaalittiin waggaa 40 oliif bulchinsa lama qabaachuu himuun gama Oromiyaan warri jiran garuu Mooyyaleen kan keenya, bulchiinsa tokko jalatti buluu qabdi jechaa turan jedhan.
Walitti bu'insi kun erga jalqabee ji'a tokkorra darbeera.























