Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaan 'qaamolee kaan Gaanfa Afrikaa jeequf sosso'an callisee hin ilaalu' jette
Itoophiyaan humna nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaa jalatti Somaaliyaatti bobba’e humna biraan bakka buusuf taasifamu ''balaan kan guutamedha'' jechuun ''yaadda’uu'' ibsite.
Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa baaseen Itoophiyaafi Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) osoo ce’umsa kanaaf qopha’aa jiranii naannichi ''haala hin baramnetti seenaa jira'' jedheera.
Dubbiin Itoophiyaa kuni waraanni Masrii guyyaa Kibxataa waggoota dheeraa booda meeshaalee waraanaa Somaaliyaatti erguun isaa erga gabaafame booda dhagahame.
Itoophiyaan ibsa keessatti ‘’qaamolee kaan’’ jechuun Gaanfa Afrikaa jeequuf tarkaanfii fudhataa jiru jechuun ibsite maqaa hin dhoofne. Haala kamiin akka ta’es hin dubbanne.
Ta'us, mootummaan Somaaliyaa ''qaamolee alaa waliin ta'un naannicha jeequuf'' sochiitti jira jechuun himatte.
Biyyoota hidhattoota al-Shabaab ofirraa qolachuufi mootummaa Somaaliyaa tumsuuf waraana bobbaasan keessaa tokko kan taate Itoophiyaan, yaaddoon keenya ‘’dhageettii hin arganne’’ jechuun ibsite.
Itoophiyaafi bulchiinsi Somaalilaand karra ulaa galaanaa argachuuf waliigalteen walakkeessa waggaa baranaa seenan, Itoophiyaafi Somaaliyaa wal dhabsiiseera.
Kana hordofuun Somaaliyaan biyyoota Itoophiyaa waliin haariiroo gaarii hin qabne kanneen akka Masriifi Ertiraa waliin hariiroo cimsateetti.
Aangawoonni Somaaliyaa irra-deddeebiin akka ibsaa jiranitti, Itoophiyaan yoo waliigaltee Somaalilaand waliin seente adda kutte malee humna nagaa kabachiisaa kan Gamtaa Afrikaa bakka bu’u keessa hin seentu.
Itoophiyaan immoo al-Shabaab yaaddoo Somaaliyaa qofa miti, Somaaliyaa ijaaruu keessattis ''aarsaa'' guddaa kanfaluu ibsaa turte.
Dhimmi egeree nagaa kabachiisaa Somaaliyaatti bobbaasuu waan mootummaan Somaaliyaa qofaatti murteessu akka hin taanes himaa turte.
Ergamni humna nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaa jalatti sosso’u (ATMIS) Mudde 2024 keessa xumurama.
Isa booda humna haaraatuu bakka bu’a. Humna haaraa kana keessa Itoophiyaan seenuun mirkana miti.
Dhimma Hidha Abbayyaan walqabatee Itoophiyaa waliin hariiroo gaarii kan hin qabne Masriin kanneen humna nagaa kabachiisaa ta’un bobba’u malan akka ta’an gabaasonni mul’isu.
Masriifi Somaaliyaan waliigaltee waraanaa mallatteessuu isaanii erga dhihoo labsan booda torban kana guyyaa Kibxataa xiyyaaronni waraanaa Masrii lama meeshaa waraanaa fe’an Moqadiishoo qubataniiru.
Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa baasen ‘’Itoophiyaan ibsawwan diinummaa [mul’isan] akka callistu, aarsaa Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa akka itti dhiiftu eegamaa jirti,’’ jechuun ibsite.
‘’Yeroo qaamonni kaan naannicha jeequuf tarkaanfii fudhatanitti Itoophiyaan calliftee hin ilaaltu,’’ jechuun ibsite.
Mootummaan Itoophiyaa haala Gaanfa Afrikaatti adeemaa jiruufi ‘’nageenya biyyaalessaa ishee yaaddorra buusuu malu dammaqinaan’’ hordofaa akka jirtus ibseera.
'Somaaliyaan naannicha jeequuf sosso'aa jirti'
Itoophiyaan muddama Somaaliyaa waliin seente furuuf jaarsummaa Turkiin marsaa lamaaf marii teesseetti.
Mariin marsaa lammataa waliigaltee malee xumuramuus wantoonni jijjiirama mul’isan akka mul’atanis ibsamee ture.
Nagaan kuni akka ija godhatu sosso’uurra ‘’mootummaan Somaaliyaa naannicha jeequmsatti galchuuf qaamolee alaa waliin dhoksaan wal ta’aa jira,’’ jechuun mootummaan Itoophiyaa himateera.
Mootummaan Itoophiyaa qaamota alaa jedhe maqaan hin eerre. Dhimma kana irratti gama Somaaliyaa wanti jedhame hin jiru.
Xinxaltoonni kana dura BBC'n dubbise garuu waraanni Masrii Somaaliyaatti yoo bobba'e atakaaroon biyyoota ni cima, al-Shabaabiif immoo gaarii ta'a jedhaniiru.
Kanneen Amajjii waggaa dhufu eegalee humna nagaa kabachiisaa Somaaliyaatti bobba’u qopheessaniifi murteessan yaaddoo biyyoota naannichaafi kan waraana bobbaasan dhagahuu qabu jechuun Itoophiyaan ibsiteetti.
Kanneen ''fedhii gabaabaafi ergama hin taanef muddama uumuuf yaalan'' itti gaafatamummaa fudhachuus qabu jetteetti.
''Itoophiyaan gartuuwwan shororkeessitoota naannichaafi idil-addunyaarratti argame balaarra buusan hin obsitu,’’ jedheera ibsi bahe.
Mootummaan Itoophiyaan yaaddoo nageenyaa kana kanneen furuu barbaadan waliin dalaguuf akka fedhii qabu ibseera.