Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaan Somaaliland, Hargeessatti ambaasaaddara muudde
Itoophiyaan hariiroo Somaaliland waliin qabdu caala cimsachuuf qoontsilaa Hargeessaa sadarkaa ergamaa addaatiin ture ol guddisuun ambaasaaddara guutuu muudde.
Kanaan dura Itoophiyaan waajira qootsilaa Somaaliilanditti ergamaa addaa malee ambaasaaddara hin qabdu ture.
Ambaasaaddar Teshoomee Shundee Hamiitoo Hagayya 29, 2024 xalayaa muudamaasaanii pirezidantii Somaalilaand Musee Bihiitti kennataniiru.
Ergamaan addaa kanaan dura turan ambaasaaddaraan bakka bu’uusaatiin hariiroon dippilomaasii Finfinneefi Hargeessaa gidduu ture caalaa akka cimu taasisa jedhameera.
Itoophiyaan Somaaliilanditti ambaasaaddar muuduun ishee kan dhaga’ame muddamni Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduu jiru hammaatee Masiriin gara qaxanaa kanaatti erga fideen boodadha.
Itoophiyaan Rippablika Somaaliilaand kan akka biyya walabaatti of ilaaltuutti, ambaasaadara guutuu erguunshee Waajjiri Dhimma Alaa Somaaliilaanditi beeksiise.
Ioophiyaan walitti dhufeenya Somaaliilaand waliin qabdu ni cimsa haala jedhameen qontsilaa sadarkaa ergamaa addaatiin ture kan amma amabaasaadara mudde.
Ministirri Dhimma Alaa Somaaliilaand ibsa miidiyaa hawaasaa irratti baaseen, sirna xalayaa muudamaa dhiyeeffachurratti Amabaasaadar Tashoomaan ergaa nagaa MM Abiy Ahimad pirezidantii Somaalilaandiif dhiyeessaniiru.
Ibsichi dabaludhaan, pirezidntiin Somaalilaand Museen, ambaasaadara haaraa simachuudhaan itti gaafatamummaasaanii akka bahaniif hawiisaanii ibsaniiru jedhe.
Ambaasaadar Tashomaan waiya pirezidant Muusee waliin wal arganitti, dhimma nageenyaa qaxanaa Gaanfa Afriikaa keessaa, haala walitti dhufeenya Itoophiyaafi Somaaliilaand kan daangaa waliin qooddatan itti cimsamuufi walta’insa gara fuulduraa isaaniifi lammiilee daangaa lamaanii jidduurratti mari’ataniiru.
Muudamni ambaasadaraa Itoophiyaan Somaalilaandiitti raawwatte kunis kan dhagahame adeemsa Masrii hawaasni addunyaa akka balaaleeffatuuf waamicha taasiftee guyyaa tokkoon boodadha.
Xiiyaarroonni Masriin meeshaa waraanaa fe’an Somaaliyaa seenuunsaanii erga dhagahamee torban kana keessa muddamni qaxanicha keessaa dabalaa dhufuunsaa ni yaadatama.
Kana malees, Somaaliilaand kan Somaaliiyaan akka qaama bulchiinsashee tokkootti ilaaltu, Amajjii darbe keessa erga Itoophiyaa waliin waliigaltee wal hubannoo mallaatteessiteen booda Somaaliyaa fi Itoophiyaa jidduutti mudamni cimaa adeemeera.
Somaaliyaanis waliigalteen Itoophiyaan Somaaliilaand waliin raawwatte kan walabummaa fi tokkummaa daangaa biyyakoo sarbeedha jechuun, hanga waliigaltichi haqamutti Itoophiyaa waliin marii bu’aa qabeessa ta’e akka hin jiraannee dubbii marii jaarsummaa Tarkiin ala lama gaggeeffame bu’aa malee adda bahameetti himanii ture.
Kun osoo kanaan jiruu, waliigaltee waraanaa Somaaliyaafi Masriin waliin mallatteessan hordofee waraanni Masrii Moqaadishoo kan gale yoo ta’u, kunis Itoophiyaafi Somaaliilaand dheekkamsiisuu ibsa biyyoonni lamaan baasaniin hubatameera.
Itoophiyaanis ibsa karaa Ministeera Dhimma Alaasheetiin guyyaa Roobii Hagayya 28, 2024 baafteen, ‘’qaamooleen kaan Gaanfa Afriikaa jeequuf yoo socha’an callisee hin ilaalu’’ jechuun akeekkachisuun ishee ni yaadatama.
Taateewwan kanaan duraa
Waliigaltee wal hubannoo Itoophiyaafi Somaaliilaand waliin mallatteessaniin walqabate sababii muddama Itoophiyaafi Somaaliyaa jidduutti umameetiin, Somaaliyaan qonstolaan Itoophiyaa Hargeessaafi Puutilaandiitti argaman guyyoota toab keessatti akka cufamaniif ajajuushee ni yaadatama.
Dabalataanis Somaaliyaan Amabaasaadara itoophiyaa Moqaadishootti argamu biyya keessa hari’achuudhaan, Amabasaadara ishee Finfinnee turan ammo mariidhaaf jechuun gara biyyaatti waamte turte.
Haata’u malee, amma qonstolaan Itoophiyaa hargeessaatti argamuufi sadarkaa ergamaa ture amma gara sadarkaa amabaasaadara gulantaa guutuutti guuddachutu ibsame.