Sababoota sadii taarifni Tiraamp qofaan rakkoo Chaayinaa hin taaneef

Chaayinaan ammallee rakkoo qabeenyaa yeroo dheeraaf ture, liqaa mootummaa biyya keessaa olaanaa fi hoji dhabdummaa dargaggootaa raasuun rakkachaa jiraattuulleen, guddina oomisha waliigalaa biyya keessaa (GDP) kan bara 2024 gadhiisuuf jirti.

Beejiing galma guddina waggaa "gara %5" akka ta'uf kan kaawwatte yoo ta'u, ji'a darbe Pirezidaanti Shii Jinping diinagdeen addunyaa guddichi lammaffaan karoorasaa galmaan ga'uuf karaa irra jira jedhan.

"Akkuma yeroo hundaa, qilleensaa fi rooba keessatti guddanna, yeroo rakkisaa keessas ni cimna. Ofitti amanamummaa guutuu qabna," jedhan.

Baankiin Addunyaa, baasii liqii gadi bu'uu fi al-ergiin dabaluun Chaayinaan guddina waggaa %4.9 galmaan gahuu dandeessi, kan jedherratti oggeeyyiin bal'inaan waliigalu.

Invastaroonni garuu, balaan Pirezidaantii filatamaan Doonaald Tiraamp meeshaalee Chaayinaa garii doolaara biiliyoona 500 (£409bn) qaban irratti taarifa kaa'uu doorsiisaa jiruuf of qopheessaa jiru.

Ta'us Chaayinaan bara dhufu galma guddinaashee galmaan ga'uuf kan gufachiisu kana qofa miti.

Amantaan daldalaa fi fayyadamtootaa gadaanaa yoo ta'u, Beejiing guddina dabaluuf jecha dhala hir'isuu isheetiin Yuuwaan Chaayinaa laafaa dhufuu itti fufa.

Sababoota sadii maaliif Shii taarifa Tiraamp caalaa qormaata guddaa akka qabu kunooti:

1. Taarifni duraanuu al-ergii Chaayinaa miidhaa jira

Diinagdeen Chaayinaa bara 2025tti akka boodeetti harkiifatu akeekkachiisni dabalaa dhufeera. Guddina bara darbeef kanneen madda ta'an keessaa tokkoo, al-ergiin, amma balaadhaaf saaxilameera.

Chaayinaan booddeetti harkiifannaa kana keessaa ba'uuf akka gargaaruuf oomishaa irratti hirkattee jirti. Kanaaf, konkolaattota elektirikii, maxxantoota 3D fi roobootii industirii hedduu alatti ergiiti turte.

Ameerikaa, Kaanaadaa fi Gamtaan Awurooppaa Chaayinaa meeshaalee baay'ee hojjechuu fi biyya alaatii erguudhaan himachuun, hojii fi daldala biyya keessaa eeguuf jecha meeshaalee Chaayinaan biyya keessa galfaman irrai taarifa kaa'an.

Ogeeyyiin akka jedhanitti, al-ergitoonni Chaayinaa amma kutaalee addunyaa biroo irratti xiyyeeffachuu danda'u. Garuu ammoo, biyyoonni sun gabaa guddachaa jiran, kan sadarkaa fedhii kan Ameerikaa Kaabaa fi Awurooppaa hin qabne ta'unsaanii hin oolu.

Sun ammoo daldala Chaayinaa babal'achuuf abdaturratti dhiibbaa uumuu danda'a, darbees, dhiyeessitoota anniisaa fi meeshaalee galtee miidhuu danda'a.

Shiin bara 2035tti Chaayinaa warshaa meeshaalee gatii salphaa addunyaa irraa gara humna teeknooloojii olaanaatti jijjiiruu barbaadu, garuu ammoo taarifa dabalaa jiru keessatti akkamitti oomishni guddina olaanaa akkasii ta'ee itti fufuu akka danda'u ifa miti.

2. Ummanni haala gahaan baasii hin taasisan

Chaayinaa keessatti qabeenyi maatii baay'inaan gabaa qabeenyaa irratti invast godhama. Osoo rakkoo riil isteetiin hin mudatiin dura, riil isteetiin dinagdee Chaayinaa keessaa gara harka sadii qaba ture. Dameen kunis namoota hojii ijaarsaa hojjatanii fi misoomsitoota irraa kaasee hanga oomishtoota simintoo fi dizaayinarotaatti namoota miliyoonaan lakkaa'aman qacaraa ture.

Beejiing imaammata gabaa qabeenyaa tasgabbeessu hojiirra oolchitee jirti, dhaabbanni gabaa faayinaansii to'atu, Komishiniin To'annoo Nageenyawwan Chaayinaa (CSRC) haaromsa cimsee akka deeggaru ibseera.

Haata'u malee, ammalleen manneen duwwaa fi qabeenyaawwan daldalaa baay'ee waan ta'aniif, dhiyeessiin garmalee sun gatiin akka gadi bu'uu dirqisiisuu itti fufeera.

Kufaatiin gabaa qabeenyaa bara kana gadi bu'a jedhamee eegama, haata'u malee, dhaabbanni baankii guddichi Wall Street Goldman Sachs kufaatiin kun guddina dinagdee Chaayinaa irratti ''waggoota hedduudhaaf harkifannaa'' uumuu akka malu dubbata.

Duraanuu baasiirratti dhiibbaa guddaa kaa'eera. Bara 2024tti ji'oota sadan darban keessa, fayyadamni maatii sochii dinagdee Chaayinaa keessatti %29 gumaacheera, kunis weerara kooviidiin dura %59 ture.

Sababoota Beejiing al-ergii itti cimsiteef keessaa tokko kanuma. Baasii biyya keessaa harkiifataa konkolaataa haaraa, meeshaalee qananii fi waan hundarratti irratti baasuun ofirraa ittisuuf gargaaruu barbaada.

Mootummaan sagantaalee akka daldala meeshaalee fayyadamaa, kan namoonni maashinii uffanni ittiin miiccamu, maaykirooweeyii fi kan ruuziin itti bilcheessan itti jijjiiran illee jalqabeera.

Garuu ammoo, ogeeyyiin osoo dhimmoota diinagdee gadi fageenyaan hin furiin tarkaanfiiwwan gosa akkasii qofti gahaa ta'uu isaanii irratti gaafii kaasu.

Namoonni koviidiin dura qarshiin dabalataa kiisha isaanii keessa jiru baasuuf maallaqni biraa akka isaan barbaachisu dubbatu.

''Chaayinaan hafuura bineensa ummataa deebisuu qabdi, ammallee kanarraa fagaannee jirra,'' jedhan Baankii Istaandardii Chaartard keessatti Ogeessi Diinagdee Olaanaa Chaayinaa Guddittii fi Eeshiyaa Kaabaa, Shuwaang Ding.

"Dameen dhuunfaa invastimantii gochuu fi kalaqa yoo jalqabe, sun galii fi ilaalcha hojii dabaluu danda'a. Akkasumas namoonnis ofitti amanamummaa caalaa ni qabaatu."

Akkasumas liqiin mootummaa cimaanii fi hoji dhabdummaan qusannaa fi baasii irrattis dhiibbaa uumeera.

Odeeffannoon mirkannaa'e akka agarsiisutti, baayyinni dargaggoota hojii qabnee kan vaayirasii koronaatiin duraa wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu ol'aanaadha, daballiin mindaa ammoo akka dhaabbate agarsiisa.

3. Daldalli akka durii gara Chaayinaatti yaa'aa hin jiran

Pirezidaanti Shiin indaastiriiwwan ammayyaa mootummaan ''humnoota oomishaa haaraa'' jedhee waamu irratti invast gochuuf waadaa galaniiru.

Hanga ammaattis, sun Chaayinaan meeshaalee akka oomishaalee anniisaa haaromsamuu kanneen akka paanaalii aduu fi baatirii konkolaataa elektirikii, irratti adda duree akka taatu gargaareera.

Bara darbes, Chaayinaan Jaappaan caaltee addunyaarratti konkolaataa hedduu erguunshee ni yaadatama.

Haata'u malee, haalli dinagdee ifa hin taane, taarifa irratti wanti mirkanaa'ee dhabamuu fi mirkanaa'uu dhabuun ji'oopoolitikaa biroo, fedhiin invastimantii Chaayinaa keessatti daldaltoota biyya alaa irraa qaban gadi bu'a jechuudha.

Kunis waa'ee invastimantii biyya alaa ykn biyya keessaa miti, daldaltoonni egeree ifaa ta'e akka hin argan jechuudha jette, Isteefaanii Lee'ung, waltajjii bulchiinsa qabeenya StashAway irraa. "Invastaroonni gosa adda addaa akka dhufan arguu barbaadu."

Sababoota kana hundaatiif, ogeeyyiin tarkaanfiiwwan dinagdee deeggaruuf fudhataman garuu dhiibbaa taarifa haaraa Ameerikaan kaa'uuf jiru gartokkeessaa qofa salphisa danda'a jedhanii amanu.

Beejiing tarkaanfiiwwan gurguddaa, kan ija jabinaa fudhachuu qabdi yookaan ammoo dinagdeen saffisaan guddataa akka hin jirree fudhachuu qabdi jechuun Ogeessi Diinagdee Olaanaa Chaayinaa Goldmaan Saachs Hui Shaan gabaasa dhiheenya kana baasaniin kan barreessan. Itti dabaluunis, "Kan duraa filatu jennee eegna."

''Chaayinaan tasgabbii hawaasummaa mirkaneessuuf gabaa qabeenyaa tasgabbeessaa fi carraa hojii gahaa uumuu qabdi,'' jedhan Obbo Ding Baankii Istaandardii Chaartard irraa.

Akka qorataan Chaayinaa Dissent Monitor jedhutti, Chaayinaa keessatti mormiin 900 ol hojjettootaa fi abbootii qabeenyaatiin durfamu ji'a Waxabajjiitii hanga Fulbaana 2024tti ture. Kunis kan yeroo walfakkaatu waggaa duraa irraa %27n caala.

Dhiphinni hawaasummaa akkanaa sababa komii dinagdee fi qabeenyi manca'uu irraa kan ka'e Paartii Koominiistii Chaayinaatti yaaddoo ta'a.

Hundaafuu, guddinni dhoo'aan Chaayinaa gara humna addunyaatti kan jijjiire yoo ta'u, waadaan badhaadhina dabaluu ammoo hoggantoota ishee mormii irratti golgaa cimaa akka haguuganiif baay'inaan gargaareera.