Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waliigalteen waraanaa Masriifi Somaaliyaa Itoophiyaaf hangam yaaddeessaadha?
Sababa ijaarsa Hidha Haaromsa Abbayyaatiin waggootaaf Itoophiyaa waliin atakaaroo keessa kan turte Masiriin Somaaliyaa waliin waliigaltee waraanaa mallatteessuun ishee Itoophiyaa, akkasumas Gaanfa Afrikaa yaaddoo keessa galcheera.
Torban kana keessa xiyyaaronni waraanaa Masrii C-130 lama magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqaadishoo dhufuu isaaniitiin muddammni ture kan hammaate yoo ta’u, kunis waliigalteen jalqaba baatii Hagayyaa keessa daawwannaa pirezidaantiin Somaaliyaa Kaayirootti taasisaniin mallattaa’e jalqabuusaa agarsiisa.
Karoorri kun dhuma waggaa kanatti loltoonni Masrii hanga 5,000 ta’an humna Gamtaa Afrikaa bifa haaraa qabutti makamuuf kan jiru yoo ta’u, kan biraa 5,000 ammoo addatti akka bobba’an gabaafameera.
Lola milishoota al-Qaayidaa waliin hidhata qaban irratti geggeessaa jirtu keessatti michuu ijoo Somaaliyaa kan turtee fi Hidha Guddaa Laga Abbayyaa irratti ijaarte irratti Masrii waliin wal dhabdee kan qabdu Itoophiyaan, “yoo qaamooleen kaan qaxanicha tasgabbii dhabsiisuuf tarkaanfii fudhatan calliifnee ilaaluu hin dandeenyu” jetteetti.
Ministirri ittisaa Somaaliyaa ammoo deebii kennaniin, Itoophiyaan “waan facaaste ni haammatti” waan ta’eef “boo’uu” dhaabuu qabdi jedhan. Kunis hariiroo dippilomaasii biyyoota lamaan gidduu ji’ootaaf muddamaan guutamee ture kan agarsiisudha.
Itoophiyaafi Somaaliiyaan maaliif wal gaarerfatu?
Wal mufannaan biyyoota lamaan gidduutti dabalaa dhufee kan maddee erga MM Itoophiyaa Abiy Ahimad, biyyi isaanii ulaa galaanaa maluuf akka argattuuf tarkaanfii fudhataniin kan wal qabatuudha.
Itoophiyaan jalqaba bara 1990moota keessa yeroo Ertiraan walabumaashee labsite ulaa galaana qabdu kan dhabde.
Amajjii 1, 2024 ture irratti MM Abiy kan bulchiinsa Rippabiliika Somaaleelaand ofiin jettu waliin waliigaltee falmisiisaa mallatteessuun, kutaa qarqara galaanaashee kan kiiloomeetira 20 dheeratu waggoota 50f buufata humna galaanaa dhaabuuf kireessuuf walii kan mallatteessan.
Itoophiyaan ammoo deebii isaatiif Somaaliilaandiif ifatti beekamtii akka kennitu taasisuu mala, kunis dhimma Somaalilaandiin cimsitee dhiibaa jirtudha.
Somaaliiland waggoota 30 oliin dura ture kan Somaaliyaa irraa adda baate. Garuu Moqaadishoon ammalleen akka qaama daangaasheetti kan ilaaltu yoo ta'u, waliigaltichas gocha “dubbii barbaaduuti” jechuun ibsiteetti.
Somaaliyaan tarkaanfiin akkanaa kun ka'umsa ta'uun biyyoonni biroos walabummaa Somaalilaandiif beekamtii akka kennan jajjabeessuu mala jechuun sodaa qabdi jechuun ture xiinxalaan siyaasaa, Joonaataan Fentoon-Haarvii BBC'tti kan himan.
Itti dabaluun, Itoophiyaan daldala alaa galchitu irra caalaa buufata biyya ollaa Jibuutiirratti kan hirkattuu waan turteef, diinagdee buufata isheerratti miidhaa qabaachuu mala yaaddoo jedhu keessa akka turte himaniiru.
Dhugaa dubbachuuf yaaliin waldhabdee kana hir’isuuf godhameen, ministirri Dhimma Alaa Jibuutii biyyisaanii Itoophiyaaf buufata dooniishee keessaa tokko “%100” kennuudhaaf qophii ta’uu BBC'tti himaniiru.
''Buufata doonii Tadjoura, kan daangaa Itoophiyaa irraa 100km fagaate ta'a,'' jechuun ture Maahmuud Alii Yuussuuf BBC Focus on Africa TV'tti kan himan.
Kun jijjiirama ejjannoo ta’uunsaa hin oolu, sababii yeroo darbe gorsaan pirezidaantii olaanaa tokko Jibuutiin ollaasheef Galaana Diimaa daangeffama malee akka seentu gochuu irraatti akka of qabaa turte dubbataniiru ture.
Hanga ammaatti muddama uumame tasgabbeessuuf yaaliin godhamaa ture. Yaaliin Tarkiin taasifames, erga Somaaliyaan hanga Itoophiyaan Somaaliilaand daangaa ishee ta'uu beekkamtii kennitutti mari'achuu akka hin barbaadne diduu hordofee fashalaa'e.
Itoophiyaan maaliif deebii Somaaliyaatiin aarte?
Somaaliyaan diina Itoophiyaa Naayilii kan taate Masrii gara dhimmichaatti fiduu qofa osoo hin taane, loltoonni Itoophiyaa Ammajjii dhufu irraa eegalee qaama humna Gamtaa Afriikaa akka hin taane beeksisteetti.
Kunis yeroo hojiin deeggersi nagaa Gamtaa Afriikaa marsaa sadaffaan eegaludha. Inni jalqabaa bara 2007 erga loltoonni Itoophiyaa milishoota Islaamummaa al-Shabab, kanneen magaalaa guddoo Somaaliyaa to’atan, loluurratti gargaaruudhaaf daangaa qaxxaamuruun seenanii booda 2007 keessa ture.
Amma Gamtaa Afriikaa jala yoo xiqqaate loltoonni Itoophiyaa 3,000 akka jiran ejensiin oduu Rooyitars gabaaseera.
Torban darbe Ministirri Muummee Somaaliyaas Itoophiyaan, yoo waliigaltee Somaaliilaand waliin taasifte kan haqxu ta'een alatti, loltootashee 5,000-7,000 kanneen waliigaltee biraatiin naannolee biyyattii garaagaraa keessa buufatan baasuu qabdi jedhanii turan.
Itoophiyaan akka ministeerri dhimmaa alaashee jedhetti, “aarsaa loltoonni Itoophiyaa kaffalaniif” Somaaliyaan akka fuulsaanii kabalteetti ilaala jedhe.
Baafamuun loltoota Itoophiyaan ammoo haleellaa jihaadistootaaf akka saaxilamtuus taasisa jechuun, qorataan olaanaa dhaabbata Rooyaal Yunaayitid Sarvisii Inistiitiyuutii Kiriistoofar Hooknii BBC'tti kan himan.
Loltoonni Masrii daangaa bahaashee irratti bobbaasuuf karoorfames Itoophiyaan addatti sodaa akka qabaattu taasisa jedhan itti dabaluudhaan.
Masriin Hidha Abbayyaa Itoophiyaa, kan lixa biyyattiitti argamu, akka balaatti ilaaluun, yoo nageenyishee balaadhaaf kan saaxilamu ta'e “tarkaanfii” akka fudhattu kanaan dura akeekkachiiftee turte.
Hidhi Giddichii Laga Abbayyaa maaliif madda falmii ta'e?
Masriin Itoophiyaan ijaarsa Hidha Haaromsa Guddichaatiin dhiyeessii bishaaniishee miidhaa jirti jechuun himatti.
Ijaarsi Hidha kanaa kan bara 2011 Laga Abbaayyaa kaaba-lixa, bakka bishaan Laga Abbayyaa %85 irraa yaa’u irratti eegalame.
Masriin Itoophiyaan fedhiifi mirga, akkasumas nageenya bishaan biyyoota yaa’a gadii 'tuffachuudhaan' ijaarsa pirojekticha xumuuruuf fuulduratti dhiibde jette.
Akkasumas, bishaan Laga Abbayyaarraa dhufu %2 hir’isuun lafa jallisii naannoo Hektaara 81 dhabuu akka dandeessu falmti.
Itoophiyaaf Hidhi kun ummata %60'f humna ibsaa omishuufi dhaabbilee daldalaaf dhiyeessii ibsaa walirraa hin cinne argamsiisuun biyyattii jijjiiruutti ilaalama.
Hidhichi akkamitti hojjechuu akka qabu - akkasumas bishaan hangam gara Sudaanii fi Masriitti gara gadiitti akka yaa’u murteessuuf tattaaffiin dippilomaasii yeroo dhiyootti godhame Muddee darbe addaan citeera.
Hangam yaaddessaadha?
Masriin waliigaltee waraanaa Somaaliyaa waliin qabdu, akka jecha Pirezidaantii Masrii Abdul Fattaah al-Sisiitiin jedhanitti, akka “seenaa qabeessaa” ta’etti ilaalti. Akkasumas, carraa dhimma Hidha Guddaa irratti qubsiisuu ittiin dandeessi.
Dhugumattis waldhabdeen dhimma Abbayyaa Somaaliyaa keessatti akka gaariitti taphachuuf tooftaadha jechuun akeekkachiisu, Dr Hassan Khannenje, Daayreektarri Dhaabbata Qorannoo Tarsiimoo Idil-addunyaa Gaanfa Afriikaa.
Looltoonni Itoophiyaafi Masrii daangaa Somaaliyaa irratti yoo wal argan, “waldhabdee mootummoota lamaan gidduutti sadarkaa gadi aanaa” ta'e uumuu danda’a.
Somaalilaand gamasheetiin Masriin buufata waraanaa Somaaliyaa keessatti hundeessuun, naannicha tasgabbii dhabsiisuu akka danda’us akeekkachiifteetti.
Itoophiyaas ta'e Somaaliyaan rakkoo keessoo dhunfaasaanii qabu. Itoophiyaan naannolee garaagaraa keessatti hidhattoota sadarkaa gadaanaa kan qabdu yoo ta'u, Somaaliyaan ammoo gaaga'ama waraana biyya keessaa waggoota 30f ture irraa dandamachaa jirtulleen, ammalleen al-Shabab waliin wal waraanaa jirti.
Ogeeyyiin, biyyoonni lamaaniyyuu, sababii waraanni godaansa biraa fiduunsaa hin oolleef, lola gara biraa gaggeessuu hin danda'an jedhu.
Dr Khannenjeen BBC'tti akka himanitti, waldhabdeen uumamnaan, qaamoolee gara biraa harkisuudhaan siyaasa (ji'oopoolitikaa) Galaana Diimaa daran walxaxaa taasisuufi daldala addunyaa haalaan miidhuu danda'a.
Waggaatti yoo xiqqaate dooniiwwan 17,000 ta’an karaa ulaa Suwiiz Kaanaal keessa darbu.
Akka hordooftoota tarree doonii Lloyd ibsuuttis, daldala addunyaa waggaa keessaa kan %12 ta'u fi meeshaalee doolaara tiriliyoona tokkoo (£842bn) ta’u karaa Galaana Diimaa keessa darba.
Sababa kanaatiif, biyyoonni akka Sa’ud Arabiyaa, Yunaayitid Araab Emireet (UAE) fi Tarkiin, biyyoota Afrikaa kan akka Somaaliyaa Galaana Diimaa waliin wal daangessan waliin tumsa uumuuf fedhii guddaa kan qaban.
Akka Aab Haarviin jedhanitti, Tarkii fi UAEn ammoo gidduu seenuun araarsuuf carraa gaarii qabu.
UAEn fakkeenyaaf Buufata Barbaraa Somaliland irratti baayyee invastimanti kan goote yoo ta’u, Itoophiyaattis sababii invastimanti gochaa jirtuuff dhaggeettii ykn dhiibbaa guddaa qabdi.
Ammaan tanas iji hundaatuu dhiibbaa dippilomaasii ittaanu Tarkiin kan Itoophiyaa fi Somaaliyaa waliin hidhata qabdu irratti ta'a. Mariinis walakkeessa baatii Fulbaanaa keessa akka eegaluu eegamaa jira.