Ameerikaan yeroo viizaa lammiilee Itoophiyaaf kennitu waggaa lamarraa gara baatii sadiitti gabaabsuu ibsite

Ameerikaan yeroo viizaa lammiilee Itoophiyaatiif kennaa turte kan waggaa lamaaf ture amma baatii sadiitti gadi buubsuu beeksiifte.

Imbaasiin Ameerikaa Finfinneetti argamu beeksiisa hara Adooleessa 10, 2025 toora Facebook isaarratti maxxanseen, sababa Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa jijjirama imaammataa baaseen iyyattoota baqattoota hin taanerratti murtee darbe ta'uu ibseera.

Kana malees, viizaa kanaan dura kennamuun yeroo garaa garaatti seenanii bahuun kan danda'amu yoo ta'u, amma garuu yeroo tokkicha qofaa kan ittiin seenamee bahamu (single entry) taasifamuu beeksiisi kun dabaluun ibseera.

Akka imaammata Ministeera Dhimma Aalaa Ameerikaa haraa kanaatti, Adooleessa 8, 2025 irraa kaasee hojiirra kan oolfamu yoo ta'u, garuu ammoo viizaa yeroo kanaan dura argatame kan hin ilaallanne akka ta'e dabaluun beeksiisera.

Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa biyyoota Afrikaa kan akka Naajeeriyaafi Gaanaa irratti haaluma walfakkaatuun yeroo viizaa imaltootaa baatii sadiitti gabaabachuu kaleessa beeksiisunsaa ni yaadatama.

Haaluma kanaan lammiileen Naajeeriyaafi Gaanaa gara Ameerikaatti imalan irratti jijjirama yeroo viizaa fi haalduree irratti jijjiramni taasifameera.

Sababii amma Ameerikaan imaammata viizaasheerratti jijjirama taasifteen wal qabatee namoonni barnoota, daawwannaa, akkasumas hojiidhaaf gara Ameerikaa deeman hundi viizaa baatii sadii qofaa argatu jechuudha.

Kana malees, viizaan isaan argatan kan yeroo tokkicha qofaaf biyyattii seenuuf isaaniif hayyamu ta'a jechuudha.

Jijjiramani imaammata vizaa Ameerikaa kun bulchiinsa Tiraampiin kan hojiirra oolfame erga Waxabajjii12, 2025tti lammiilee biyyoota 12 kanneen nageenyaaf yaaddoodha jedheerratti dhorkaa kaa'uu beeksiiseen boodadha.

Biyyoota 12 kanneen keessayis Chaad, DR Koongoo, Ertiraa, Liibiyaa, Somaaliyaa fi Sudaan eeramanii ture.

Torbaniin booda ammoo Itoohiyaa dabalatee lammiileen biyyoota 36 akka gara Ameerikaa hin galleef dhorkuuf yaadni jiraachuu Ministeera dhimma alaa biyyattii eeruudhaan miidiyaalee gabaasanii ture.

Akkasumas, baatii Caamsaa keessa Doonaald Tiraamp imbaasiiwwan biyyattii biyyoota kaan keessatti argaman akka beellama viizaa barattootaa hin kenniineef dhorkee akka ture ni yaadatam.