Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Keessummeessuu daandii qilleensaa keessa hojjettetti dubartii jalqabaa hoggantuu taate
Miitisukoo Tororii jedhamti, Amajjii keessa kan hoggantuu Daandii Qilleensaa Jaappaan ta'uun muudaman. Kun ta'uun ammoo dhaabbilee gurguddoo biyyattii keessatti ajaa'ibsiifannaa guddaa uume.
Adde Totoriin hoggantuu dubartii jalqabaa qofaa osoo hin taane, hoggummaashee miseensa keessummeesitoota xiyyaaraa ta’uun eegalan.
Miidiyaalee biyyattii irrattis taateen kun ‘‘dubartii jalqabaa, hojjattuu daandii xiyyaaraa duraanii jalqabaa, kan hin baramneefi waan hin taane!’’ jechuun mata-duree oduu ta’eera.
Marsariitii tokko sirumayyuu, ‘‘molakiiwul uumama hin beekamneedha’’ jechuun ishee ibse. Aadde Totoriin garuu ‘‘ani waa’ee uumama hin beekamne’’ jechuun ture koolfaatii kan dubbatan wayita Tokkiyoorraa BBCtti dubbatanitti.
Aadde Totoriin hayyoota daldalaa daandii qilleensaatiif muudaman keessaa kan dhufan miti.
Dhiiroota 10 kanaan dura aangoo kana qabatanii turan keessaa, torba kan yunivarsitii beekamaa biyyattii keessatti baratanidha. Aadde Totoriin garuu kolleejjii jidduugala dubartoota qofatti baratan.
Amma keessa fooyya’aa dhufulleen, daandiiwwan qilleensaa dubartoonni hoggansa olaanaa itti ta’an baayyee gadaanaadha.
Totoriin erga aangoo olaanaa kanarratti muudamanii booda, daandiin qilleensichaas kaampaanoota gurguddaa Jaappaan dubartoonni dhibbeentaa tokko qofti dursan keessaa tokko ta’eera.
‘‘Ofii kiyya akka hoggantuu dubartii jalqabaa ykn akka keessummeessituu balaliinsaa jalqabaatti of hin ilaalu. Akka nama itti-gaafatamummaa qabu tokkoottan hojjachuu barbaada. Kanaaf, xiyyeeffannaa baayyeen argadha jedhee hin eegne ture’’ jedhan.
Haata’u malee ,‘‘ummanniifi hojjattoonni akkasitti akka hin ilaalle hubadheera’’ jedhan.
Totoriin itti-gaafatamummaa kanarratti kan muudaman, erga Daandiin Qilleensaa Jaappaan (JAL) keessumeesitoota xiyyaara osoo qubachaa jiruu xiyyaara eegduu qarqara galaanaa waliin walitti bu’e keessaa imaltoota haala milkaa’een akka bahan gargaaran galateffataniin torban lamaan booda ture.
Xiyyaarri Daandii Qilleensaa Jaappaan lakkoofsa balaliinsaa 516 ta’e tokko buufata xiyyaaraa Tookiyoo Haaneedaatti xiyyaara gara biraatiin walitti bu’ee ibiddi itti qabate.
Balaa sanaanis namoota xiyyaara eegdoota qarqara galaanaa keessa turan jaha keessa shan kan du’an yoo ta’u, balaliinsaan miidhaan irra gahe.
Haata’u malee yeroo xiyyaaroonni walitti bu’aniitti, imaltoonni 379 kanneen Erbaas A-350-900 keessa turan nagaan bahaniiru.
Hojjattoonni xiyyaarichaas hojii hojjataniif xiyyeeffannaa addaa argatanii turan.
Totoriinis akka hojjattuu balaliinsaa duraaniitti nageenyi aviyeeshinii hangam kan dursi kennamuu ta’u akka qabaatu taatee kanaan hojjaan agarsiisaniiru.
Totoriin bara 1985tti erga keessummeessituu balaliinsaa ta’anii baatii afuriin boodas balaan mudatee ture. Balaa daandiin qilleensichaa mudatee sanaanis seenaa aviyeeshinii keessatti kan xiyyaara tokkoorratti namoonni baayyeen ittiin du’an ture.
Balaa xiyyaaraa gaara Okusuutaakaa irratti qaqqabe kanaanis namoota 520 lubbu dhabe.
Totoriin akka jedhaniitti, hojjattoonni daandii qilleensichaa gara gaarichaa bahuudhaan, namoota balaa sana yaadatan waliin akka haasa’aniif carraan kennamuuf ture.
‘‘Caccabaa xiyyaarichaatiis hubannoo nageenyaa cimsuuf jidduugala keessa keenyee, kan barreeffamaan dubbifnu caalaa ija keenyaan ilaalaafii argaan qabachaa waa’ee balaa barataa turre,’’ jedhan.
Daandiin Qilleensaas bara 2020tti seenaa dhaabbata olaanaa biyyattiitti erga kisaaraa olaanaan mudayeen booda saffiisaan jijjiramaa jira.
Deeggarsa maallaqaa mootummaadhaan taasiifamuuf olaanaadhaan balaliinsa isaa itti fufuu kan danda’e yoo ta’u, boordiifii bulchiinsa dhaabbatichaarratti jijjiramni olaanaan taasifameera.
Yeroo dhaabbatichi kisaaraa keessa seenee tureetti, kan oolchan Kaazaa Inaamoorii, maanguddoo wagga 77 fi manoksee Budihaa turan.
Osoo namni kun daandii qilleensichaarratti jijjiramaa hin taasifne ta’e, namoonni akka Totorii hoggantoota daandii qilleensichaa ta’un hin yaadamu ture.
Inaamoorii afi-gaaffii bara 2012tti taasifameeniin, daandiin qilleensaa imaamltootaaf dhimma hin qabu, jechuun ija jabiinaan dubbataa turan.
Dhaabbatichi balaliistota fi injinaroota bara bulchiinsa isaanitti guddise.
‘‘Dhaabbatichi ofiisaa akka dhaaba dhuunfaatti waan hin lakkoofineef rakkadheen ture,’’ jedhanii turan hogganaan duraan daandii qilleensichaa Inaamoor.
“Aanga’oonni mootummaa duraanii baayyeenis dhimma dhaabbatichaa keessa seenaa turan,’’ jechuun jidduuseentummaan mootummaa akka ture himu.
Daandiin qilleensichaa bara aangoosaaniitii kaasee deebi'ee bayyanachuuf yeroo itti fudhateera.
Mootummaan Jaappaan lakkoofsa dubartoota hoggansarra jiraanii dabaluudhaaf waggoottan kudhan darbaniif yaalaa ture.
Bara 2030tti eddo hooggansaa dhaabbilee daldalaa gurguddaarra jiru keessa harka tokko afur dubartootaan akka qabatamu barbaada.
Karoora kana milkeessuufis yaadee kan ture 2020tti yoo ta’u, ta’us akka yaadameetti waan hin milkoofneef dabalataan wagga 10 dheeresse.
‘‘Kunis ilaalcha dogongoraa hooggansi dhaabbilee qaban qofaan miti. Dubartoonni gara aangootti dhuufudhaaf ofitti amanummaan murteessaadha’’ jedhu Totoriin.
Mudamuunsaa isheef dubartoonni dameewwan hojii yaalanii hin beekne akka yaalaniif ni jajabeessa jedhanii abdii akka godhatan ibsan.