US meeshaa waraanaa USD bil 4.67 Masriif mirkaneessiteetti- US maaliif humna waraanaa Masrii deeggarti?

US biyya kaaba Afrikaa taate Masiriif meeshaalee waraanaa ammayyaa ta'an bittaadhaanis ta'e deeggarsaan kennuufiif kutannoo akka qabdu ammas mirkaneessiteetti.

Kunis meeshaalee waraanaa jajjaboo kanneen akka misaa'eloota lafarraa gara samiitti dhukaafamanii fi loojistikiiwwan waraanaa akkasumas sagantaalee humna waraanaa biyyattii kaan walumaagalatti doolaara biiliyoona 4.67tti tilmaamu hammata.

Jaarmiyaan dhimma nageenyaa US - Defense Security Cooperation Agency jedhamu gurgurtaa meeshaalee waraanaa fi deeggarsa kana humna waraanaa Masiriif kan mirkaneesse torbee darbe gaafa Adoolessa 24, 2025 ture.

Jaarmiyaan US kun akka ibsetti Masriin misaa'eloota akkaan ammayyaawoo ta'anii fi lafarraa gara samiitti dhukaafamuu danda'an- National Advanced Surface-to-Air Missile System (NASAMS) jedhaman Ameerikaarraa bituuf gaafatteetti.

Waliigalteen meeshaalee waraanaa kun sirna raadaarii afur, misaa'eloota dhibbaan lakkaa'amani fi sirna to'annoo hedduudha.

NASAMS sirna ittisa qilleensaa US fi Noorway yoo ta'u xiyyaarota waraanaa, dirooniiwwan qilleensarraa fi misaa'eloota hedduu qolachuu danda'a.

Hanga yoonaatti NASAMS kan sochoosan US fi Noorway turan. Ispeen, Finlaand fi Neezarlaandis dabalatee biyyoonni 13 ammoo bitataniiru.

Akkaataa waliigaltee US fi Masriin ogeeyyiin mootummaa US meeshaa waraanaa kana waliin gara Masrii imaluun deeggarsa injineriingii, teeknikaa fi loojistikii ni taasisu.

US gurgurtaa meeshaa waraanaa kana Masriif mirkaneessuun, biyya miseensa Nato hin taane garuu michuu US taate kanaaf damee waraanaa ishee baayyee cimsa.

Jaarmiyaan dhimma nageenyaa US - Defense Security Cooperation Agency jedhamu akka ibsetti waliigalteen kun imaammati dhimma alaa fi nageenya biyyaalessaa US akka galma ga'uuf ga'ee olaanaa gumaacha.

''Wixineen gurgurtaa meeshaa waraanaa kun nageenya biyya NATO dhaan ala taatee kan fooyyessudha. Kana gochuudhaan ammoo galmoonni imaammata dhimma alaa fi nageenya biyyaalessaa US ni milkaa'u. Kun ammoo Baha Giddugaleessaatti tasgabbii fi guddina diinagdee mirkaneessa,'' jedha ejensiin kun ibsa isaan.

Masriin meeshaa waraanaa kana argachuuf waliigaltee kontiraataa kan seente kubbaaniyyaa imalaa fi ittisa qilleensarraa US kan ta'e RTX Corporation waliini.

Mootummaan US gurgurtaan meeshaa waraanaa kun akka raawwatamu beekamtii kennuun kanas Kongiresiif ibseera.

Kongiresiin waliigaltee kana mirkaneessinaan Ameerikaan hojjettoota 16 fi kontiraaktaroota 34 waliin gara Masrii ergiti.

Namoonni kunneen yeroo dheeraaf leenjii kennaa akkasumas tajaajila teeknikaa fi loojistikii kennaa waliin turu.

Mudde 2024 bara bulchiinsa Pirezidant Joo Baayidan, US meeshaalee waraanaa doolaara Ameerikaa biiliyoona 5 ta'an Masiriif akka dhiyeessu mirkaneessee ture.

Waliigalteen kun taankiiwwan- M1A1 Abraham tanks jedhaman 555, misaa'eloota qilleensarraa lafatti gadi dhukaafaman 2,183 fi meeshaalee waraanaa kaan of keessatti hammata.

Masriin erga bara 1979 Israa'el waliin waliigaltee nageenyaa mallatteessitee as Baha Giddugaleessaa keessaa michuu cimtuu US taatee jirti.

Yeroo sanarraa eegaluun Ameerikaarraa deeggarsa humna waraanaa argachaa jirti.

Haata'u malee dhiheenya kana hariiroon Masrii fi Chaayinaan gidduutti waan cime fakkaata.

Chaayinaan Eblaa fi Caamsaa darbe keessa shaakallii waraanaa isa jalqabaa Masrii waliin gaggeessiteetti.

Maqaan ''Eagles of Civilization 2025'' jedhamu kan kennameef humni qilleensaa biyyoota lameenii torban lamaaf walitti aansuun waliin leenjiirra turan.

Humni waraanaa Masrii shaakallii fi leenjii humna qilleensaa kanaan ''hariiroo Chaayinaa fi Masrii daran kan cimsuu fi babal'siuudha,'' jechuun jajeera.