Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ajajaan waraana Itoophiyaa Masriin 'duruu diina Itoophiyaatii' jedhan
Ajajaan waraana Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa Masriin ‘'durii qabee diina Itoophiyaati’’ jechuun waaman.
Itoophiyaa waliin muddama kan seente Somaaliyaanis biyya 'diina ganamaa Itoophiyaa' jedhan waliin Gaanfa Afrikaatti sochii sirrii hin taane keesse seente jechuun qeeqaniiru.
Ajajaan waraana Itoophiyaa tibbana ayyaana hundeeffama waggaa 47ffaa Ajajaa Bahaa magaalaa Jigjigaafi Harar qophaa’erratti hirmaataniiru.
Cufinsa sagantaa kanarratti haasaa taasisaniin ‘’misoomni Itoophiyaa kan ishee gubu diinni ganamaa keenya fagootii dhuftee Somaalotaaf fira fakkaattee kaayyoo ishee ganamaa galmaan gahuuf’’ socho’aa jirti jedhan.
Sagantaa kanarratti Fiild Maarshaal Birhaanu Juulaa maqaa ‘’diina ganamaa Itoophiyaa’’ jedhan hin dhoofne.
Haa ta’u malee, sagantaa eebba kitaabaa seenaa Ajajaa Bahaa eeruurratti 'duruu diina Itoophiyaati' jechuun maqaa Masrii ifatti eeraniiru.
Keessumaa ‘’Masriin diina ganamaa Itoophiyaati. Seenaa keenya guutuu keessatti nuun dadhabsiisuun hojii hunda kan hojjetan isaanidha.
‘’Ertiraa kan fottoqsan, galaanarraa akka fagaannu kan godhan isaanidha,’’ jechuun TPLF dabalatee humnoota siyaasaa Itoophiyaa kaan 'kan uuman' isaanidha jechuun dubbatani.
Hidhattoota WBO kan mootummaan Shanee jedhuufi hidhattoota Fannoo Naannoo Amaaraatti mootummaa lolaa jiran tumsaa jiru jechuunis himataniiru.
Dubbiij ajajaa waraana Itoophiyaa kuni kan dhagahame dhihoo xiyyaaronni waraanaa Masrii Somaaliyaa qubachuun Gaanfa Afrikaatti muddama erga hammeesse boodadha.
Masriifi Somaaliyaan waliigaltee waraanaa erga tolfatan booda Masriin meeshaa waraanaa Somaaliyaatti ergiteetti.
Kunimmoo Itoophiyaafi Somaalilaand kan waliigaltee ulaa galaanaa waliin tolfatan haalaan mufachiise.
Itoophiyaan humna nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaa jalatti Somaaliyaatti bobba’e humna biraan bakka buusuf yaaliin taasifamu ''balaan kan guutamedha'' jechuun ''yaadda’uu'' ibsiteetti.
Itoophiyaan ibsa keessatti ‘’qaamolee kaan’’ jechuun Gaanfa Afrikaa jeequuf tarkaanfii fudhataa jiru jechuun ibsite maqaa hin dhoofne. Haala kamiin akka ta’es hin dubbanne.
Mootummaan Somaaliyaa ''qaamolee alaa waliin ta'un naannicha jeequuf'' sochiitti jira jechuunis Itoophiyaan himatteetti.
'Baandaa keenyatu nu rakkise'
Fiild Maarshaal Birhaanuun Masriin Somaaliyaa keessa sochii taasisuun Itoophiyaa waliin lola kallattii hin seenani jedhan.
‘’Masriin Moqadishoo waan dhufeef gara Itoophiyaa waraana bana jedhee kan yaadu yoo jiraate gowwaadha. Isaan kana hin godhani. Inumaa Itoophiyaa waliin moo?
‘’Si’aa sadii si’a afur yaalanii mo’amanii hin danda’amu jedhanii deemaniiru,’’ jedhan.
‘’Harka jalaan loluu barbaadu. Harka jalaan Itoophiyaa loluun [garuu] amma ni cima. Akka durii miti. Harka jalaanis, kallattiinis haa dhufu humni Itoophiyaa cimaadha.
‘’Nuun kan nu rakkise baandaa keenyadha,’’ jechuun dubbatani.
Humnoota biyya keessaa maqaan hin dhoofne'' baandaa'' jedhanii waamaniin "Ajandaa diinota ho’isanii hojjechaa jiru" jedhaniiru.
Gama kaaniin Masriin dhimma Hidha Abbayyaan walqabatee qooda bishaankoo mirkaneessuuf ‘’tarkaanfii fudhachuurra duubatti hin deebi’u’’ jechuun xalayaa akeekkachiisa fakkaatu UN’tti galchiteetti.
Masriin waraanni ishee nagaa akka kabachiisuuf Somaaliyaatti akka bobba’u gaafachuu ishee Gamtaan Afrikaa ibseera.
Somaaliyaan loltoonni Itoophiyaa bahanii loltoonni Masrii Somaaliyaa akka seenan barbaaduun ishee Itoophiyaa mufachiiseera.
Somaaliyaan Itoophiyaa waliin amantiin, aadaan fi afaaniin tokkodha kan jedhan Fiild Maarshaal Birhaanuun ‘’aangawoonni Somaaliyaa bulchan diinota Itoophiyaa fagoodhaa harkisanii fidaa ummati obbolaa ta’an lamaan akka wallolaa jiraatan,’’ carraaqqii taasisu jedhan.
Ajajaan waraana Itoophiyaa Somaaliyaan ‘’diinota ganamaa Itoophiyaarraa deeggarsa faayinaansii, leenjiifi meeshaa waraanaa fudhachaa si’a sadii ol biyya keenya weerarteetti,’’ jechuunis waraana kana dura ture eeran.
Aangawoonni Somaaliyaa ‘’imaammata daangaa babal’ifannaa qopheessanii’’ Itoophiyaa weeraruuf carraaqqiin irra deddeebiin taasisanis osoo hin milkaa’in hafaniiru jechuunis himan.
Ta’us, biyya Somaaliyaa ‘’rakkoorra buusanii waggoota 30 ol maraammartoo keessa galchaniiru,’’ jedhan.
Waggoota 30 darban mootummaa giddugaleessaa Somaaliyaa laafee ture cimsuuf Itoophiyaan loltoota ishee Somaaliyaa keessa galchuun gartuuwwan shororkeessitootaa lolaa turuu ishee Fiil Maarshaal Birhaanuun yaadachiisaniiru.
Somaaliyaan tasgabbaa’un Itoophiyaaf carraa gaariidha jechuun waraanni Itoophiyaa Somaaliyaa tiksuuf aarsaa guddaa kanfaluu eeran.
‘’Shororkeessaa lolaa loltuu lubbuu isaa aarsaa godhee aangoo isaanii mirkaneesse akka waraana diinaatti yeroo balaaleeffatan dhagahun nama qaanessa,’’ jedhan.
‘’Tibbana bulchiinsi Somaaliyaafi ummati garaagara ta’un isaanii mul’ateera,’’ jechuun waraanni Masrii Somaaliyaatti bobba’un mormiiin akka isa qunname dubbataniiru.
Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan "naannicha tasgabbii dhabsiisuuf yoo yaalame karoora keenyaan, dirree keenyaatti injifachuun dantaa biyya keenyaa tiksuuf qophii ta’uu keenya ummata biyya keenyaaf mirkaneessuun barbaada’’ jedhan.
"Tilmaama dogoggoraatiin warreen qoccolaatti seenaniif, birmadummaa keenya kabachisuuf sadarkaa danda’uun qophii cimsinee akka ittifufnu isin hubachiisun fedha."