Itoophiyaan 'doorsisa irra deddeebii Masriitti' akka xiyyeeffannoo kennu UN gaafatte

Itoophiyaan ‘’himannaa irra deddeebii bu’uura hinqabne’’ Masrin Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti barreessitu akka mormitu beeksiste.

Xalayaa Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti barreessaniin Masrii waan hin jirre uumaa jirti jechuun himataniiru.

Xalayaa Itoophiyaa BBC’n arge ‘’Manni Maree Nageenyaa doorsisa Masriin faallaa chaartara Biyyoota Gamtoomaniin Itoophiyaarratti tarkaanfii humnaa fudhachuuf taasistu qalbifachuu qaba,’’ jedheera.

Masriin xalayaa Fulbaana 01, 2024 UN’tti barreessiteen sababii Hidha Haaromsaan 'qooda bishaan ishee mirkanneessuudhaaf tarkaanfii barbaachisu fudhachuudhaaf mirgan qaba' jetteetti.

Eegasii booda ture Itoophiyaan xalayaa deebii Fulbaana 06,2024 barreessiteen Masriif deebii kan kennite.

‘’Masriin adeemsa diinummaafi fedhii hin amansiisne dhaabuun qajeeltoowwan seera idil-addunyaa hordofuu qabdi,’’ jedheera xalayaa Itoophiyaan barreessite.

Biyyoonni lamaan ijaarsa laga dheeraa addunyaa, Abbayyaarratti, Itoophiyaan ijaartuun waggoota kudhanii oliif muddama seenaniiru.

Masriin hidhi Haaromsaa Itoophiyaan xumuraa jirtu hamma bishaanii na duraa xiqqeessa jechuun yaaddoo himatti.

Itoophiyaan immoo daangaa ishee keessatti qabeenya uumamaa qabdu fayyadamuuf seerri ishee dhorku akka hin jirreefi hidhi ijaaramaa jiru ibsaa maddisiisee gadi akka yaa’u deebisti.

Biyyoonni lamaan akka waliigalteerra gahan mariin qaamoleen garagaraa waggootaaf adeemsisaa turan ija hin godhanne.

Mariin milkaa'uu dhabuu isaa kanaafis qaamoleen lamaan wal himatu.

Kana dura jaarsummaa Gamtaa Afrikaa fi marii qaamoleen sadan; Itoophiyaa, Masriifi Sudaan gidduu adeemaa ture ija hin godhanne.

Waggaa baranaa Mudde keessa Masriin marii biyyoota sadan taasifamaa ture keessaa ifatti of baasuu kan ibsite.

Mariin kunneen akka gufatu kan godhe Masriidha jechuun Itoophiyaan himatteetti.

Faallaan garuu Masriin qorannoo maleefi biyyoota yaa’a gadiif osoo hin dhimmiin pirojektoota laga Abbayyaarratti hojjette jette Itoophiyaan.

Itoophiyaan waan daangaa ishee keessa ijaaraa jirtun Masriin akka yaadda'u hin qabne ibsiti. Yaada kana cimsuufis waan Masriin ijaaraa jirtu eerte.

‘’Itoophiyaan, ifatti, itti fayyadamni bishaanii yookiin pirojektiin Masrii keessa jiru qooda bishaan Naayil irratti dhiibbaa homaatuu hin qabu,’’ jetteetti.

Ta'us, kuni ''Masriin mirga seenaa keessatti qaba jettu itti fufsiisuu qofaarratti akka xiyyeeffatte kuni ragaadha,’’ jedha xalayaan Itoophiyaan barreessite.

Xalayaan kuni qorannoon dhiibbaa Hidha Haaromsaa ekispartoota Masriin dabalatee xiinxalamuufi rakkoo akka hin qabne hubatamuu ibsa.

Dubbii Ministirri Muummee Masrii dubbatan jette dabalatee Masriin ‘’waliigaltee bara koloniitti’’ cichiteetti jechuun Itoophiyaan himatteetti.

Faallaan garuu Itoophiyaan waliigalteerra akka gahamu tarkaanfii fudhataa turuu xalayaa kana keessatti eerameera.

Itoophiyaan qajeeltoowwan bara 2015 biyyoota sadii irra gahame hojiirra oolchuu, akkasumas bishaan yeroo guuttu qajeelfama gartuu teknikaa biyyoota sadaniin lafa taa’e kabajuu himte.

‘’Waliigalteerra gahameen Itoophiyaan Sudaan waliin daataa qoodaa jirti,’’ jedheera ibsi bahe.

Itoophiyaa Hidha Haaromsaarratti marii Gamtaa Afrikaa jala yookiin Waliigaltee seeraa CFA jalatti mari’achuuf fedhii akka qabdu ibsiteetti.

Booda kana keessumaa Masriin Somaaliyaa waliin waliigaltee waraanaa seenuun xiyyaarota waraanaa gara ollaa Itoophiyaa Somaaliyaa ergiteetti.

Dhimma kanaan kan mufatte Itoophiyaan aangawoonni Somaaliyaa 'qaamolee alaa waliin ta'un Gaanfa Afrikaa jeequmsatti galchuuf sosso'aa jiru' jechuun himatteetti.

Tibbana Ajajaan Waraana Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa Masriin ''durii qabee diina Itoophiyaati'' jechuun waamaniiru.

Itoophiyaan waliigaltee ulaa galaanaa bulchiinsa Somaalilaand Somaaliyaan qaama kiyya jettu waliin mallatteessuun Somaaliyaa waliin wal ishee dhabsiiseera.

Eegasii booda ture Somaaliyaan biyyoota Itoophiyaa waliin hariiroo gaarii hin qabne kanneen akka Masrii waliin hariiroo kan jabeessite.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad tibbana dubbii taasisaniin qaamni Itoophiyaa weeraruuf abjotu dursee 'si’a kudhan' yaaduu qaba jechuun akeekkachiisaniiru.

Ministirri Muummee Abiy biyya Itoophiyaa weeraruuf yaadde jedhan maqaan hin eerre.

Dubbiin isaanii garuu yeroo Gaanfa Afrikaatti muddamni hammaatee jirutti dhagahame.

Maaliif wal dhabsiisaa ta'e?

Gaaffii kana deebisuuf fedhii biyyoota sadanii hubachuun barbaachisa.

Itoophiyaan ummatashee %60 ta'u ammallee dukkana keessa jiraniif elektiriikii maddisiisuuf hidha kana ijaaraa jirti. Biyyoota ollaafis gurgurti.

Masriin immoo bishaan ishee barbaachisuu hundaaf Laga Abbayyaa kanarratti hirkatti.

Bishaan kana mana keessaafi qonnaaf, keessumaa ammoo kan bishaan hedduu gaafatu jirbii omishuuf akka ishee barbaachisu dubbatti.

Sudaanis bishaan ishee barbaachisu keessaa gara caalu bishaan Laga Abbayyaa kanarratti hirkatti.

Biyyoonni lamaan Hidhi Laga Abbayyaa kun Itoophiyaan hanga bishaan isaan argatan akka to'attuuf ishee gargaara jechuun yaaddoo qabu.

Kanatti ALI erga bara 2011 ijaarsi isaa jalqabeetii Hidhaan Laga Abbayyaa kun madda waldhibdee biyyoota sadanii ta’eera.

Waligalteen bara 1929 (waliigaltee kan bara 1959 waliin) Masiriifi Sudaaniif bishaan Laga Abbayyaa hundatti akka fayyadaman mirga kennaaf.

Waliigalteen durii kun pirojektoota kamiyyu biyyoota yaa'a gara oliitti (akka Itoophiyaatti) gaggeeffaman mormuuf mirga guutuu kennaaf.

Itoophiyaan ammoo waliigalteewwan dulloomaa kanaan ta'uu hin qabu jechuun Hidha kana ijaaruu jalqabde.

Masirii, Itoophiyaafi Sudaan waliigaltee haaraa bara 2015 mallatteessaniiru.

Haata'u malee, mariin Itoophiyaan Hidha kana guutachuuf bishaan Laga Abbayyaa attamiin fayyadamuu qabdi kan jedhu irra deddeebiin cabeera.