Shinzoo Abee fi Abbabaa Biqilaa

Shiinzoo Abee

Madda suuraa, Getty Images

Ministirri Mummee duraanii Jaappaan Shinzoo Abee waggaa torbaan dura Itoophiyaa dowwatanii ture. Yeroo sanatti ilma Atileeti Ababaa Baqilaa kan ta’e Yetinnaayeet Ababaa waliin wal arganii ture.

Yetinnaayeet ammoo suuraa abbaa isaa Aab Shinzoof kenne. Ofii Ababaa Biqilaa fi Shiinzoo Abee maaltu walitti fidee?

Akka MM duraanii Jaappaan irra dhagahameetti, Ababaa Biqilaa hin dagatan. Ababaan waggoota 58 dura ture maaraatoonii Tookiyootti miila duwwaa fiiguudhaan wayita injifateetti Aab Shinzoon daa’ima xiqqoo turan. Barataa turan.

Yeroo sanatti maqaan Ababaa Biqiilaa guutuu Jaappaaniitti ka’aa ture. Shinzoo Abees taanaan maqaansaanii Abee jedhu maqaa Ababaa Biqilaatiin walitti siqa.

Maqaan saanii Abee jedhus odoolaa kaabaa Jaappaaniitti argamu Hookaayidoo keessatti afaan haasa’amu irraa kan dhufeedha jedhame.

Maqaan Abee jedhuuf Jaappaan keessatti namoota baayyeen kan moggaafame yoo ta’u bakka baayyeetti ni dubbatama.

Aab Abeenis yeroo Ababaa Biqilaa itti injifate sanatti mana barumsaatti taa’umsa dhorkaman. Ijoollee waliin kutaa tokko baratan ni rakkisaniin. Ababaa jechuun waamu eegalan.

Yeroo Ababaa Biqiilaa miila duwwaa fiiguun itti mo’ateetti Abeen mucaa wagga 10 turan. Haata’u malee injiifannoo Abaabaa Biqilaa akka waan kaleessa ta’eettiin yaadadha jechuun ture wayita Itoophiyaa doowwachuuf dhufaniitti kan dubbatan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kanaafiidha wayita sanatti jaalala moggoo isaaniif qaban ibsachuuf, erga gara Itoophiyaa dhufanii booda maatiifi atileetoota kan argatan.

Ijoollee ogummaa Ababaa Biqilaa barbaadanii arganii dubbisan. Daraartuu, Ibiraahiim Jaayilaan, Tiikkii Galaanaa fi Masarati Daffaarii fa’iin wal arguu isaan AFPn yeroo sanatti gabaasee ture.

Intalli Ababaa Biqilaa Yeetinnaayeeti Ababaa, suuraa abbaan ishee wagga 50 dura Tookkiyyoo irratti wayita injifateetti yaadannoof ka’eetti Aab Abeef kennite.

Shiinzoo Abee Abaabaa Biqilaa wayita Tookiyyootti injifateetii haala ture yaadachuun, wayita Itoophiyaa doowwataniitti dinqisiifannaa isaaf qaban ibsanii ture.

‘‘Dorgommtoonni Jaappaan baayyeen fiigiicha xumuranii kufuudhaan yoo of wallaalan, Abaabaan garuu miilasaa duwwaa fiigee xumuuruu qaamasaa diddiriirfachuuf suuk suuk jedha ture,’’ jechuun waan yeroo wagga 10 arge uaadate.

Ababaa Biqiilaa seenaa Oloompiikaa keessatti Itoophiyaa qofaatti osoo hin taanee addunyaarratti kanneen ka’u keessaayi. Dabalataanis Shiinzoo Abee dabalatee hanga ammaatti atileetii urjii maqaansaa Jaappaanoota hedduun ka’uudha.

Shoonzi Abee

Madda suuraa, Getty Images

Ajjeechaa Abee fi naasuu uumee

Guyyaa Kamiisaa miidiyaaleen idil-addunyaa dhimma MM Biritaaniyaa Booriis Joonsan irratti gabaasaa turan.

Guyyaa Jimaataa garuu ganama obbooroo irraa kaasee, addunyaan waa’ee Shiinzoo Abee rasaasaan rukutamuu, isaan boodas ajjeeffamuunsaa baayyee naasuu uumee.

Innis erga aangoon na gaha jedhanii waggoonni lakkaa’amaniiru. Haata’u malee kaadhiimamaa mana maree Jaappaanif dorgomaniifi duula gaggeessaa turan.

Suuraaleen booda qorataman akka mul’isaniitti, shakkamaan ajjeechaa Abee raawwatees, dhaabbachuun haasaa Abee dhaggeeffataa ture jedhame. Isaan boodas karaa dubaatiin walitti fufiinsaan itti dhokaase. Karaa mirigaatiin mormaafi dugda isaaniirra rukutaman.

Achiinis lafa dhahe. Dhiignis keessaa lola’e. Achumaan hilikoptarri waamamuun gara hospitaalaatti ergaman. Hakimoonni Jaappaan maqaa gaarii qaban hundi lubbuusaa oolchuuf kan danda’ameef hunda raawwatan. Garuu hin milkoofne.

Abeen guyyaa itti ajjeeffaman nama wagga 67 turan. Lammiilee Jaappaan umurii dheeraa jiraataniif kun ijoollummaatti akka waan hafaniitti fudhatama. Biyya Jaappaan kan haleellaan meeshaa waraanaa keessatti hin baramneetti, kun attamiin mudachuu danda’ee kan jedhu hundatu kaasa.

Jaappaan biyya to’annoon meeshaa waraanaa cimaan itti gaggeeffamuudha. Akka Ameerikaatti Jaappaan keessatti meeshaa waraanaa akka miishaa biraa suuqiidhaa akka garaatti hin bitamu.

Bara 2014tti Ameerikaa keessatti haleellaa meeshaa waraanaa 33,599 wayita raawwatameetti, Jaappaan keessatti garuu jaha qofaadha.

Lammiin Jaappaan meeshaa waraanaa hidhachu yoo barbaade qormaata cimaa motummaan kennamuufi qorannoo fayyu sammuu yoo gahuumsaan darbuutu irraa eegama.

Jaappaanoonni meeshaalee gatama irraa iyyuu meeshaa waraanaa hojjachu danda’u.

Namtichi ajjeechaa Abeen shakkamee to’annaa jala oolfames qawwicha mana keessatti ofiisaatiin hojjachuutu gabaafame.

Poolsiinis namni Abee ajjeessee maaliif akka kana raawwateefi yoo namni isa waliin wal ta’ee yoo jiraateef qorannoo taasisaa jira. Sakkata’iinsa mana saarratti taasifameenis meeshaan waraanaafi fanjiiwwan gara biraa argamun himameera.

Namtichi Shiinzoo Abee ajjeessuun shakkamee to’annoo jala kan oolfame, Teetasuuyaa Yaamaagaamii kan jedhamu yoo ta’u, gaheessa umuriin 41 fi hojaa kan hin qabne ta’u poolisiin naannicha beeksiise.

Sababii ajjeechaa MM duraanii kana akka raawwatu isa taasisee maal akka ta’e tilmaamaan alatti, dhimmi himame hin jiru. Shiinzoo Abee Sunaamii lammiilee Jaappaan kuma 20 ajjeessee jala bahuun, waan hogganaan tokko hojjatu hundaa raawwachuun, rasaasaa namni tokko mana keessatti hojjateen itti dhokaafame boqateera.

Dhukkubbiin marumaan sidaatanii aangoo itti gadhiisan osoo hin ajjeessiin, rasaasaa maan keessatti hojjatameen biqatan.

Addunyaan keessatti lammiilee biyyatti baayyee nahaniiru. Ajjeechaa raawwatame hordofees, ‘‘dimokiraasii malee haleellaa siyaasaa hin barbaadnu’’ jechuun duulli miidiyaa hawaasaa gubbaarratti saaqaniiru.