Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp pirezidantii Ameerikaa ta'un addunyaaf hiika akkamii qaba?
Donaald Tiraamp Pirezidantii Ameerikaa 47ffaa ta'un sirna kakuu raawwataniiru.
Tiraamp marsaa lammaffaaf Pirezedaantii ta'anii masara mootummaatti deebi'uun imaammata dhimma alaa biyyattii irratti jijjiirama fiduu mala.
Sababni ammoo yeroo masaraattii deebi'an dhaadannoo isaanii 'Dursa Ameerikaaf' jedhu hojiitti hiiku danda'u waan ta'eef.
Kuni ammoo jireenya lammiilee daangaa Ameerikaatiin ala jiran Miliyoonaan lakkaa'amanii irratti dhiibbaa niqabaata.
Tiraamp kan kanaan dura Bara 2017 hanga 2021 Pirezedaantii turan, yeroo marsaa lammaffaaf aangootti deebi'anitti haala itti dhimmoota addunyaa qabachuu danda'an armaan gaditti eeraman.
Yukireen
Doonaald Tiraamp yeroo duula nafiladhaa adeemsisaa turanitti gadi fageenyan ibsuu baatanis, yoo filannoo kana injifatan waraana Raashiyaa fi Yukireen gidduu 'Guyyaa tokko keessattin dhaaba' jechaa turan.
Bara 2022 yeroo Raashiyaan humna guutuun Yukireen weeraraa turtetti deeggarsa waraanaa Doolaara Biliyoonaan lakkaa'amu Ameerikaan Yukireenif gargaarsa taasisaa turtes qeeqaa turan.
Kuni ammoo yeroo aangoo qabatanitti waraana kana dhaabuuf jecha Yukireen daangaa ishii akka hin kabachiifanne dhiibbaa uumuu malu jechuun deeggartoonni Yukireen yaaddoodhaan dubbatu.
Raashiyaa fi Yukireenitti ergamaa addaa ta'uun Tiraampin kan kaadhimaman Keith Kellog, Fox News tti akka himanitti, dhimma Raashiyaa fi Yukireen kana guyyoota jalqabaa 100 aangoo qabatan keessatti furuuf akka qophaa'an himan.
Akka ergamaan addaa kuni jedhanitti, Tiraamp wayita aangoo qabatan booda Yukireen Ameerikaa irraa gargaarsa kan argattu yoo marii nagaa Mooskoo waliin taasifamu irratti hirmaachuuf fedhii qabaatte duwwaadha.
Tiraamp akka jedhanitti, Pirezedaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin garee isaa waliin ta'uun isaan argachuuf qophiitti jiraachuu eeran.
NATO
Dhaabbata waloomaa Kaaba Atilaantik (NATO)n, gamtaa waraanaa biyyoota akka US, UK, Jarman fi Faransaayi dabalatee biyyoota 32 kan hamate yoo ta'u, gareen kuni warra Tiraampif ilaalcha gaarii hin qabne ofkeessa qaba.
Yeroo pirezedaantummaasaanii jalqabaa irratti biyyootni miseensa NATO akkaataa waliigalteetiin qabeenya waliigalaa biyya isaanii (GDP) irraa harka lama waraanaf hin oolchan yoo ta'e Ameerikaa dhaaba kana keessaa akka baasan dhaadatanii ture.
Kana malees biyyi miseensa Nato taatee fi gumaacha ishiirraa eegamu hin gumaachine yoo weeraramte Ameerikaan cinaa hin dhaabbattu jedhan.
Jalqaba Ji'a Amajjii 2025 irratti Miseensota dhaabichaa Awurooppaa irraa ta'an galii isaanii harka shaniin akka guddisanis waamicha taasisanii ture.
Weebsaayitiin duula nafiladhaa Tiraamp irratti akka jedhutti ammoo, kaayyoon Tiramp bu'uurarraa kayyoo fi ergama NATO seecca'uu akka ta'e akeeka.
Tiraamp akkuma yeroo kaan jedhu, Ameerikaa gamtaa kana keessaa baasuu mala kan jedhu irratti yaadota gamlamaatu jira. xinxaltoonni garuu pirezedaantichi osoo miseensummaa gamtaa kana keessaa hin bahin gamticha daddhabsiisuu malu jedhu.
Isaaf ammoo malli fayyadamuu danda'u hirmaannaa loltoota US Awurooppaatti taasisan xiqqeessuudhaani.
Baha Jidduugalaa
Tiraamp masaraa kan seenan erga waliigalteen dhukaasa dhaabuu Gaazaa fi booji'amtoota waliideebisuu garee lamaan gidduutti raawwatameen booda.
Ta'ulleen gorsitoonnisaa pirezedaantii yeroo isaanii xumuran Baayiden,Kaataar fi mariisistoota Masrii waliin marii taasifamaa turerratti hirmaataniiru. Kanaaf pirezedaantonni lamaanuu marii kanaaf gumaachaniiru.
Haaa ta'u malee akkaataa waliigalteen kuni hojiitti hiikamuu fi waraana kanaaf furmaata fulla'aan kennamu irratti haalli rakkisaan uumamuu mala.
Tiraamp yeroo marsaa jalqaabaa pirezedaantii turanitti seerota ciccimoo imaammatawwan Israa'eeliin faallaa ta'an hojiirra oolchaa turan. isaan keessaa Magaalli guddoon Israa'eel Jerusaalemi jechuun Imbaasii Ameerikaa Telaaviivii garasitti godaansan.
Bulchiinsi isaanii Iraan irrattis irree cimsee Iraan waliigaltee gabbisa Nukilaraa keessaa baasuun qoqqobbii itti hammeessanii boodas ajajaa waraanaa beekamaa Iraan Gen Qaasim suleeyman ajjeesisan.
Qeeqxonni imaammanni dhimma alaa bulchiinsi Tiraamp hordofan qaxanaa baha giddugaleessaa kan gooluu fi warra Filisxeem kan qollifatu jedhuuni.
Tiraamp waliigaltee 'Abraham Accords' jedhamuu fi waliigaltee seena qabeessa hariiroo dipilomaasii Israa'eelii fi Gamtaa emireetota Arabaa, Baahireen, Sudaanii fi Morookoo ta'e haala mijeessaniis ture.
Waliigalteen kuni garuu kan raawwatame Israa'eel Filisxeem Biyya walabaa akka taate beekamtii osoo hin kennine ture.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Gaazaa erga labsameen booda Tiraamp, qaxanicha keessatti waliigalteen 'Abraham Accords' irratti kan bu'ureffate nageenyi akka dhufuuf akka hojjetan himan. Kana jechuun ammoo Sawudii Arabiyaa fi Israa'el gidduutti waligalteen akka jiraatuuf ni hojjetu jechuu ta'uu mala.
Chaayinaa
Hariiroon Ameerikaan dhimma Chaayinaa irratti hordoftu haala nageenyaa fi daldalaa idil addunyaa irratti dhiibbaa guddaa qabaata. Tiraamp ammoo yeroo pirezedaantummaa isaanii marsaa duraa chaayinaa waliin hariiroo daldalaa gaarii hin taane uumanii ture.
Yeroo sanatti meeshaalee Chaayinaa Irraa gara US seenan irratti taarifni harka 60 akka dabalamu taasisanii ture.
Warri inni miilana gita barreessaa mootummaaf filatan Marco Rubi fi Gorsaa nageenyaaf kan kaadhimatan Mike Waltz ammoo warra Chaayinaan Ameerikaadhaaf yaaddoodha jedhanii ifatti dubbachaa turani.
Taayiwaan ammoo ajandaa ijoo taateetti. Ameerikaan odola ofiin ofbulchitu kanaaf deeggarsa meeshaalee waraanaa taasifti. Chaayinaan garuu Taayiwaaniin akka qaama biyyashee taatee fi too'annaa Beejingi jala taateetti himti.
Waarri US hanga ammaatti yoo Chaayinaan Taayiwaan weerarte tarkaanfii akkamii fudhatti kan jedhurratti waan ifa ta'e kaa'anii hin beekan. Baayideen garuu yoo Taayiwaan weeraramte Ameerikaan niqolattiifi jedhanii ture.
Yeroo duula nafiladhaatti dhimma Taayiwaan irratti tarkaanfii waraanaa akka hin fudhanne dubbatanii ture. sababni ammoo Pirezedaantiin Chaayinaa shi Jimping ' ana nakabaju, ammoo akkan maraataa ta'es nabeeku' jedhanii ture.
Yoo kanarra darbamee Taayiwaan irratti tarkaanfiin fudhatame garuu daldala Chaayinaa irraa dhufu akka laamshessan dhaadatan.
Jijjiirama qilleensaa
Pirezedaantiin Ameerikaa Haaraa Filataman Tiraamp, dhimma Jijjiirama qilleensaa irratti ilaalcha gaarii nama qaban miti. Tumsa anniisaa magariisa guddisuu jedhus 'waliindhaha' jedhuun.
Tiraamp irra deebiin waliigaltee jijjiirama qilleensaa Paariis 2015 kan kana dura Ameerikaa baasanii Baayiden bara 2021 deebisan ammas irra deebiin keessaa baasuu malu.
Filannoodhaan duratti maddeen anniisaa qilleensaatiif tumsa taasisan akka dhaaban, boba'a, gaazii fi cilee warra omishan irraa taaksii akka kaasanii fi seera aara konkolaattota keessaa bahan ilaalchisuun yeroo Baayiden bahan akka dhaaban himanii ture.
Xinxaltoonni jijjiirama qilleensaa Tiraamp gara aangootti dhufuun dhimma faalama qilleensaa idil addunyaatiif yaadoo ta'uu eeranis, dhimmi anniisaa haaromfamanii garuu waan gara booddeetti deebi'u akka hin taane himu.
Godaansa
Toraamp Godaantota miliyoonaan lakkaa'amanii fi karaa seeran alaa biyyasaanii keessa jiraan gara irraa dhufanitti akka deebisan himu.
Dula 'seenaa US keessatti godaantota seeran alaa biyyaa ari'uu isa guddaa' jechuun waaman kana akkuma masara seenaniin kan jalqaban akka ta'es dubbatan.
Godaantonni seera qabeessa hin taane miliyoona 11 ta'an Ameerikaa keessa akka jiran kan timaamamu yoo ta'u, godaantonni kunneen barootaaf biyyattii keessa kan jiraatanii fi hojjechaa turanidha.
Tiraamp gadifageenya ibsuu baatanis, duula godaantota deebisuu kana kan jalqaban 'Warra yakkamtoota ta'aniini' jedhan.
Tiraamp seera Lammummaan Ameerikaa ittiin argamuu, Ameerikaa keessatti dhalachuu jedhu hambisuufis qophaa'aniiru.
Yeroo duula nafiladhaa taasisanitti, seera isaanii amma duraa falmisiisaa ta'e uggura imalaa biyyoota adda addaa irraa gara Ameerikaatti taasifamu keessumaa biyyoota musliimaa irraa ta'e akka cimsan dubbatan.
Isaan kana jedhanis, xinxaltoonni godaansaa garuu karoorri dhimma godaansan walqabatee Tiraamp qopheeffatan kuni gama seeraa, maallaqaa fi siyaasaatiin qorumsi mudachuu mala.
Giriinlaand fi Bo'oo Paanaamaa
Pirezedaantiin Ameerikaa haaraa Filataman Tiraamp, Giriinlaad akka bitanii fi Bo'oo Paanaamaa akka too'atan erga ibsanii ture.
Jalqaba Ji'a Amajjii Irratti dhimma kanarratti karoora isaanii kana gama waraanaan moo dinagdeedhaan milkeessuuf yaaddan jedhamanii kan gaafataman Tiraamp' Lamaan keessaa kanaani jedhee ammatti jala hin muru' jedhan.
Daangaa Danish fi uummatni muraasni kan irra jiraatu Giriinlaand, wiirtuu qorannoo Hawaa Ameerikaa fi Albuudota meeshaalee teeknolojii adda addaa omishuuf oolanii fi addunyaarratti bal'inaan hin argamneen kan badhaatedha.
Ministirri muummee Deemnaarkii fi Giriinlaand daangaan isaanii kuni gurgurtaaf akka hin dhihaanne jala muranii dubbatan.
Tiraamp Ji'a Sadaasaa darbe dhimma kanarratti wayita dubbatan, bo'oon Paanaamaa gatii madaalawaa hin taane akka kaffalchiisaa jirtuu fi yoo haalli kuni hin dhaabbanne too'annaa Ameerikaa jalatti akka hammatamtu akka godhan dhaadatanii ture.
Paanaamaa keessatti inveestimantii guddaa kan qabduu fi fayyadamtuu ijoo bo'oo kanaa kan taate dhimmi Caayinaas akka isaan yaaddessu dubbatan Tiraamp.
Paanaamaan garuu bo'oo kanarratti walabummaa kan qabduu fi dhimmi bo'oo Paanaamaa 'dhimma mariif hin dhihaanne' akka ta'ee fi fayyadama bishaanii irratti giddu seentummaan Chaayinaa akka hin jirre himan.
US carraa iddoowwan laman kana too'achuu qabaachuu baattulleen Tiraamp imaammata isaanii 'Dursa Ameerikaaf' jedhuun irree Ameerikaa daangaawwan ishee irratti mul'isuu malu.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.