Tiraamp filatamuun isaa Itoophiyaaf hiika attamii qaba?

Filannoon Pirezidantummaa Ameerikaa Sadaasa 5, 2024 gaggeeffameerratti Donald Tiraamp Rippabilikaanota bakka bu'uun, Kamaalaa Haaris ammoo Dimokiraatota bakka buutee duula cima gaggeessaa turan.

Filannoo hanga guyyoota dhumaatti baayyee kokkee wal qabachuun deemaa tureen, Doonaald Tiraamp injifachusaa labseera.

Guyyaa filannootiin booda Tiraamp battalaumaan garaagarummaa olaanaadhaan dursaa kan jiran yoo ta'u, injifachuu isaas deeggartootaaf labsaniiru.

Jijjiramni kun dhumarratti haa mul'atu malee hanga jalqaba torban kanaatti garaagarummaan guddaan kaadhimamtoota lamaan jidduutti hin mul'anne waan ta'eef dorgommichi akkan cimaa ta'uu akka malu tilmaamamee ture.

Amma Doonaald Tiraamp waggoota afran dhufaniif Ameerikaa akka bulchan labsuudhaan Ministira Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad dabalatee dureewwan biyyoota garaa garaa ergaa baga gammaddee dhaamaaf jiru.

Filannoon kunis lammilee Ameerikaa qofaaf osoo hin taane, xiyyeeffannoo guddaa addunyaas ta'eera.

Miseensonni dayaaspooraa Afrika- Ameerikaa jiraatan akkuma sochii misoomaafi daldalaa biyyattii keessatti gumaacha guddaa qaban, siyaasa biyyattii keessattillee hirmaannaa guddaa taasisaa jiru.

Garuu dhimmi imaammata godaansaa Ameerikaa dhimmaa xiyyeeffannoon guddaa kennameefidha.

Lammilee Afrikaa baay'inaana Ameerikaa keessaa jiraatan keessaa lammileen Itoophiyaa filannoo kana akkamiin ilaalu?

Itoophiyaaf hiika akkamii qaba? Bulchiinsi Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimediif hoo, Doonaald Tiraamp filatamuunsaa Itoophiyaadhaaf hiikaa attamii qabaata?

Akkasumas, kamtuu imaammataafi carraawwan lammilee Itoophiyaas ta'ee mootummaa Itoophiyaa fayyadu qabate isa jedhurratti bakka buutoonni hawaasaa yaada isaanii BBC'f qoodaniiru.

Eenyuyyu haa filatamu imaammatin Alaa Ameerikaa dhaabbataa waan ta'eef filamtoota kana irratti hundaa'e Itoophiyaatti jijjiiramni imaammataa guddaa jiraachuu baatus tumsaafi deeggarsa jiruun garuu garaagarummaa qabaachuu mala.

Hooggantuu Waldaa Oromoo 'Legacy Leadership and Advocacy' kan Ameerikaatti argamuu kan taate Addee Seenaa Jimjimoo, Tiraamp sababa jaalala ykn gaa'ela saala wal fakkaataa mormaniif namoota Itoophiyaa biraa deeggarsa argataa jiru jetti.

Ammoo Itoophiyaafi Afrikaaf Kaamalaa Hariis wayya ture jechuun ibsiti. "Bulchiinsi Demokiraatootaa dhimmoota dimokiraasii, mirga namoomaafi bulchiinsa gaarii guddisuudhaan hariiroo Ameerikaafi Afrikaa cimsuurratti xiyyeeffata" jetti.

Kaayyoon Demokiraatotaa hoggantootaafi dayaaspooraa Afrikaa waliin hariiroo cimaa uumuu, misooma, nageenyaafi guddina dinagdee tumsaan deeggaruun, akkasumas dhaabbilee idil-addunyaa kanneen akka G20, Baankii Addunyaafi IMF keessatti bakka bu’ummaa Afrikaa deeggaruu waan ta'eef Mootummaa Itoophiyyafillee paartiin Demokiraatotaa iinjifachuun akka irra wayyu ibsiti Aadde Seenaa Jimjimoo.

Hayyuu seeraa fi siyaasa Itoophiyaas ta’e US itti dhiheenyaan kan hordofan Nageessaa Oddoo Duubee, yaadaa seenaarra adda ta'e dhiyeessa. Itoophiyaaf Tiraamp filatamuutu caalaatti murteessaa ta'uu mala jedha.

Obbo Nageessaan filannoon Ameerikaa gama kamiin Itoophiyaarrattis ta'ee addunyaa mara keessatti dhibbaa akka qabu ibsuun, mootummaa Itoophiyaaf Donaald Tiraamp injifachuun akkamiin akka irra wayyu yaadasaa dhiyeessa.

Osoo Kaamalaan injifattee Itoophiyaaf haalli Ameerikaa haaluma kanaan duraatiin itti fufuu danda'a. Tiraamp garuu imaammatasaa keessatti karoora Pirojektii 2025 jedhu qabatee jiru keessatti waan Itoophiyaa fayyadu qabaachuu akka mau dubbata Obbo Nageessaan.

"Itoophiyaaf jijjiramoonni xiiqqoonillee jiraachuu mala, garuu Tiraamp mo'achuun biyyota Afrikaa hedduu dabalatee mirga namoomaa caalaa daldalaa fi dhimma nageenyaarratti xiyyeeffannoo kennuu danda'a" jedhan.

Dorgommii Chaayinaan Afrikaarratti gootu caaluufis Afrikaatti daldala cimsuufi pirojeektiwwaan adda addaa deeggaruu mala.

Fakkeenyaaf, dhimmaa Somaaliyaarratti Itoophiyaa deeggaruu, Somaliilaandiif beekamtii kennufi olaantummaa Itoophiyaan Gaanfa Afrikaa irratti akka qabaattuuf kan Kaamalaa Haaris caalaa bulchiinsi Tiraamp deeggaruu akka danda'u eera.

Eenyuyyuu injifatu imaammanni Ameerikaa wal fakkataa ta'uu kan dubbattu Seenaan, garuu akkuma biyyoota Afrikaa kaanii, Itiyoophiyaan karaa IMF, Baankii Addunyaa, ykn karaa gargaarsa Ameerikaafi idil-addunyaa irratti hirkattee jirti, jette.

Deeggarsaafi tumsa dhaabbilee, idil-addunyaa argachuu fi carraawwan biroollee argachuuf Dimokiraatonni injifachuun akka wayyu ibsiti Addee Seenaa Jimjimoo

"Wayita Abiy gara aangootti dhufe partiin Tiraampifaa akka deeggaran kan yaadatu Obbo Nageessaan, waraana kaaba Itophiyaatti umameerrattillee dhibbaan gareen Rippaablikaanotaa Abiyyirratti geessisaan xiqqaa ta'uu hima.

"Rippaablikaanonni dhimmaa keessoo biyyaa keessa galurratti hangas maraa miti. Waraana kaabaa Itoophiyaan Demokiraatonni Abiy irraan dhiibbaa guddaa geessisan. Boodarra amma AGOA (carraa daladalaa qaraxa irraa bilisaa Afrikaaf kenname) keessa baasutti ga'e. Tiraamp filatamuun kanallee sirreessu danda'a" jedha Obbo Nageessaa Oddoo Duubee.

Dhimma mirga namoomaa caalaa dhimma shororkeessummaa ittisuufi nageenyaarratti waan xiyyeefatuuf wal dhabdee Somaliyaafi Itoophiyaa irratti dhimmi ga'ee Itoophiyaan shororkeessummaa ittisuufi Gaanfa Afrikaa irrattillee dhibbaa umuu dandeessu Kaamalaa Haaris caalaa Doonaald Tiraamp deeggaruu akka danda'u tilmaamasaa kaa'a hayyuun seeraa Obbo Nageessaan.

Dhimmaa godaansa

Dhimmi godaansaa bakka kaadhimtoonni lamaan garaagarummaa guddaa itti qabanidha. Tiraamp godaantota miliyoonaan lakkaa’aman, tarii godaantota seera qabeessa ta’an tokko tokkollee dabalatee biyya keessaa ari’uu barbaada.

Wayita Amerikaa bulchaa tures godaantota seeraan alaa karaa daangaa Meeksikkoo akka hin gallee baajata guddaa ramaduun dallaa ijaarsise.

Kana malees, godaantoa Afrikaa fi biyyoota Islaamaa irraa gara Ameerikaa akka hin galle dhorkaa adda addaa kaa'aa ture.

Gama biraatiin Kamaalaa Haaris ofiishee sanyii godaantota irraa kan dhufte yoo ta'u, abbaan gurraacha Jamaayikaa, haadhaan ammoo Indiyaarraa waan dhufteef, imaammatniifi ilaalchi dhimma godaantotaarratti qabdu kan Tiraampirraa addadha.

Kanaaf, Kaamlaa Haaris dhimma godaantotaarratti ejjannoon Demokiraatotaa waan qabduuf dhorkaa gama godaantotaafi daangaa banaafi laafaa ta'a jetti Aaddee Seenan

Akkuma Seenaa Obbo Nageessanillee dhimma godaantoaa ilaalchisee ejjannoon bulchiinsa Tiramp hammaataa ta'uu danda'a jedhe.

''Keessumaa baqattoota gurraachi gara Ameerikaa akka hin seenne, kanneen seenanillee qorannoon dabalataa akka taasifamu taasisaa ture. Tiraamp filatamnaan ammas baqattootaafi maatii baqattootaaf haala hammataa ta'uu mala."

Carraa kanaan yakkamtoonniifi shororkeessitioonni gara Ameerikaa galu kan jedhan Tiraamp hasaan isaan duula na filadhaa bara kanaarratti taasisan kan baqattoonni sareefi adurree nu jalaa nyaatan jedhanillee ijoo dubbii ta'ee ture.

"Tiraamp morkattuun isaa Kaamalaa Haarisillee kan ittin qeeqan tokko dhimma godaansati kan jedhu Obbo Nageesssan, akka nurra garagagalaan goote kan jedhuuf kanaaf'' jedha.

''Tiramp filatamuun kessumaa godaantota seeran alaaf waan ulafaataa ta'uu akka danda'uun yaadaa" jedha Nageessaan.

Filannoon Ameerikaa lammiile Itoophiyaaf hiika akkamii qaba?

Dhalattoonni Itoophiyaa Ameerikaanota ta’aniifi filannoo US 2024 irratti filachuu danda’an miliyoona walakkaa ol ni ta’u jedhamee tilmaamama.

Dhalattoonni Itoophiyaa irra caalaan isteetiiwwan Ameerikaa filannoof murteessoo ta’an ‘swing states’ jedhaman keessatti argamuun isaanii ammoo sagaleen isaanii akkaan barbaachisaa taasisa.

Isteetiiwwan morkii cimaan itti gaggeeffamu (Swing states) Ameerikaa bakka paartileen gurguddoo lamaan Dimokiraatonniifi Rippabilikaanonni deeggartoota walqixa ykn walitti dhiyaatu qabatanidha.

Bakka akkasii kana keessatti dorgommiin ijibbaachisaan waan ta’uuf sagaleen tokkollee akkaan murteessituudha.

Isteetiiwwan akkasiis: Pensilveeniyaa, Dalaas-Hawustiin, Siyaatil, Loos Anjeles fi Saan Firaansiiskoo Kaaliforrniyaa fa’i.

Sagaleen dhalattoota Itoophiyaa isteetiiwwan kanneen keessa jiran fedhiifi egeree hawaasa isaaniifi kallattii siyaasa biyyattiirratti dhiibbaa xiqqaa hin taane akka qabaatu amanama.

Filannoo kana irratti hawaasni Oromoo biyya sana jiraatu dhimma siyaasaa dinagdee fi daldalaa, nageenyaa fi kanneen biroo irraatti eenyu akka wayyu madaalanii sagalee isaanii kennu.

Haa ta'u malee, Pirezidaanti Tiraamp nama tilmaamuun kan hin danda'amnedha. jetti Seenaa Jimjimoo

Sababni isaa yeroo baayyee imaammata baastoota irraa haala adda ta'ee yeroo baayyee dhimmoota xixiqqoo kan akka waldhabdee miidiyaa hawaasaa irratti hundaa'uun murtoo kennuu mula'ataa turee jetti.

"Yoo Haaris injifate itti fufiinsa dhimma mirga namoomaa irratti tarkaanfii cimaa ta’e fudhatamuu danda'a, Tiraamp yoo injifate ammoo miira isaa irratti hundaa'uun akkataa inni itti murteessutu eegama"

Filannoo kun filannoo imaammataa qofa osoo hin taane filannoo namoomaallee ilaallata jette.