Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraanni Masirii Gaanfa Afrikaaf yaaddoo yoo ta'u callisee hin ilaalu - Somaaliilaand
Bulchiinsi Somaalilaand Itoophiyaa waliin waliigaltee ulaa galaanaa mallatteessite waraanni Masrii Somaaliyaa keessa bobbaafamu cimsitee mormite.
‘’Mootummaan Rippablika Somaalilaand waraanni Masrii tibbana Somaaliyaatti bobbaafamuu cimsee morma,’’ jedheera Ministeerri Dhimma Alaa bulchiinsichaa ibsa baasen.
Xiyyaaronni waraanaa Masrii meeshaa waraanaa fe’an jalqaba torban kana Somaaliyaa qubachuu isaanii hordofee Itoophiyaanis yaaddoo jabaa ibsiteetti.
Yaaddoowwan kanaaf gama Somaaliyaatii ammatti wanti jedhame hin jiru.
Somaalilaand murteen akkanaa nagaafi tasgabbii Somaaliyaa akkasumas Gaanfa Afrikaa bu’uura kan godhate ta’uu qaba jechuun ‘yaaddessaadha’ jette.
Sochiin kuni yaaddoo nageenyaa duruu ture ‘’ittuu hammeessa’’ jechuun ibsi Ministeera Dhimma Alaa Somaalilaandiin bahe ibseera.
‘’Haala kamiinuu waraana alaa [biyya] ollaa Somaaliyaa keessa qubachiisuun naannicha jeequmsatti geessa, yaalii nagaa buusuu laaffisa, akkasumas muddama guddisuun balaa hamaatti geessa,’’ jedhe.
Somaalilaand waggoota 30 dura Somaaliyaarraa fottoquun walabummaa labsatteetti.
Ammoo beekamtii idil-addunyaa hin qabdu. Somaaliyaan garuu akka qaama isheetti ishee ilaalti.
Bulchiinsi Somaalilaand waraanni alaa Somaaliyaa keessa qubachuun nageenya ummata isheef akka ishee yaaddessus ibsiteetti.
‘’Adeemsa hamaa Masrii kana hawaasni idil-addunyaa atattamaan akka balaaleeffatu waamicha taasifna,’’ jedheera ibsi bahe.
Bulchiinsi Somaalilaand ‘’tarkaanfii nageenya ishee [aarsaa guddaan] mirkanaa’efi tasgabbii naannichaa yaaddorra buusu callistee hin ilaaltu,’’ jetteetti.
Ibsi bulchiinsa Somaalilaand ejjennoo Itoophiyaan guyyaa Roobii ibsiteen wal fakkaata.
Itoophiyaan humna nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaa jalatti Somaaliyaatti bobba’e humna biraan bakka buusuf taasifamu ''balaan kan guutamedha'' jechuun ''yaadda’uu'' ibsiteetti.
Itoophiyaan ibsa keessatti ‘’qaamolee kaan’’ jechuun Gaanfa Afrikaa jeequuf tarkaanfii fudhataa jiru jechuun ibsite maqaa hin dhoofne. Haala kamiin akka ta’es hin dubbanne.
Dubbiin Itoophiyaa garuu waraanni Masrii guyyaa Kibxataa waggoota dheeraa booda meeshaalee waraanaa Somaaliyaatti erguun isaa erga gabaafame booda dhagahame.
Itoophiyaan mootummaan Somaaliyaa ''qaamolee alaa waliin ta'un naannicha jeequuf'' sochiitti jira jechuun himatteetti.
Itoophiyaafi bulchiinsi Somaalilaand karra ulaa galaanaa argachuuf waliigalteen walakkeessa waggaa baranaa seenan, Itoophiyaafi Somaaliyaa wal dhabsiiseera.
Kana hordofuun Somaaliyaan biyyoota Itoophiyaa waliin haariiroo gaarii hin qabne kanneen akka Masriifi Ertiraa waliin hariiroo cimsateetti.
Aangawoonni Somaaliyaa irra-deddeebiin akka ibsaa jiranitti, Itoophiyaan yoo waliigaltee Somaalilaand waliin seente adda kutte malee humna nagaa kabachiisaa kan Gamtaa Afrikaa bakka bu’u keessa hin seentu.
Itoophiyaan immoo al-Shabaab yaaddoo Somaaliyaa qofa miti, Somaaliyaa ijaaruu keessattis ''aarsaa'' guddaa kanfaluu ibsaa turte.
Dhimmi egeree nagaa kabachiisaa Somaaliyaatti bobbaasuu waan mootummaan Somaaliyaa qofaatti murteessu akka hin taanes himaa turte.
Ergamni humna nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaa jalatti sosso’u (ATMIS) Mudde 2024 keessa xumurama.
Ergamni haaraa hundaa'u aarsaafi gumaacha biyyoota Somaaliyaa gad-dhaabuuf hojjetan dagatuu hin qabu jechuun Itoophiyaan gaafachuun ni yaadatama.