Tiraamp godaantota seeraan alaa biyyaa basuunan hojiikoo eegala jedhe

Doonald Tiraamp teessoo pirezidaantummaa akkuma qabateen ajajawwan garaa garaa akka mallatteessu beeksise.

Sagantaa jala bultii guyyaa kakuu galuu kaleessa Washingtanitti qophaa'e irratti argamuun haasaa kan taasise Tiraamp, kakuu akkuma galeen sa'aatii muraasa booda godaantonni biyyaa akka bahan gochuu dabalatee ajajawwan garaa garaa akka mallatteessu akeekkachiise.

"Ameerikaaf dursa kennina, innimmoo borii ka'ee eegala," jechuun Tiraamp namoota kumaatamaan isa deeggaruuf bahanitti dubbate.

Har'a akkuma kakuu raawwateen ajajawwan 200 ol ni mallatteessa jedhamee eegama.

"Ajajiwwan pirezidaantummaa gatii hin qabne bulchiinsa Baayidaniin mallattaa'e, ani aangoo qabadhee sa'aatiwwan muraasa keessatti haqamuun kan biraan bakka bu'a," jedhe.

Dabalataanis, saganaataa hubannoo nam-tolchee jabeessuu, Biiroo Gahuumsa Mootummaa hundeessuu, ajjeechaa pirezidaantii duraanii Joon F Kenedii kan bara 1963 rawwate ilaalchisee ragaalen akka ifa ta'an gochuufi humni waraanaa sirna ittisaa Iron Dome jedhamu akka hojjatuufi humna waraanaa keessatti imaammanni daneessummaa, qixa fayyadamummaa, hammatamummaa haquu irratti ajaja pirezidaantummaa akka mallateessu beeksiseera.

Akkasumas dhiirri saala jijjiirrate dorgommii ispoortii dubartootaa irrattis akka hin hirmaanne akka dhorku deeggartootasaaf waadaa galeera.

"Ajajawwan pirezidaantummaa baay'ee isin gammachiisan arguuf jirtu. Biyya keenya daandii sirriitti deebisuu qabna," jechuun dubbate.

Pirezidaantonni yeroo heddu tarkaanfiwwan pirezidaantummaa ni fudhatu. Ajajiwwan Tiraamp guyyaa jalqabaatti mallatteessuuf jedhu kan pirezidaantota isa dura turanii harka heddu kan caalu yoo ta'u, garuummoo mana murtiitti mormiin mudachuu kan danda'uudha.

Ajaja pirezidaantummaa inni mallatteessuf jedhu keessaa ijoon dhimma godaantota seeran alaa biyyaa baasuu akka ta'utu eegama. Tiraamp filannoo mo'achuuf godaantota seeran alaa biyyaa baasuu akka meeshaa guddaatti itti fayyadamuun mo'ateera.

Xinxaaltonni akka jedhanitti Tiraamp godaantota seeran alaa miliyenaan lakkaa'aman gara biyyasaanii akka deebi'aniif dhaadachuunsaa akka inni jedhutti waan milkaa'u hin fakkaatu.

Godaantota kanneen biyyaa baasuf hanqinni lojistikii akka mudatuufi maallaqa dolaara biliyeenan lakkaa'amu baasisuu akka danda'u.

Kan biraa ammoo akkuma aangoo pirezidaantummaa qabateen namoota bara 2021 yeroo inni filannoo mo'amu Waayit Haawus seenun hokkara uumanii hidhaman dhiifamaan akka gadi lakkifamaniif ajaja kennuus danda'a.

Sagantaa jala bultii siran kakuu raawwachuu Tiraamp eda halkan gaggeeffame irratti dureessi addunyaafi namni Tiraamp aangotti muude Elon Maask argamuun haasaa gabaabaa taasiseera.

Deeggartoonni Tiraamp haala qilleensaa qorraa ta'e dandamachuun Washingtan DCtti bahuun kaleessa isa simatan.

Sirni kakuu raawwachuu Tiraamp har'a gaggeeffamu akka durii alatti osoo hin taane mana keessatti ta'a jedhameera.

Sababa haala qilleensaa rakkisaa jedhameen waggaa 40 keessatti sirni kakuu raawwachuu pirezidaantii US kun yeroo jalqabaaf mana keessatti gaggeeffama.

Deeggartoonni ammoo Capitol One Arena irraa akka hordofan jedhameera.

Tiraamp gamasaan sirna kakuu mana keessatti erga raawwatee booda gadi bahee deeggartootasaatti mul'atee akka isaan dubbisu waadaa galeera.

Firaankiliin Girahaam- ilmi lallabaa beekamaa Biiligiraam- sirna kakuu raawwachuu kanarratti argamuun sirna kadhannaa ni gaggeessa.

"Akka natti fakkaatutti, Pirezidaant Tiraam kan yeroo bara 2017 irra adda natti fakkaata.

"Waqayyotu isa jabeesse..haalota rakkisoo keessa darbaa jiru kana keessatti pirezidaantii cimaa ta'ee ni mul'ata," jechuun BBC Radio 4tti dubbate Firaankiliin Giraaham.