US Itoophiyaa dabalatee lammiilee biyyoota 36 irratti dhorkaa imalaa kaa'uuf

Bulchiinsi Doonaald Tiraamp, lammiilee Itoophiyaa dabaalatee lammiileen biyyoota 36 gara Ameerikaa akka hin seenne dhorkuuf yaada akka qabu himame.

Dhimma kana ilaalchisees miidiyaaleen Rooyitars fi Waashingitan Poost sanada Waajjirri Dhimma Alaa US qopheesse ilaaluu eeruudhaan gabaasan.

Maqaan biyyoota dhorkaan imalaa irra kaa'amuuf yaadame sanada Ministira Dhimma Alaa US, Maarkoo Ruubiyoon mallattaa'eefii dipilomaatotaaf qophaa'erratti kan tarreeffame yemmuu ta'u, sirreeffamoonni biyyoonni tarree kana keessaa bahuuf taasisuu qabanis eerameera.

Akka sanada kanaatti dhorkaan imalaa kun hojiirra oluusaatiin dura biyyoonni lammiileensaanii gara US akka hinseenne guutummaatti yookiin gariin dhorkaan irra kaa'amu wantoota sirreeffachuu qaban akka sirreeffataniif yeroon ji'oota lamaa ni kennamaaf.

Sanadni dhuma torbee darbetti diplomaatota dhimmichi ilaallatuuf raabsame kun, "ulaagaaleefii dirqamawwan (Waajjirri Dhimma Alaa) kaa'e guyyoota 60 keessatti hinguutan taanaan biyyoota yaadessoo dhorkaan imalaa guutuun yookiin gariin irra kaayamu 36 adda baasera" akka jedhu Royitars gabaasera.

Biyyoota lammiileensaanii guutummaatti yookiin gariin gara US akka hinseenne dhorkamuu danda'an 36 keessaa biyyoonni 25 biyyoota Afrikaa keessatti argaman yemmuu ta'an, Itoophiyaanis biyyoota kunneen keessaa ishee tokkodha.

Ji'a Caamsaa darbe keessa Pirezidaant Tiraamp yaada 'nageenya biyyafii ummata biyyasaanii eeguuf' jedhuun Eertiraa, Sudaan fi Somaaliyaa dabalatee biyyoota 12 irratti dhorkaa imalaa kaa'uunsaanii ni yaadatama.

Dhorkaa ji'a Caamsaa kanaan biyyoota ollaa Itoophiyaa ta'an jaha keessaa sadi dhorkaan imalaa irra kan kaayame yemmuu ta'u, dhorkaa ji'oota lama booda hojiirra ooluu danda'a jedhame keessattimmoo Itoophiyaan hammatamteerti.

Murteen kun hojiirra kan oolu yoo ta'e lammiileen biyyoota gaanfa Afrikaa hundi gara Ameerikaa (US) akka hinseenne dhorkaan irra kaayama jechuudha. Biyyoota ollaa Itoophiyaa keessaa dhorkaa kanarraa bilisa kan taates Keeniyaa qofadha.

Biyyoota Afrikaa yaadni dhorkaa imalaa irratti dhiyaate 25 keessaa muraasni Jibuutii, Sudaan Kibbaa, Ijipt, Yugaandaa, Taanzaaniyaa fi Naayijeeriyaadha.

Sanadni Waajjira Dhimma Alaa US sababa lammiilee biyyoota kunneeniirratti dhorkaa imalaa kaa'uuf itti karoorfattes himee jira.

Sababoota kunneen keessaa biyyoonni kunneen sanada amansiisaa ta'efii eenyummaa lammiilee adda baafachuu dandeesisu dhiyeessuurratti hanqina dandeettii qabu akkasumas nageenyummaan paaspoortiisaanii "shakkisiisaadha" kunneen jedhan ni argamu.

Biyyoonni tokko tokkommoo lammiileesaanii Ameerikaadhaa akka bahan ajajaman simachuuf (fudhachuuf) haala mijataa uumuuf heeyyamamoo miti kan jedhaman yemmuu ta'u, kaan immoo lammiileensaanii Viizaa argatanii gara Ameerikaa seenan hamma heeyyamameef ol biyyattii keessa turuunsaanii dhorkaa yaadameef sababa akka ta'e himameera.

Dabalataan lammiileen biyyoota kunneenii gochaalee shororkaa Ameerikaa keessatti raawwataman keessatti hirmaachuunsaanii, yookiin sochiilee farra Seem fi farra Ameerikaa keessatti hirmaachuun dhorkaa kanaaf sababa akka ta'anis sanadicharratti eerameera.

Haa ta'u malee dhimmoonni sanadicharratti sababoota dhorkaa imalaa ta'uun dhiyaatan kunneen biyyoota hunda kan ilaallatan osoo hintaanee haala biyyootaafii hirmaannaa lammiileerratti hundaa'uun garaagarummaa kan qabu akka ta'e himameera.

Pireezidaant Doonaald Tiraamp yeroo lammaffaaf gara aangootti dhufuuf yemmuu dorgomanitti dhimma godaantotaa ajandaa ijoo godhatanii kan turan yemmuu ta'u, battala aangoo pirezidaantummaa qabatanittis murteewwan godaantota ilaallatan murteessuun hojiirra oolchuu eegalan.

Ji'oota darbanirraa eegalees duulawwan godaantota osoo hin galmaa'iin biyyattii keessa jiran adamsuun akka hidhamanfii biyyattii keessaa ari'aman taasisan adeemaa jiru. Dhimma kana ilaalchisee qeeqawwanfii mormiin irratti dhiyaatus Tiraamp garuu ejjennoosaaniitti cichaniiru.

Kana malees tarkaanfii godaantota ari'uun cinatti dhorkaa lammiileen biyyoota 12 gara Ameerikaa akka hinseenne ittisu ji'a Waxabajjii 1, 2017 irraa eegalee hojiirra oolchaniiru.

Waajjirri Dhimma Alaa Ameerikaas dhorkaa lammiileen biyyoota garagaraa gara Ameerikaa akka hinseenne dhorku kana babal'isuun yaada murtee lammiileen biyyoota 36 gara Ameerikaa akka hinseenne dhorku qopheessera.