Masriin gahee bishaankoo mirkaneessuuf tarkaanfii barbaachisun fudhadha jette

Masriin sababii hidha guddicha Itoophiyaan Laga Abbayyaa irratti ijaaraa jirtuutiin nageenya bishaan ishee mirkanneessuudhaaf tarkaanfii barbaachisu fudhachuudhaaf mirgan qaba jette.

Masriin kana kan jette xalayaa karaa Ministeera Dhimma Alaa fi Jallisii biyyattii haaraa, Dr Baadaara Abdulaatiin, Mana Maree Nageenyaa Biyyoota Gamtooman (UN)tti ergiteetiin.

Ministirichi xalayaa Dilbata Fulbaana 1, 2024 pirezidantii mana maree nageenyaatiif barreessan irratti, imaammata dhuunfaa Itoophiyaa Hidha Guddicha Haaromsaa irratti qabdu Masriin gutummaa guutuutti hin fudhattu jedhan.

Masriin xalayaa ergaa cimaa qabate kana mana maree nageenyaatti kan ergite erga waraannishee Somaaliyaa keessa buufachuudhaan mudamni Gaanfa Afriikaa keessatti umamee guyyoota muraasaan boodadha.

Waliigalte waraanaa dhiheenya kana Moqaadishoofi Kaayiroon waliigalan hordofee Masriin loltootashee Somaaliyaatti bobbaasuun ni yaadatama.

Kana hordofuunis Itoophiyaafi Somaaliilaandi waraanni Masrii Somaaliyaa keessa akka qubatan taasifamuun, Somaaliyaafi waliigala Gaanfa Afriikaa keessatti tasgabbiifi nageenyi yaaddeessaadha jechuun ni yaadatama.

Xiyyaaroonni waraanaa Masrii loltootaafi meeshaa waraanaa fe'an lama erga Moqaadishoo qubatanii booda, ibsa Ministirri Dhimma Alaa Itoophyaa baaseen mootummaan Somaaliyaa ''qaamolee nageenya qaxanichaa booressuu barbaadan waliin hojjataa jira'' jechuun himate.

Itoophiyaan erga Somaliland, kan Somaaliyaa irraa addaan baatee walabummaa ishee labsite waliin waliigaltee qarqara galaanaa mallatteessitee booda wal gaarreffannaan Itoophiyaa fi fi somaaliyaa haalan jabaatera.

Waliigalteen Finfinnee fi Hargeessan waliin taasisan abbaa biyyummaa fi walabummaa somaaliyaa sarbeera jechuun himataa kan turte biyyattiin, erga michuu haaraa barbaacha fuula ishee gara Kaayirootti naanneffattee bubulteerti.

Xumura waggaa kanaa waxabajjii bara 2016, Ministira Dhimma Alaa fi Jallisii biyyattii hoogganaa ta'uun kan muudaman Dr. Badar Abdulati, xalayaa Mana Maree Nageenyaa Dhabbata Biyyoota Gamtoomaniif barreessaniin akka jedhanitti, Ministirri Muummee Abiy Ahimadiin guutinsi bishaanii Hidha Haaromsaa marsaa shanaffaa tibbana ifoomera jedhan.

Ministirichi kana haa jedhuu malee, dhiheenya kana Ministirri Muummee Abiy Ahimad tarbaayinoonni 3ffaa fi 4ffaan hojii eegaluu isaanii, Sekondii tokkotti bishaan dabalataa meetirkiyuubii 2800 dhangalaasuu waan jalqabameef biyyoota yaa’aa gadiif oduu gammachiisaa ta’uu isaa irraaa kan hafe, guutinsa bishaanii marsaa shanaffaa irratti wanti ifatti ibsan hin jiru.

Ministirri Dhimma Alaa biyyattii garuu, Ministirri Muummee Abiy Ahimad, "Ibsi bara kanaa waa'ee guutinsa bishaan laga Abbayyaa hanga ta’e qabachuuf ijaarsi konkiriitii xumuramuu ilaalchisee kenname Masrii keessatti guutummaatti fudhatama hin qabu" jedhan.

Kana malees Dr Baadar Abuduulaatiin xalayaasaanii irratti Itoophiyaa marsaa shanaffaa hidhicha bishaaniin guutuu kan raawwatte qajeeltoo idil-addunyaafi ulaagaalee waliigaltee Itoophiyaa, Sudaaniifi Masrii waliin bara 2015tti mallattaa'ee akkasumas kan ibsa pirezidaantummaa manni Maree nageenyaa bara 2021tti baasee cabseedha jedhan.

Xalayaan Ministirri Dhimma Alaa kun ''gochaawwan Itoophiyaa kunis agarsiiftuu rakkoo biyyattiin biyyoota ollaa waliin uumtuuti'' kan jedhe yoo ta'u, ijaarsa hidha kanaatiin wal qabatee tarkaanfiiwwan Itoophiyaa qofaashee fudhattu kan tasgabbii naannichaa balaarra buusuudha jedhe.

''Masriin walabummaashee kabachiisuudhaafi bu'aa ummatashee eegsiisuudhaaf haaluma chaaratrii UNtti tarkaanfii hundaa fudhachuudhaaf qophiidha'' jedhan.

Dhiheenya kanas koreen Ministira Muummee Masriitiin durfamuufi ''Koree waliigala Masrii Naayiliif'' jedhamu walgahii godhachuu kan ibse ministirri Dhamma Alaa biyyattii, korichi masriin gahee bishaan ishee mirkanneeffachuudhaaf tarkaanfiiwwan barbaachisa hunda fudhachuudhaaf ejjannoo qabattee mirkanneesseera jedhe.

Marii hidha Guddichaa

Itoophiyaa, Masrii fi Sudaan waggoota hedduufi ijaarsa hidha guddicha Haaromsa itoophiyaa fi dhimma adeemsa hojjimaatasaa irratti mari'achuun garuu waliigalte malee adda bahunsaanii ni yaadatama.

Masriin fi Itoophiyaa sababii garaagarummaa cimaa dhimma ijaarsa Hidha Abbaayyaa irratti qabaniiti waliigalte irra gahuu hin dandeenye. Biyyoonni lamaanis mariichi milkaa'u dhabuutti quba walitti qabaa turan.

Itoophiyaa hidha guddicha ijaarsi isaa waggaa 13 lakkoofsiise osoo bishaaniin hin guutiin dura waliigaltee dirqiisiisaa ta'e irra gahu qabdi jechuun Marsiifi Sudaan watwaataa turan.

Haata'u malee Itoophyaan Itoophiyaan gahee bihsaan Abbayyaa haqa qabeessa ta'r fayyadamuun qaba jechuun osoo waliigalteen dirqiisiisaan hin mallattaa'iin dura hidhicha bishaan akka qabatu gochaa turtee jirti.