Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jibuutiin buufata doonii Taajuraa Itoophiyaan akka bulchitu akka filmaataatti dhiheessite
Muddama Gaanfa Afrikaatti dhalate tasgabbeessuuf Jibuutiin buufata doonii qabdu keessaa Taajuraatiin Itoophiyaan akka bulchitu akka filmaatatti dhiheessuu Ministirri Dhimma Alaa biyyattii BBC’tti himan.
Maahimmud Ali Yuusuf akka jedhanitti Itoophiyaan buufata doonii akka argattuuf buufata kana ''guutummaan guututti akka bulchitu'' yaada dhiheessuu ishee addatti sagantaa BBC Focus on Africa’f dubbatani.
Buufanni doonii Taajuraa kuni Itoophiyaarraa 100km qofa akka dheeratu aangawaan biyyattii Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaaf dorgomaa jiran kuni dubbataniiru.
Yaadi kuni garuu yoom akka dhihaate addatti waan dubbatan hinqaban. Dhimma kanarratti gama Itoophiyaas wanti jedhame hin jiru.
Itoophiyaan bulchiinsa Somaalilaand walabummaa labsite waliin waliigaltee ulaa galaanaa seenuun ishee Gaanfa Afrikaatti muddama uumeera.
Somaalilaandiin akka qaama ishee kan ilaaltu Somaaliyaan adeemsa Itoophiyaa kana akka waraanattin ilaala jechuun mormii jabaa dhiheessite.
Biyyoota Itoophiyaa waliin hariiroo gaarii hin qabne kanneen akka Masriifi Ertiraan waliin hariiroo cimsatteetti.
Jalqaba torban kanas xiyyaaronni waraanaa Masrii Somaaliyaa keessatti qubachuu hordofee Itoophiyaafi Somaalilaand yaaddoo ibsaniiru.
Aangawaan Jibuutii akka ibsanitti, Itoophiyaan ulaa galaanaa akka argattu akkasumas koriidara haaraa ijaarame akka bulchitu yaadi dhihaachuu dubbatan.
Yaada kana Pirezidantiin Jibuutii Ismaa’il Omaar Guleeh Itoophiyaaf dhiheessuu dubbatan.
Yaadi kuni garuu aangawaa Itoophiyaa kamiif akka dhihaate hin beekamu.
Itoophiyaan erga Ertiraan walabummaa argatte booda waggoota dheeraaf buufata doonii Jibuutii fayyadamti.
Haa ta’u malee, waggaatti gatiin kiraa kanfalamu olaanaa ta’uufi biyya tokkorra qofa hundaa’un akka hin barbaachifne kana dura MM Abiy dubbatanii turan.
Doonii akka filmaataatti dhihaate kanarratti Yaa’ii Dureewwan Chaayinaafi Afrikaa torban dhufu taasifamuurratti dureewwan biyyoota lamaan gidduu carraan marii akka jiraatu aangawaan Jibuutii himaniiru.
Buufanni doonii Tajuuraa dolaara miiliyoona 90’n ijaarame Itoophiyaan waggaa afur dura eegale fayyadamuu akka eegalte Tajaajilli Geejjiba Bishaanirraafi Loojistikii Jibuutii yeroos ibsee ture.
Albuuda Potaash Naannoo Afaar keessa jiru akkasumas cileefi kaan gama Taajuraa alatti erguuf karoorri akka jiru ibsame.
Akkasumas daandiin asfaaltii buufata Taajuuraa hanga magaalaa Wadabaatti ijaarame konkolaachistotaan filatamaa akka ta’e ibsamees ture.
Biyya guddoo ulaa galaanaa hin qabne kan taate Itoophiyaan ulaa galaanaa barbaacha akkasumas humna galaanaa ishee cimsachuuf waliigalteen tolfatte Somaaliyaa waliin akka ishee buusetti jira.
Ministirri Dhimma Alaa Jibuutii turtii BBC waliin taasisaniin biyyoonni muddama seenan lamaan garaagartee gidduu isaanii jiru dhiphisuu qabu jedhaniiru.
Jibuutii, Keeniyaa fi biyyoonni naannichaa kaan waltajjii marii tolchuun gumaacha taasisuu akka danda’anis eeraniiru.
Garaagarteen biyyoota lamaanii birmadummaa biyyoota lamaanii karaa kabajuun furamuu akka malus ibsaniiru.
Muddamni biyyoota lamaanii naannicha yaaddoorra akka buusus dubbatan.
Ministirri Dhimma Alaa Jibuutii yeroo ammaa suluula Edaniifi Baab El Mandabitti hidhattoota Huutirraa haleellaan nurratti raawwataa jira jedhaniiru.
Jibuutiin biyya tasgabbooftes taatu muddamni biyya ollaa jiru biyya isaaniifis yaaddoo guddaa ta’u ibsaniiru.
Biyyoonni lamaan ibsa muddama hammeessanirraa akka of qabanis dhaamaniiru.
Sababa Hidha Haaromsaan Itoophiyaa waliin dhibdee kan qabdu Masriin, Somaaliyaa waliin waliigaltee waraanaa mallatteessuun ishee Itoophiyaa, akkasumas Gaanfa Afrikaa yaaddoo keessa galcheera.
Torban kana keessa xiyyaaronni waraanaa Masrii C-130 lama magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqaadishoo dhufuu isaaniitiin muddammni ture hammaateera.
Waliigaltee waraanaa biyyoota lamaaniin yaaddoo keessa kan seente Itoophiyaan tarkaanfii Gaanfa Afrikaa jeequf taasifamaa jira jette callistee akka hin ilaalle ibsiteetti.
Mootummaan Somaaliyaa ‘’qaamolee naannicha jeeqan waliin hojjetaa jira’’ jechuunis Itoophiyaan himatteetti.
Bulchiinsi Somaalilaand Itoophiyaa waliin waliigaltee tolfattees waraanni Masirii Gaanfa Afrikaatti bobba'e yaaddoo yoo ta'u callisee hin ilaalu jetteetti.
Itoophiyaafi Somaaliyaan muddama akka laaffisaniifi waliigalteerra akka gahan Turkiin marsaa lamaan jaarsummaa teessus ammatti waliigalteerra hin gahamne.