'Bakki nagaanis, bakki dhaqaniis hin jiru': Haala lammiilee Iraan keessa jiran

Lammiileen Iraan haala amma keessa jiran irratti BBCtti wayita dubbatan, hunduu ''ugguramneerra'' jedhu.

Haleellaa Israa'el guyyoota sadiif gaggeessaa turtee fi ammas itti jirtu dheessuuf ''namuu baqachuuf yaada akka qabu,'' dubbata.

Jiraataan tokko BBC Afaan Pershiyaatti wayita dubbatu ''namuu kallattii danda'een Tehraan gadhiisee baqachuu fedha,'' jedhe.

Dilbata kaleessaa buufataaleen boba'aa magaalaa Tehraan keessa jiran hiriira namootaa dhiphatanii oolan.

Namoonni hedduun magaalattiirraa fagaatanii jiraachuu fedhu.

Iddoowwan haleellaan Israa'el itti hammaatan keessaa ijoon magaalaa Tehraan fi naannawa isheeti. Namoonni iddoowwan kunneen gadhiisuuf daandii qabatan hedduudha.

Garuu sababa heddummina namaatiin daandiin waan cuccufameef karaa deemuunuu rakkisaa ta'eera.

''Tehraan nagaa hin qabdu, kun ifa,'' jedhe jiraataan magaalattii tokko.

''Waa'ee haleellaa Israa'el akeekkachiisi aanga'oota mootummaarraa nu ga'eera. Ammuma ammoo dhohiinsa sagalee guddaa qabu dhageenya, qe'een keenya nagaa ta'uu mirkaneeffachuu hin dandeenyu. Garuu eessa deemna? Bakki nagaan hin jiru.''

Namni Tehraan keessaa ba'uun iddoo biraa deemuu danda'e tokko akkas jedhe: ''Dirree waraanaaf hin qophoofne. Yoom akkan qophaa'us hin beeku. Waraanni kun kiyya miti. An garee lameenuu hin deeggaru. Maatii kiyya waliin jiraachuu qofan fedha.''

Erga Israa'el Jimaata darbe qilleensarraan Iraan irratti haleellaa hamaa waggoota dhiyoo as isa cimaa ta'e eegaltee biyyoonni lameen waraana cimaatti seenanii jiru.

Haleellaan Israa'el hammaannaan Iraan ammoo deebii kennuu eegalte. Sababa kanatti biyyoonni lameen yeroo ammaa misaa'elaan wal haleelaa jiru.

Haleellaa Iraan qilleensarraan Israa'el irratti raawwataa jirtuun hanga ammaatti namoonni kurna caalan ajjeefamaniiru.

Gama kaaniin miidiyaan Iraan ministeera fayyaa biyyattii wabeeffachuun akka gabaasetti haleellaa Israa'eliin hanga ammaa yoo xiqqaate namoonni 128 ajjeefamaniiru.

Lakkoofsi kun kan hanga Sambata guyyaa walakkaatti turedha. Ergasiis biyyoonni lameenuu wal haleeluu cimsaniiru.

Kanaanis lakkoofsi namoota du'anii kan Iraan 224 ga'uu fi kan Israa'el hanga 19 ga'uun barameera.

Dubartiin Iraan tokko halkan lamaan darbaniif hirriba rafuu akka hin dandeenye BBCtti himte.

''Dhugaadha, haala hammaataa, suukanneessaa keessan jira.''

Haleellaan ammaa kun kan bara waraana Iraan fi Iraaq ture akka ishee yaadachiise dubbatte.

Bara sana, 1980oota keessa, isheen daa'ima turte. Dhukaasi misaa'elaa fi dhohiinsi gurguddaan bakkaa bakkatti mudatu taatee daa'imummaashee akka ishee yaadachiisu himte.

''Garaagarummaan gidduusaanii jiru, yeroo sana haleellaan mudachuu dura akeekkachiisi nu ga'a ture. Amma garuu akeekkachiisa tokkollee osoo nuti hin dhagahin haleellaan qilleensarraan raawwatama.''

Dhalooti ammaa, kan waraana Iraan fi Iraaq booda dhalatan waraanni sun maal akka fakkaatu hin beekan jedha gaazexeessaan BB Afaan Pershiyaa Ghoncheh Habibiazad.

Dubartiin jiraattuu Tehraan taate kan biraan akkaataa magaalattii keessaa ba'uun haleellaa jalaa miliqxu itti yaadaa jiraachuu dubbatte.

''Hundi keenyayyuu fagaannee deemuu feena. Gara magaalota xixiqqoo ykn gandoota xixiqqootti baqachuu barbaanna. Garuu hundi keenya nama of biraa qabna, maatii qabna, jaalallee qabna. Isaaniif yaaddofna,'' jette.

''Wanti nurra ga'aa jiru kun kan nuuf malu miti, uummata Iraaniif kun hin malu.''

''Namuu guyyoota haleellaan raawwataman kunneen yaaddoo fi rifannaa keessa jira. Dhiphina fi dadhabbii hamaa keessa jirra. Haala baayyee hamaa fi nama dhukkubsu,'' jechuun ibsite.

Jiraataan kan biraan ammoo akkas jedha: ''Tehraan gadhiisee deemuu hin danda'u. Maatii fagoo deemuu hin dandeenyen qaba. Isaan dhiisee fagaadhee deemuu hin danda'u. Asuma taa'een eega. Maal gochuun danda'a?'' jedhe.

Amma Iraan keessatti interneetiin akka duriitti hojjetaa hin jiru. Kanaafuu uummata biyyattii keessa jiran quunnamuun haala isaan keessa jiran hubachuun rakkisaadha.

Lammiileen Iraan biyyoota alaa jiraatan hedduun maatii fi firoota isaanii biyya keessa jiraniif ergaa barreessaafii jiru, tarii ni deebisuu? jedhanii abdiidhaan eegu.

Lammiileen Iraan hedduun iddoowwan buufataalee waraanaa Iraan gadhiisanii ba'uu akka qaban akeekkachiifamaniiru.

Akeekkachiisa kanaan hunda caalaa kan yaadda'an jiraattota magaalaa Tehraan.

''Bakka buufata waraanaa akkamiin beekna? Bakka kam dhiifnee, eessatti ammoo akka baqannu hin beeknu,'' jedhe namni tokko.

Gama kaaniin ammoo Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu haleellaa guyyaa lammaffaa booda dhaamsa lammiilee Iraaniif dabarsaniiru.

''Yeroon lammiileen Iraan itti tokkummaawan amma. Walabummaasaaniif yeroon itti ka'an dhufeera,'' jedhan qondaalli Israa'el kun.

Haata'u malee ergaan kun waan lammiilee Iraan keessa seene hin fakkaatu. Ummanni Iraan akkuma amma jiranitti nagaadhaan jiraachuu fedhu.

Wanti Neetaaniyaahuun jedhan lafarratti qabatamaan jiraachuu ragaan mul'isu hin jiru.

Iraan keessatti haalli baayyee yaaddessaan manneen jireenyaa gar malee barbadaa'uudha.

Buufataaleen nukilaraa fi humna qilleensaa haleelamuu caalaa jechuudha.

Gaazexeessaan BBC Afaan Pershiyaa lammiileen Iraan hedduun erga waraana Iraan fi Iraaq bara 1980oota keessa mudatee as mancaatii akkasii arganii hin beekan jedhe.

Keessattuu handhuura magaalaa Tehraanitti haalli akkanaa mudatee hin beeku.

Jiraattonni Tehraan, akkasumas kutaalee Iraan bakka biraa jiranis, taateen Jimaataa bitaa itti galuu himaniiru.

Maaltu mudataa akka jiru, haleellaan kun hangam cimaa akka ta'ee fi yeroo hangamiif akka itti fufu, akkasumas akkamiin ofiisaanii fi maatiisaanii baraaruu akka qaban hin beekan.