Tiraamp Hidha Haaromsaa 'irra caalaan maallaqa USn ijaarame' jechuun ala sadaffaaf dubbatan

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraamp, ''Itoophiyaan irra caalaa Hidha Haarumsaa Guddicha maallaqa Ameerikaan ijaarte,'' jechuun yeroo sadaffaaf irra deebiin dubbatan.

Tiraamp walgahii senaataroota Rippaabilikaan waliin Jimaata darbe taasisan irratti ammas irra deebiidhaan waa'ee hidha haaromsa Itoophiyaa kaasan.

Tiraamp akkaan suuraa fi raagaalee satalaayitii argadhetti hidhichi addunyaa irraa isa guddaadha jedhan. Kun ammoo Masirii jireenyi ishee laga Naayil irratti kan hirkatu miidha.

Hamma bishaanii gara Masirii deemu jalaa cufa jechuun dubbatu viiidyoo kana irratti. ''Kun rakkoo waan uumeef hordofaa jirra'' jechuun itti dabaluun dubbatan.

Tiraampi gara masirii looguun irra deebiin dudubbataa jiru. Garuu hidhichi baasii lammiilee Itoophiyaan ijaaramee xumura irra gahe.

Itoophiyaan hidhicha ijaartee xumuruun Fulbaana dhufu eebbisiisuuf jetti.

Mootummaan Itoophiyaa kana dura loogummaa Ameerikaa ifatti ibsuun mormaa ture, amma dubbii Tiraamp kanaaf garuu ibsa gahaa kennaa hin jiru.

Viidiyoo Tiraamp kun jimaata darbe yeroo senaateroota Rippaabilikaanotaa waliin mari'atan dubbatan haa jedhamu malee BBC'n guyyaa fi sa'aatii isaa addatti mirkaneessuu hin dandeenye.

Torbaniin dura ammoo Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp wal dhabdeen Hidha Haaromsaa Itoophiyaa fi Masrii gidduu ture hatattamaan akka hiikamaa jiru dubbatan.

Mootummaan Masiriis Tiraampiin galateeffachuun yaada isaanii akka deeggaran ibsan. Tiraamp ''Akkan yaadutti osoon ani lammii Masrii tahe bishaan laga Naayiil keessaa dhabuu hin barbaadu. Kanaaf dhimma kana irratti hojjechaa jirra'' jedhan.

Waayit Haawus keessatti wal gahii Barreessaa NATO, Maark Ruutee waliin taasisan irratti waa'ee Hidha Haaromsaa Itoophiyaan xumura irra dhaqabsiifte kanaa dubbatan.

''Hidhichi bishaan gara Masrii deemuu fi Masriin %97 irratti hirkattu jalaa cufa,'' jedhan Tiraamp.

Itoophiyaan hidha uummata isheef ibsaa kennuuf hojjechaa jirtu kanaan hamma bishaanii Sudaanii fi Masriif gadhiistu akka hin hir'isne irra deddeebiin himaa turte.

Masiriin erga hidhi kun jalqabee Itoophiyaan akka hin hojjenneef mormaa turte.

Garuu biyyattiin %97 bishaan laga Naayil irratti haa hirkattu malee bishaanicha %85 kan gumaachitu ammoo Itoophiyaadha.

Hidha kana Itoophiyaan baasii fi ogeessota mataa isheen hojjechuu jalqabde. Ummanni biyyattiis erga hidhicha jalqabee hanga har'aatti biyya keessaa fi alaan buusii buusaa jira.

Tiraampi garuu akkas jedhan. ''Ameerikaatu baasii isaa gargaare. Osoo hidhicha ijaaruu hin jalqabiin maaliif akka wal dhabdee amma uumame kana akka hin hin furre hin barre. Garuu laga Naayil keessa bishaan yeroo yaa'u ykn jiraatu namatti tola,'' jedhan.

Hanga Tiraamp dubbii kana dubbatanitti qaamni biraa hidha kana irratti baasiidhaan gargaaruu dhagahamee hin beeku.

Lagni Naayil ''madda galii fi jireenyaati. Sana irraa fudhachuun baay'ee gaarii miti. Garuu hatattamaan furaa jirra'' jedhan Tiraampi.

Ijaarsi Hidha Haaromsaa bara 2011 jalqabe. Ijaarsi hidhichaa Itoophiyaa, Sudaanii fi Masirii gidduutti atakaaroo guddaa kaaseera.

Ameerikaa fi Gamtaa Afrikaa biyyoota kanneen walitti fiduun waliigalteerra akka gahan yaalaa turan.

Itoophiyaan kana dura Ameerikaan Masiriif loogdi jechuun komattee jaarsummaa Ameerikaan jalqabdee turte dhiistee baate.

Ergasii Gamtaa Afrikaa jalattai marii bal'aan gaggeeffamaa turus osoo waliigaltee dhumaarra hin gahiin hafaniiru.

MM Itoophiyaa Dr Abiy Ahimedii fi pirezidaantii Masirii Abdul fattaa al-Siisii Kaayirootti wal arguun mari'ataa turan.

Itoophiyaan hidha bishaaniin guutte xumuruun Fuulbaana dhufu eebbisiisuuf akka jettu ibsiteetti.

Sirna eebbichaa irratti akka argamaniif afeerraa Itoophiyaan taasifteef ministirri bishaanii Masirii akka hin fudhanne miidiyaaleen biyyattii gabaasnaiiru.