Waraanni Masirii Somaaliyaatti bobbaafamuun maal agarsiisa?

Waligaltee waraanaa Masiriifi Somaaliyaan dhiyeenya taasisan hordofee xiyyaarri waraanaa Masirii lama qondaalota waraanaafi meeshaalee waraanaa qabatee magaalaa guddoo Somaaliyaa, Moqaadishoo qubachuun gabaafamaa ture.

Kun ammoo waligalteen waraanaa sun gara hojiitti hiikamuu akka jalqabe ibsa. Tarkaanfiin kun loltoota Masirii qama ergama haaraa Gamtaa Afrikaa Somaaliyaa kan Somaaliyaatti Ergama Ce’umsaa Gamtaa Afrikaa (ATMIS) Amajjii 2025 bakka bu’uun bobbaffamuuf jiran dursee ta’edha.

Gochi kun wal dhabdee ijaarsa Hidha Haaromsa Guddicha irratti Masrii waliin qabaniifi waliigaltee wal hubanna Somaalilaand waliin dhimma ulaa galaanaa irratti taasifteen Somaaliyaa waliin waldhabdee uumamen wal qabatee muddamni Gaanfa Afrikaatti dabaaleera

Masriin xiyyaarota waraanaa gara Somaaliyaa erguun callistetuma utuu hin taane, Itoophiyaa waliin waraana banuuf sochii eegalame ta’uu isaatin soda guddaa uumera.

Gama biraan ammoo, Masiriin deeggarsa Somaaliyaan gaafatte kennuufi nageenya biyyaalessaafi dantaa isaanii, keessumaa imaammata alaa dhimma Galaana Diimaa naannicha keessatti hojiirra oolchuuf akka ta’etti kanneen ibsanis jiru.

Waliigalteen kun fedhiin alaa Gaanfa Afrikaa, keessattuu Turkiifi Yunaayitid Arab Emiretis guddachaa dhufuu isaatiin dhiibbaa ji’oopoolitiksi irrattis kan xiyyeeffatamedha.

Kaayyoon Masirii maali?

Waggoota darbanitti Masriin tumsa waraanaafi nageenyaa biyyoota Afrikaa waliin qabdu babal’isuuf carraaqqii gochaa turte. Kunis imaammata alaa guutuu ardichaa keessatti rawwaataman kanneen akka marii Hidha Laga Abbay dabalatee, waraana Sudaan keessatti geggeeffamaa jiruufi dhiheenya kanammoo doorsisni Huutiin dooniiwwan Galaana Diimaa irratti geessisu dabalaa dhufuun walqabtee dhiibban biyyatti laafaa ta’uu isaatiini.

Mul’anni waliiglteefi walta’iinsa haaraa Masrii biyyoota akka Yugaandaa, Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo, Kaameeruun, Keeniyaa, Sudaan Kibbaa, Rippabiliika Giddugaleessa Afrikaa, Jibuutii, Ertiraa, Taanzaaniyaa, Somaaliyaa fi Naajeeriyaafaa kan hammate ta’uun ibsameera.

Masriin dhimma keessoo biyyoota biroo keessa seenuu gosa kamiyyuu ykn ejjennoo gosa kamiyyuu kan abbaa biyyummaafi birmadummaa biyyaa sanii sarbu mormiti, yeroo baay'ee waldhabdeen mariifi tumsaan akka furamuuf gaafachaa turuu ibsiti.

Kunis waldhabdee Somaaliyaan Itoophiyaa waliin qabdu kan waliigaltee humna galaanaafi buufata galaanaa Somaalilaand kan akka biyya walabaatti of ilaaltu waliin taasifte irratti deebii kennuun giddu seenuun mul’ateera.

Gabaasni tokko tokko akka jedhanitti, Itoophiyaan ''Galaana Diimaa bira ga'uuf hawwii guddaa qabaachuun ishee'' buufata waraana galaanicha irratti ijaaruu dandeessi jechuun Masrii yaaddeesseera.

Kun ammo Su’iiz Kaanaal daandii daldalaa murteessaafi madda galii ijoo Masrii ta'e irratti balaa uumuu mala soda jedhu kaasera.

Baatii Amajjii darbee Pirezidaantiin Masrii Abdul Fattah Al-Sisiin pirezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mahmuud waliin ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, biyyi isaanii Somaaliyaas ta’e nageenya ishee irratti balaa kamuu akka hin hayyamne kan dubbatan yoo ta’u, ergaan kun Itoophiyaaf akka jedhametti ilaalama.

Ji’oota itti aananiif balaliin kallattiin Kaayiroo fi Moqaadishoo gidduutti eegaluu, Imbaasiin Masrii Moqaadishootti deebi’ee banamuufi pirezidaantiin Somaaliyaa ji’a kana keessa yeroo lammaffaaf Kaayirootti daawwannaa taasisuu dabalatee, Masriifi Somaaliyaa gidduutti hariiroon dippilomaasii cimee kan mul’ate yoo ta’u, yeroo kanattis biyyoonni lamaan waliigaltee tumsa waraanaa waliif mallatteessaniiru.

Itoophiyaan maaliif rifatte?

Xiyyaaronni waraanaa Masrii gara Moqaadishoo seenuu isaanii hordofuun, Itoophiyaan Somaaliyaan humnoota "dantaa biyyaa ishee balaadhaaf saaxiluu danda'an" osoo addatti maqaa Masrii hin kaasne akka hin keessummeessine akeekkachiifteetti.

Gama biraatiin, Masriin Somaaliyaa keessatti waraana qubachiisuu ilaalchisee ibsa hin kennine, akkasumallee qeeqa Itoophiyaaf deebii hin kennine.

Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Taayyee Aktse Sillaasee Itoophiyaan hidhattoota al-Shabab irratti “waldhibdee fi lola waloo hammeessuudhaaf” kutannoo akka qabdu cimsanii ibsuun, Ergama Deeggarsa fi Tasgabbii Gamtaa Afrikaa Somaaliyaa (AUSSOM) haaraa keessaa akka hin baane yaaddoo qaban ibsaniiru.

Walgarrerfannaa isaan giddutti dhalate hordofee Somaaliyaan loltoonni Itoophiyaa ergama haaraa Gamtaa AAfrikaa keessatti akka hammataman hayyamuu diduun, Itoophiyaatti rifaatuu uumuun, tarkaanfiin kun ''balaan kan guutame'' jechuun ibsiteetti.

Itoophiyaan baatii Adoolessaa keessa loltoota Somaliland leenjisuu kan eegalte yoo ta’u, dhimmicha irratti deebii kenniteen "ergama nagaa eegsisuu Gamtaa Afrikaan durfamu qabaachuus ta'e osoo hin qabaatin" loltoota Somaaliyaa keessa tursiisuu ittin fufa jette.

Mallattooleen muddamni dabaluu mul'isan maal fa’i?

Somaalilaand naannoo Gaanfa Afrikaa durumaaniyyuu waggootaaf wal dhabdeen keessatti heddummatu keessatti Masriin waraana Somaaliyaa keessa qubachiisuu isheetiin yaaddoo qabaachuu ibsitee ''rakkoo nageenyaa duraanuu ture daran kan hammeessuu'' jetteetti.

Kana malees, jiraattonniifi qondaaltonni kibba lixa Somaaliyaa naannoo Bakool magaalaa Hudur jedhamtu, hiriira deggersa loltoota Itoophiyaafi mormii human waraanaa Masrii gara Somaaliyaatti bobbaasuu ba’aniiru.

Ityoophiyaa fi Somaalilaandiin waldhabdeen naannoo dabalaa akka jiru akeekkachiisudhaan, kan Kaayiroo fi Moqaadishoo lamaan isaaniif deebii ta’u, kan duraan sadarkaa ergamaarra ture, Tashoomee Shundee Somaalilaanditti ambaasaaddara guutuu Itoophiyaa taasisuun muudeetti Itoophiyaan.

Masriin dhimmaa Hidhaa laga Abbaayiif deeggartoota barbaaddachuun Ityoophiyaa irratti dhiibbaa gochuu akka barbaaddutu himama.

Muddamni Gaanfa Afrikaa Masiritti balaa akkamii fida?

Kaayyoon Masriin Gaanfa Afrikaa keessatti qabdu inni guddaan olaantummaa fi nageenya biyyaalessaa ishee gama Galaana Diimaa fi Su’iiz Kaanaaliin qabdu eegsifachuudha.

Akkasumas, biyyoota yaa’aa bishaan Naayilii fi ollaa ishee ta’an waliin hariiroo gaarii uumuun nageenya bishaanii ishee akka guddifachuudha.

Dantaan Masriin Galaana Diimaa irratti qabdu jalaa xiqqataa kan dhufe yoo ta’u, haleellaan Huutiin dooniwwaan Galaanaa Diima kan amma Si’uuz kaanaal irratti fudhatu Masriin bu’aa argachuu maltu 50%, ykn naannoo doolaara biiliyoona 5 akka dhabdu taasiseera.

Ogeessi nageenya biyyaalessa Mohaammed Abdel Waahid marsariitii Qaataar waliin hidhata qabu The New Arab jedhamu tokkotti akka himetti, tarsiimoon Masirii Gaanfa Afrikaa keessatti fedhii nageenya biyyaa eeggachuuf yaaddoo nageenyaa "dursee ittisuudha" jedhu hordofa. Kun ammoo "warra fottoquuf fincilan, yakkawwan daangaa qaxxaamuran, dorgommii idil-addunyaafi muddama kibba Galaana Diimaarra jiru" dabalatee naannoon tarsiimawaa ta'e kun yaaddoo nageenyaa baayyeetu mudataa jiraayyu jedha ogeessi kun.

Haata'u malee, namoonni gama Itoophiyaarraan dhimma kana hordofan tokko tokko kanneen qofaadha jedhanii kan amanan hin fakkaatan. Pirezidantiin Inistitiyuutii Pablik Dippilomaasii Itoophiyaa Yaasin Ahimad marsariitii kanatti akka dubbatanitti, kaayyoon Masirii "gahee nageenya naannoo sana keessatti qabdu cimsachuufi naannicha keessatti Itoophiyaa waliin dorgomuudha jedhau.

Haalli jiru akkamiin hammaachuu danda'a?

Itoophiyaan loltoota giddu-galeessaafi kibba-lixa Somaaliyaa keessatti nageenya kabachiisan kumaan lakkaa'aman qabdi.

Loltoonni Itoophiyaa kunneen mootummaa Moqaadishoo garee milishaa al-Shabaab loluurratti gargaaraa jiru. Kun kanaan osoo jiruuti waldhabdeen kun tibbana kan uumame.

Yaadawwan as dhiyoo kana aanga'oota Itoophiyaarraa dhaga'aman yoo loltoonni Masirii Somaaliyaatti bobbaafaman, hayyama mootummaa Somaaliyaa maleeyyu Itoophiyaan humnootashee daangaa Somaaliyaa keessa tursiisuu dandeessi.

Innumaattuu Somaalilaandiin alatti Itoophiyaan loltootashee achuma keessa tursiisuurratti salphaatti Somaaliyaama keessaa michoota salphaatti argachuu dandeessi.

Naannolee Federaalaa ja'a Somaaliyaa keessaa tokko kan ta'e Naannoon Kibba- Lixa Somaalii humnoonni Itoophiyaa akka achi keessa turan akka barbaadan ifatti dubbataniiru.

Naannoon Putilaand akkuma kana mootummaa giddu-galeessaa Moqaadisho jiru waliin atakaaroo keessa jiru. Atakaaroon kun ammoo salphaatti kan Itoophiyaan itti fayyadamtudha.

Kanaaf, hunoonni Masirii Somaaliyaatti bobbaafamuun qaamolee hundaaf gaaffii kan kaasuufi naannicha keessatti walitti bu'insa karaa ergisaan(bakka bu'umsaan) ykn kallattiin ka'uun akka dabalu taasisa.

Mootonni murteessoofi dhiibbaa uuman Gaanfa Afrikaa keessa socho'anis muddama jiruuf gahee gudda qabaachuu malu.

Waggoota dhiyoo as Galaana Diimaa keessatti gahee qabdu cimsaa kan jirtu Turkiin, bara 2017 qarqara galaanaa Sudaanitti ulaa Su'akin jedhamutti buufata humna galaanaa haaromsuufi ijaaruuf waliigaltee liizii waggaa 99 mallatteessiteetti.

Akkuma kana dhiyeenya Somaaliyaa waliin waliigaltee humna ittisaa bal'aa mallatteessiteetti.

Waliigalteen Suwiiz Kaanaal keessatti Tarkish Industiriyaal Zoonii ijaaruuf Ankaaraafi Kaayiroon tolfatanis biyyoonni lamaan fedhii Galaana Diimaarratti qabaatan akka mirkaneeffataniif isaan cimsuu danda'a.

Waggota darban keessa, Yunaayitid Arab Emireis (UAE) hariiroo Itoophiyaa waliin qabdu cimsiteetti. Kana ammoo namoonni itti dhiyeenyaan hordofan akka jedhanitti hariiroo kana Abu Daabiin "karaa" ittiin Afrikaatti seentuufi galoo Bab al-Mandab kan Galaana Diimaafi Galanaa Arabiyaa wal qunnamsiisu keessatti argamashee akka dabalu gochuuf ishee gargaara.

Hariiroon Itoophiyaan UAE waliin qabdu cimsachaa dhufuun kun ammooo michoota warra akka Masiriitiif ija shakkiin ilaalama.