Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Angawoonni Somaaliyaa muraasni dhibdee hammeessaa jiru' - Itoophiyaa
Angawoonni mootummaa Somaaliyaa tokko tokko garaagarummaa Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduu jiru bal’isuu gochaa guyyuusaanii godhataniiru jechuun Itoophiyaan komatte.
Har’a ALI Hagayya 24, 2016 miidiyaaleef ibsa kan laatan Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaasee, waldhabdee tibbana biyyoota lamaan gidduutti hammaachaa dhuferraa dubbataniiru.
Hariiroon Itoophiyaafi Somaaliyaa, keessattuu xayyaaronni waraanaa Masrii meeshaa waraanaa fe’an jalqaba torbee kanaa Somaaliyaa keessa qubachuunsaanii erga gabaafamee booda hammaatera.
Taaticha hordofee Itoophiyaan, mootummaan Somaaliyaa ''qaamolee alaa waliin ta'uun naannicha jeequuf'' sochiitti jira jechuun himatteerti.
Kana malees, Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaasee ibsa har’a laataniin, “Mootummaan Somaaliyaa gochaa humnootii fedhii Itoophiyaa morman keessummeessuu akka dhaabu gaafanna” jedhan.
Itoophiyaan ALA 2005 irraa eegalee Somaaliyaan akka biyyaatti akka dhaabbattuuf “aarsaa hedduu kaffaluu” kan himan ministirichi, “Ijoollee keenya dhiirolii fi dubartoota kuma heddun lakka’aman aarsaa goonerra. Wanti qusanne hinjiru: lubbuu, dhiiga, dafqa, humna kennineerra” jedhan.
Haa ta’u malee yaadawwan gumaacha kana hoomaattuu osoo hin lakkaa’in xiqqeessuuf angawoota Somaaliyaan kennaman kan nama quuqan ta’uu himan. “Kuni sirrii miti, gochaa safuuti” jechuunis qeeqaniiru.
Kana malees “sochiilee qaamolee nageenya naannoo keenyaa hin barbaanne waliin taasisan dhimma callisee ilaalamu akka hintaane ilaaluu qabu” jedhaniiru.
Dabalataan angawoonni Somaaliyaa waldhibdee jiru haasaadhaan furuun hojii farra shororkeessaa Al-Shabaab haala kanaan dura tureen waliin akka hojjetan fedhii Itoophiyaa ta’uu ministirichi eeraniiru.
Biyyoota ollaaf dursa kennuu…
Imaammanni hariiroo alaa Itoophiyaa hariiroowwan biyyoota ollaaf dursa kan kennu ta’uu kan himan Ambaasaaddar Taayyeen, “biyyoota ollaa keenyaaf dursa kennina” jedhan.
Wayita rakkooleen uumaman nagahaan fi mariidhaan akka hiikaman gochuunis dhimma Itoophiyaan dursa laattuuf ta’uu dubbatan.
“Addunyaarratti gochaan qaaliin walitti bu’iinsa” kan jedhan ministirichi, “Walitti bu’iinsi uumamuusaan dura tarkaanfileen ittisaa fudhachuun dadhabsiisaa ta’us walitti bu’iinsarra filatamaadha” jedhan.
Kanaafis waldhabdeen yeroo uumamu tasgabbiifii diplomaasiin hiikuun barbaachisaa ta’uu dubbatan.
Fedhiin mootummaa Itoophiyaas garaagarummaafii waldhabdee mootummaa Somaaliyaa waliin uumaman karaa nagaan furuu akka ta’e himaniiru.
Kanaafis Itoophiyaan Ripablika Somaalilaand waliin sanada waliigaltee ulaa galaanaa erga mallatteesiteen booda waldhibdee Somaaliyaa waliin uumame furuuf Keeniyaa fi Tarkii keessatti mariif taa’uu yaadachiisan.
Mariiwwan lamaan taa’amanis “Akka hubannoo fi ilaalcha keenyaatti bu’aawwan qabatamaa kan agarsiisanidha” jedhaniiru.